Gibirri misooma malee yaaddoo ta’uu hinqabu

Tibba kana Finfinneetti namni baay’een waa’ee tilmaama kanfaltii gibiraa dubbata. Kunis akka waan haaraan gadi dhufeetti dubbatama. Wanti ta’e garuu kanfaltiin gibiraa mana jireenyaafi manneen daldalaa durumayyuu kan jiru ta’us kan keenyanii (girgiddaa)fi qoroqorroo dabalatee, manneen waliin jireenyaas hammatamuun tilmaamasaa akka kanfalaniidha.

Anaan wanti na dinqu yommuu wanti haaraa fakkaatu tokko adeemsa hojiirratti mul’atu dafnee ofitti fudhachuurra waan yaraasaa qofa yaaduun yaaddoo taasifachuu keenya. Mootummaan oggaa murtoo tokko murteessu akkanumaan lafaa ka’ee halkan tokkoon hinmurteessu; qorachiisee, mariisisee, muuxannoo ilaalee malee.

Kanaaf nu miidha jennee yaaduurra, “maal na fayyada?” jennee ilaaluun barbaachisaadha. Tarii haalli qaala’ina jireenyaa amma jiru yaaddoo ta’uu mala. Garuu yaaddoon keenya isa qofaarraa kan maddeedha jedhee hinamanu. Biyyi kun guddattee akka nuti hawwinu akka taatuuf numatu taasisa malee kan alaa dhufee nuu guddisu hinjiru. Mootummaanis qofaasaa dinqii uumuu hindanda’u. Numa harkaa sassaabee walitti qabee, karoorsee, qoodee hojiilee misoomaarra oolcha.

Gibira kanfaluu kan qabu ammoo lammii hunda. Biyyikoo maal naa goote jechuu qofa osoo hintaane ani biyyakoof maalin godhe jedhanii yaaduun barbaachisaadha. Haala biyya keenyaa yommuu ilaallu baay’een keenya waan dhabne lakkoofna. Fakkeenyaaf bishaan, ibsaa, daandii, mana jireenyaa, buufata fayyaafi kkf hinqabnu jenna. Kanas akka mootummaan guutuuf dirqama qabutti ilaalla.

Eeyyee mootummaan dirqama qaba; nutis akkasuma. Gibira nurraa eegamu yeroofi amanamummaadhaan kanfaluu qabna. Dhugaa jiru yoo ilaalle hojjettoota dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa akkasumas, dhaabbilee misoomaa keessa hojjetantu amanamummaadhaan gibira kanfala; kallattiidhaan tilmaamamee mindaasaaniirraa waan cituuf. Daldaltoonni hojiilee garagaraarra jiranis tilmaama waggaa kennameef ni kanfalu, hangam amanamummaa qabu inni jedhu akkuma jiruutti ta’ee.

Kana gidduutti garuu namoonni utuu dhaabbata kamittuu hinmindeeffamiin hojiilee garagaraa hojjetan, mana kireessuun galii argataniifi hojiilee xixiqqoo hojjechuun galii argatan gibira kanfaluun dirqama itti hinfakkaatu.

Muuxannoo biyyoota guddatanii yoo ilaallee lafeen dugdaa guddinasaanii gibira. Gibira kanfaluun dhimma gaaffii keessa seenu miti. Kanarraa kan ka’e gaaffii misoomaa kamuu gaafachuuf waan sodaatan hinqaban. “Anoo kana kennee, atimmoo maal hojette?” jedhanii ofitti amanamummaadhaan mootummaa gaafatu. Kana qofa miti, “galiin argamewoo hamma kanaa wanti hojjetamewoo maaliif xiqqaate?” jedhanii herrega buusuufis waanti isa dhorku hinjiru.

Nutis har’aa keenya osoo hintaane borii keenya, biyya dhalootaaf dhaalchisuu qabnu yaadaa gibira amanamummaadhaan kanfaluu amaleeffachuu qabna. Tokko kanfalee tokko dhiisee osoo hintaane hundi keenya akkaataa humna keenyaatiin biyya keenyaaf gumaachuu dirqama osoo hintaane jaalalaan fudhachuu qabna.

Adeemsa hojii keessatti rakkoo ijoo mul’atan mariidhaan hiikaa gungumuurra gammadaa waan biyyi keenya nurraa eegdu kennuufii qabna. Har’a rakkannee biyya ijaaramte dhalootaaf dhaalchisuun nurra jiraata. Dheebuun misoomaa keenya akka guutamuuf waan qabnu walitti fidnee olkaa’achuu qabna. Murtoowwan haaraa fakkaatanii akka biyyaatti murteeffamanis fagootti yaadda’uufi sodaachuurra ofitti fudhannee ilaallee beekumsarratti hundoofnee qeequutu gaariidha.

Namoota waan akkanaa qabatanii dantaa mataasaanii guuttachuuf oduuwwan garagaraa tamsaasaniif otoo gurra hinkennin biyya keenya waliin tokkomnee haa ijaarru; Itoophiyaa mijattuufi jaalatamtu fagootti hawwinus ofitti haa dhiheessinu. Gibira nurraa barbaadamu sirnaan haa kanfallu; gibirri misooma malee yaaddoo mitikaa.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Gibirri misooma malee yaaddoo ta’uu hinqabu”

  1. Pingback: dee88
  2. Pingback: unieke reizen
  3. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *