Naannolee adda addaa biyya keenyaatti sababoota walitti bu’iinsaatiin lubbuun namaa hedduun darbeera, kuun miidhaawwan akaakuuwwan gara garaatiif saaxilamaniiru; bu’uuraalee misoomaa dabalatee qabeenyi guddaanis barbadaa’eera.
Naannawawwan sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruufi hidhattoota duraanii hidhannoo hiikkataniif leenjiin haaromsaa kennamee hawaasatti akka makaman gochuuf mootummaan qaama dhimma kanarratti abbummaan hojjetu, Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa ji’oota muraasa dura hundeessee akka hojiitti galu taasiseera.
Haaluma kanaan komishinichi ergamawwan adda addaa kanneen akka miseensonni waraanaa duraanii naannolee Tigraay, Affaar, Amaaraa, Oromiyaa, Kibba, Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuzitti argamaniifi waliigalteewwan mootummaa wajjin taasisaniin hidhannoosaanii buusan akka hawaasatti makamaniifi dandamatan gochuu; akka isaan humna nagaa, dimokraasiifi misoomaa ta’aniif gargaaru diriirsuun qooda hojii komishinichaaf kennameedha.
Hojiin naannawawwan waraanaan miidhaman deebi’anii akka ijaaraman gochuu dhaabbilee naannoleefi federaalaa dabalatee hirmaannaa hundaa kan gaafatu waan ta’eef hojii qindeessummaas ni hojjeta.
Deebisanii dhaabuuf maallaqa olaanaatu barbaachisa. Kanaafuu, akkuma sagantaalee misoomaa kamuu kunis akka milkaa’uuf deeggarsiifi hirmaannaan dhaabbilee arjoomtotaa murteessaadha.
Kanumarratti hundaa’uunis komishinichi tibbana dhimma naannawawwan walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruurratti xiyyeeffachuun pirezidaantota naannolee wajjin mari’ateera.
Kanaanis bu’uuraalee misoomaa sababa walittibu’iinsaatiin barbadaa’an deebisanii ijaaruufi dhaabuuf humni walta’e daran barbaachisaadha.
Doolaarri Ameerikaa biliyoonni 20 sagantaa deebisanii ijaaruu waggoota shanan ittaananitti geggeeffamu kanaaf oolus waltajjicharratti kan ifoome yoo ta’u, iddoowwan qo’annoodhaan addaan bahanitti dameelee hawaasummaa, omishaafi bu’uuraalee misoomaa waliigalaatiif oolu doolaarri biliyoona 22.69 ta’uu qaqqabuunis ibsameera.
Waraanaafi walittibu’iinsa biyyattii mudateen bu’uuraaleen misoomaa faayidaa hawaas-dinagdee kennaniifi bu’uuraaleen misoomaa garmalee miidhamaniiru. Qe’eefi qabeenyarraa buqqa’uurra darbee aarsaa lubbuus hordofsiiseera.
Akka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicharratti jedhanittis, walittibu’iinsa naannawawwan tokko tokkotti uumameen bu’uuraalee misoomaafi hawaasummaa adda addaarratti miidhaan qaqqabeera. Qaamoleen hidhatanii socho’anis filmaata nageenyaa akka fudhataniif hojjetamaa jira.
Egaa, kan karoorfame kun akka milkaa’uuf hojii deebisanii ijaaruu maddiitti haalatti nagaa waaraa mirkaneessuun danda’amurrattis cichanii hojjechuun dhimma daran murteessaadha. Walittibu’iinsa kamuu haala qaroomina qabuufi karaa nagaqabeessa ta’een mariidhaan furuudhaan nagaa dheebotamaafi hawwamaa jiru dhugoomsuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechuun barbaachisaadha.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015
7 Comments to “ Deebisanii ijaaruu maddiitti…”