Ashaaraa Magariisaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti Doktar Gammadoo Daalee maal jedhu?

Tibbi gannaa amma keessa jiru yeroo waa’een qabeenya uumamaa kunuunsuu, biqiltuu dhaabuufi kanaan walqabatan bal’inaan ka’aafi irratti hojjetamaa jiruudha. Doktar Gammadoon hayyuu dhimmoota eegumsa naannawaa, lubbuqabeeyyii, biqiloota biyya keessaafi kkf irratti quuqama guddaadhaan hojjetaa jiraniifi turaniidha.

Hayyuun kun nama sadarkaa biyyaalessaa, naannoofi addunyaatti moodeela guddina magariisaa, ittifayyadama lubbuqabeeyyii ittifufiinsa qabuufi teessuma lafaa manca’e deebisuuf sochii guddaa taasisaniifi taasisaa jiraniidhas.

Hayyichi nama damee murteessaa kanaan muuxannoo waggaa 20 ol qaban yoo ta’u, waggoota kanneen keessatti hoggansa, qindeessaafi ogummaa teknikiirratti hojjetaniiru. Nutis kanuma bu’uura gochachuun yeroo isaan bakka hojiisaaniirraa gara Itoophiyaa dhufanitti argannee keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Gammadoon eenyu, eessattis dhalatan baratan? Achumaanis maqaa abbaa keessanii isa sirrii ta’e nutti himaa? Eessa eessa akka hojjettanis nuu ibsaa?

Doktar Gammadoo: Gammadoo Daaleen jedhama. Maqaan abbaa koo sirriin Daaleedha. Oggaan baradhurraa kaasee waa’ee maqaa abbaa koorratti rakkachaan ture. Namoonni Gammadoo Daallee jedhu dogoggoraan.

Bakki dhaloota koos akka moggaasa si’anaatti Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nagellee Arsiitti. Akkuma ijoollee qonnaan bulaa kamuu jireenyicha dhandhameera. Barnoota koo sadarkaa duraa manneen barnootaa adda addaa baadiyyaatti argamanittin hordofe.

Barnoota koo kutaa 6ffaa irraa kaasee hanga 12ffaatti Mana Barnootaa Magaalaa Nagellee Arsiitti argamuttin baradhe. Barnoota kootiin barataa cimaan ture; barataa sadarkaa 1ffaa jedhamudha.

Ergan barnoota koo kutaa 12ffaa xumuree booda Yunivarsitii Finfinneetti Baayolojiidhaan digirii koo jalqabaa hojjedhe. Ittaansuun Biiroo Barnootaa Oromiyaatti hogganaa waajjira barnootaa aanaafi godinaa akkasumas sadarkaa naannootti ekispartummaan waggoota afuriif tajaajileera.

Yunivarsitiidhuma Finfinnee, Muummee Baayolojiirraa digirii koo lammaffaa fudhadheera. Sana booda akkuman ‘JTZ’ waggaa tokkoof tajaajilee digrii sadaffaa hojjechuuf Jarman deeme. Ergan digirii koo sadaffaa fudhee deebi’ee booda Inistiitiyuutii Labbuqabeeyyii Itoophiyaa, damee bosonaatti daarektarummaan darbees daarektara muummee inistiitiyutichaa ta’uun waggoota jahaaf tajaajileera.

Ministira Naannawaa, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa ta’ee waggoota lamaaf hojjedheera. Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa marsaa 5ffaatti miseensummaan tajaajileera. Barsiisummaadhaanis istaafii Yunivarsitii Finfinneeti. Barattoota koo maastarsiifi doktareetii barsiisuufi gorsuudhaan tajaajileera; tajaajilaan jiras.

Faalaasama tokko qabanii kaan gadilakkisuu jedhamu hinhordofu. Hunduu wajjummaan akka deemu waanin argeefi beekuuf kan ogummaa koos ta’e teknikii hindhiisne.

Ergan ittigaafatamummaa ministirummaarraa ka’ee booda Inistiitiyuutii Guddina Misoomaa Magariisaa Idiladdunyaatti (Global Green Growth Institute) Ittigaafatamaa Biiroo Itoophiyaa ta’ee waggoota lamaaf hojjedheera. Amajjii darbeeraa kaasee ammoo inistiitiytichumatti Qindeessaa Qabiinsa Bosonaafi Qabeenya Uumamaa Naannawaa Afrikaa ta’een Abiijaan, Kootdivuwaaritti tajaajilaan jira.

Bariisaa: Faayidaan qabeenya uumamaa eeguufi kunuunsuu akkamitti ibsama? Hojii Inistiitiyutii Lubbuqabeeyyii keessatti hojjetamaa turerraas otoo waa nuu ertanii?

Doktar Gammadoo: Oggaa waa’ee qabeenya uumamaa eeguu kaasnu dhimma biqiltoota biyya keessaatu ka’a. Qabeenya uumamaa kan eegnu tajaajilli jireenya hawaasummaa, aadaa, dinagdeefi hafuuraa dhala namaa hundi waan isaan walqunnamaniifi. Yoo namni akka fayyaqabeessa ta’u barbaadame qabeenya uumamaa wajjin araaramuu qaba. Sammuun qabeenya uumamaatiin wal’aanama. Baasii keenya hunda yoo fudhanne ykn akaakuuwwan midhaanii erga dhalannee kaasnee nyaanne haa tarreessinuutii, maddi hundasaanii qabeenya uumamaati.

Fakkeenyaaf xaafii yoo fudhanne akaakuu qabeenya lubbuqabeeyyii Itoophiyaa keessaa isa tokko. Kanneen biroos tarreessuun ni danda’ama. Walumaagalatti qabeenyi uumamaa eegamuu qaba. Mirga eegamuus qabu. Garuu isaan eeguun kan nu dirqisiisu fayyina, qilleensa qulqulluufi kkf argachuufi.

Biqiltuuleen biyya keessaa haaluma uumamaasaanii keessatti tajaajilaa kennaa waan turaniif kan alaa fidneen bakka buusuurra yoo isaanuma fayyadamne hariiroon sun fayyaalessa ta’ee tajaajilaa irraa barbaadnu nuu kennuu danda’a. Kanaafi, qabeenyawwan uumamaa eeguu qabna kan jennuuf. Oggaa kana jennu garuu akeeka wayitiif, dhimma addaa tokkoof, fedhii addaa industiriif kan alaa hinfayyadamnu jechuu miti.

Fakkeenyaaf muka baargamoo otoo dura bu’oonni duraanii Itoophiyaa alaa fidanii Inxooxoorra dhaabuu baatanii bakkichi golgolaa’ee magaalaan kun ni bada ture; faayidaa qoraaniif kennu dabalatee jechuudha. Baargamoodhaan walqabatee waantonni falmisiisoon jiraatanis yoo akeeka wayiitiif fidnee dhaabne homaa miti.

Kan biyya keessaa qofa otoo hintaane warri kaanis nu barbaachisu, qoraan fa’iif waan oolaniif. Ummanni biyya keenyaa baay’een nyaata kan bilcheeffatu qoraaniin ta’uusaatiin. Qoraaniif ykn industiriif yaadamee kan alaa galu yoo fayyadamne dhiibbaan qabeenya uumamaarra ga’u ni hir’ata. Iddoon biqiltuun biyya keessaa ittibarbaadamu waan jiruuf isa achumatti kunuunsuu barbaachisa. Kanneen omishafa’iif barbaadnu ammoo alaa fidnee fayyadamuun dirqama.

Keessumaa kanneen bosona dhimma daldalaatiif jedhaman babal’isanii ittifayyadamuun gaariidha. Sababiinsaas ummanni biyya keenyaa baay’een nyaata bilcheeffachuuf qoraan waan fayyadamuuf. Fedhii kana guuttachuuf gara qabeenya uumamaa deemuurra kanneen faayidaa irranatti eerretti fayyadamuun gaariidha.

Waliigalaan qabeenya uumamaa kabajanii fayyadamuun, kunuunsuun, sirnaan qabuun, misooma waaraatiif oolchuun kana qofatu nu baasa jedhamee kan murtaa’u otoo hintaane akkuma haalasaatti ilaalamaafi murtaa’a.

Ani namoota sirritti Itoophiyaafi waa’eeshii beekan keessaa tokko. Biyyoota addunyaa hedduus argeera. Garuu kan akka Itoophiyaatti haala qilleensaafi qabeenya uumamaatiin badhaadhe hinjiru. Qabeenya qabnu kunuunsuu dhabuun keenya aarsaa akkamii nu kanfalchiisaa akka jiru namoonni biyyaa bahanii ilaalanii deebi’an sirriitti ibsanii agarsiisuu waan hindandeenyeef yoo ta’e malee Itoophiyaatti waantonni hundi haala walsimataa ta’een jiru jechuun ni danda’ama; yoo jiraatellee muraasa. Fakkeenyaaf yeroo gannaa Itoophiyaatti uffannaa kettaa (shamizii) qofa uffachuun ni danda’ama. Kana kan fide sanyiiwwan qabeenya uumamaa biyya keessaati.

Itoophiyaan qabeenya uumamaatiin adduma. Biyyi adda taate tun qabeenya uumamaashii adda ishee taasise addaan baastee beekuu qabdi. Qabeenyashii uumamaa adda ishee taasise sirnaan qabachuun, misoomaaf oolchuun, haala dhaloota ittaanuun kunuunsuun, eeguufi hogganuun, sirna diriirsuun, sirnicha fayyaalessa gochuun murteessaadha. Dirqamni kana gochuu ammoo hoggantootaafi lammiileeshii harka jira.

Paarkii Michummaa fakkeenyumaaf yoo fudhanne, bakka sana dur haalli fooyya’aan akka ture hubachuun nama hinrakkisu. Hanqinni dhiphina bakkaa otoo hintaane rakkoon yaadamaa akka jiruudha kan namatti agarsiisu. Raakkoon yaadamaa kun yoo baadiyyaa ta’e lafa hunda gara qonnaatti, magaalaatti lafa jiru ijaarsaaf oolchuurra misoomni uumama wajjin walsimatu karoorfamee hojjetamuu qaba. Kunis sirnaan hogganamuu qaba. Hojiin akkanaa yeroo murtaa’etti bifa duulaatiin kan adeemsifamu otoo hintaane sirnaan, hojmaata jaarmiyaatiin kan mil’atameefi utubame ta’uu qaba.

Bariisaa: Tattaaffiin isin dhimma eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti taasisaa turtan ammaan tana karaa qabateera, ittifufeera jechuun ni danda’amaa?

Doktar: Gammadoo: Eeyyee. Sirriitti malee; kunuu haala fooyya’aa ta’een. Fakkeenyaaf yeroon Inistiitiyutii Lubbuqabeeyyii turetti sanyiiwwan biyya keessaa akka badaniif diinni duraa qonna ta’uu kaasaa turre. Kun qormaata guddaas ture. Dhimma kana bakka ministirri muummeen jirutti hubachiisuu yaaleen ture.

Haalli hoggansi keenya qonna itti mil’ate sirriidha amantaa jedhu hinqabu. Dhugaadha, qonni damee ummanni baay’een ittiin buluufi sooruudha. Xiyyeeffannaan addaa kennamuufi akka qabu hinfalmisiisu.

Garuu qonni keenya fedhii amma jiru guutee kan dhaloota ittaanuufi guddina biyyaas akka mirkaneessu yoo barbaadame hunda balleessanii qonnaaf oolchuu otoo hintaane hojmaanni eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa qonnaafuu bu’uura ta’u yoo hinjiraanne akkuma gamoo bu’uura cimaa malee dhaabachuu hindandheenyeeti. Haala kanaan hojjechuu dhabuun keenya qonna keenya qormaata keessa galcheera.

Umuriidhuma keenyatti haalli ittifayyadama xaa’oofaa ilaaluun ni danda’ama. Ittifayyadamni xaa’oo daran dabaleera. Waantota uumamaan qaljummaa biyyee eegsisuu danda’an duguugnee akka badu goonee, madda biraarraa akka hindhufne taasisnee faallaa ittifufna jechuun balaafamaa ta’a.

Kanaaf qonni keenya hogganamuu kan qabu lafuma qabnurratti galteefi teknolojii fayyadamnee omishtummaa dabaluu qabna. Naannoon qonni ittigaggeeffamus eegamuu qaba.

Fakkeenyaaf lafa qonnaa Ameerikaa oggaa ilaallu bosona malee oyiruu qonnaa hinfakkaatu; kan bakkicha marsee argamu bosona waan ta’eef. Oyiruu ta’uunsaa kan beekamu oggaa qaawwa wayii argattee ykn dhaabattee ilaaltuudha. Jarmanis akkasi. Biyyoonni guddatan kaanis akkas godhu. Qonni jiddugaleessa bosonaatti kan adeemsifamu. Nu biratti bosonniifi qonni akka waan diina walii ta’aniitti ilaalama. Babal’isa lafa qonnaatiif jecha bosonni ciramee golgolaa’a.

Kanaan walqabatee rakkoolee baay’eetu jira. Hojiin qonnaa omisha gaarii argamsiisuuf qilleensa qabbanaa’aa barbaada. Ilbiisonni akka kanniisaafi billaachaafaa hojii qonnaa keessatti faayidaa olaanaa qabu. Omishni callaa gaarii akka karaa ilbiisota kanneenii maxiiqeffamuu qaba. Tajaajila maxiiqessuu kana kan kennan ilbiisota kanneeni.

Keemikaalota farra aramaafi ilbiisaa oggaa of eeggannaa tokko malee fayyadamnu isaanis ta’e bakka isaan qubatan jalaa miidhaa jirra. Kanaanis akka isaan hojiisaanii hinhojjenne gochaa jirra. Fayyaalessummaan ilbiisota hojii maxiiqessuu hojjetan kanneenii eegamuu qaba. Ilbiisonni kunniin amalumasaaniitiin tokko dhandhamanii gara biraatti waan ce’aniif rakkoo biraa hordofsiisuu danda’u.

Ittifufiinsa omishaa mirkaneessuuf fayyummaasaanii mirkaneessuun barbaachisaadha. Hojmaata qonna cimdii (agro forestry) jajjabeessuu, naannawa qonnaatti biqiltoota dhaabuu ykn bosoneessuurratti haala fooyya’ina qabuun hojjetamuu qaba. Hojiin iddoowwan bosonni irraa ciramee golgolaa’e tuxxuqqaarraa eegamuu ykn kaleeffamuu qaba; akka deebi’anii bayyanataniif.

Eegumsi naannawaa dhimma tokkoof yaadamee hojjetamu omishtummaa qonnaa dabaluu dabalatee bu’aalee hedduu qabaachuu danda’a. Asirratti waan Inistiitiyutii Lubbuqabeeyyiitiin hojjetame tokko kaasuuf, inistiitiyutichi yeroo sana Ministeera Qonnaa jala ture. Iddoowwan adda addaatti wiirtuulee hundeessaa; mootummoota naannolee wajjinis qindoominaan hojjetaachaa turre.

Wiirtuuwwan yeroo sana Baahir Daar, Maqalee, Hawaasaa, Harar, Shaashamannee fa’itti hundaa’an waa’ee sanyii bosonaarratti xiyyeeffatanii akka hojjetan taasifame. Yaadnisaa bosona uumamaa bakkuma jirutti eeguun dhimma bu’uuraafi murteessaadha kan jedhuudha. Yoo ta’uu baate ammoo sanyiisaanii bakka tokkotti fidanii dhaabuudhaan eeguufi kunuunsuun ni danda’ama. Kun sanyii tursiisuufi deebisanii dhaabuufis kan gargaaruudha.

Hojii hoggansi si’anaa biqiltuu dhaabuu akka riikardiitti qabatee hojjetaa jiru hir’ina qabaatus daran gaariidha. Garuu hojichi akkuma irra deddeebiin kaasaa jirru duula keessaa bahamee sirnaafi jaarmiyaan hogganamuu qaba. Akka waliigalaatti garuu hojichi dhimma ni danda’ama jedhamu kan mirkaneesseedha.

Hojichi ministiroonni dur oggaa waa’een eegumsa naannawaa ka’u dhimmichaaf xiyyeeffannaa hinkennine har’a dura bu’anii oggaa raawwachiisan arguun waan gaariidha. Kanarraa kan hubatamu hoggansi ykn Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad ejjennoo cimaa qabaachuun jijjiirama amalaa fiduun akka danda’amu kan agarsiisuufi qabatamaan mul’ateedha.

Bariisaa: Wiirtuun biqiltuu tibbana Paarkii Tokkummaa keessatti ministira muummeedhaan iftoome biqiltuulee buleeyyii tursiisuu keessatti faayidaa akkamii qaba jettu?

Doktar Gammadoo: Itoophiyaan biyya dursitee waa’ee jijjiirama qilleensaa tarsiimoo dinagdee magariisaashii addunyaaf ibsiteedha. Kun kan ta’e ALA 2011tti. Yeroo sanaa kaasee hoggantoonni Itoophiyaa Itoophiyaaf kan malu karaa barame otoo hintaane filmaata dinagdee magariisaa waan ta’eef isin kana raawwadhaa nutis tarsiimoo dinagdee magariisaa raawwannaa ejjennoo jedhu tarkaanfachiisaa ture mootummaan Itoophiyaa.

Sana booda tarsiimoon sanada biyyattii ta’ee ragga’e. Hojiirra oolmaasaatiinis oggaa KGT 2ffaan karoorfamu qaama karoorichaa ta’eera. Hojichi qaamoleen hundaan bajata pirojektiitiin otoo hintaane bajata idilee keessa galee akka hojjetamu taasifame.

Ittaansuun tarkaanfiin Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) fudhate jalqabbii sana haala fooyya’ina qabuun gochaan kan agarsiisuudha. Hunduu tattaaffii gamasaanii yoo taasisanillee Doktar Abiyyi hojicha kan ofii godhate. Kun adda isa taasisa. Hojichas guutummaatti fudhate. Mooraa waajjira muummeefaa yoo ilaalle biqiltuullee biyya keessaatiin kan badhaadhaniidha. Abbaa hojichaa ta’uutu bu’aa kana argamsiise.

Karaan addaa ministirri muummeen keenya hordofe akeeka tokko milkeessuuf raawwataan qophaa’uu qaba. Haalli raawwisaas sirnaan diriiruu qaba. Karaan gama ijaarsa jaarmiyaatiin hordofe adda. Hojichis kan isaan galateeffachiisuufi qabatamaan irraa fayyadamaa jirras. Hojii sirnaan qindaa’ee hawaasa addunyaatiif sirriitti ibsamuu qabuudha.

Bariisaa: Sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaan Kamisa darbe labsameera. Kanaan walqabsiisuun boqonnaa duraatiin maaltu hojjetame isa lammaffaadhaan hoo maaltu ta’uu qaba jettu?

Doktar Gammadoo: Baay’ee gaariidha. Sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa tokkoffaatti sosochiin ummataa haala milkaa’ina qabuun uumameera. Kun biyyoota kaanitti hinargamu. Akka carraa ta’ee bakka amma hojjetaa jiruun Zaambiyaafi Ugaandaa deemeera. Waanti achi jiruufi as jiru tokko miti. Kan nu biraa waanti adda taasisu sosochiin hawaasaa uumame olaanaadha. Haalli kan keenya itti hogganame daran gaarii waan ta’eef kun cimee ittifufuu qaba. Lammaffaa hoggansi hundi akka kan ofiisaa godhatu taasifamuufi sadaffaa biqiltuulee hedduun dhaabamuu akka ciminaatti kan ilaalamaniidha.

Akka hanqinaatti ammoo biqiltuu kamtu akeeka kamiif eessa dhaabate, haala akkamiirra jiru kan jedhu haalaan qulqulleessuuf sirni odeeffannoo amanamaan jiraachuu dhabuudha. Erga biqiltuulee biyya keessaa dhaabaa jirra jennee biqiltuulee kanneen otoo boolli dhaabbiif oolu hinqotamiin biqiltuuleen haala qilleensaa naannawaarratti hundaa’uun qophaa’uu qabu.

Hammatti kanirratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiru eegumsa qabeenya uumamaarratti. Itoophiyaan ammaan tana yunivarsitiiwwan mootummaa 45 qabdi. Kunniin hundi barattoota simatanii sooru. Yunivarsitii tokko keessa barataan meeqa akka jiru beekamaadha. Jiddugaleessaan barattoota yunivarsitii tokko keessatti barana kuma 10 yoo fudhanne 10,000×45 barrattoota kanneen ciree, laaqanaafi irbaata sooruuf nyaanni kan bilcheeffamu qoraaniini. Qoraan kun ammoo qabeenya uumamaarraa argama.

Kolleejiin Bosonaa Wandoo waa’ee bosonaa barsiisaa jiru qoraaniin nyaata barattootaa bilcheessa. Isayyuu otoo ofiisaatii dhaabee gaariidha. Garuu innis bosonuma ciree ittifayyadama. Ummanni keenya baay’een fayyadamaa kan jiru qoraani. Kanaaf haalli ittideemaa jirru sodaachisaa waan ta’eef bosona namtochee qoraaniifi hojii ijaarsaatiif oolanirratti karooraafi xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Utuma ministira muummeerraa kaasee dhimma dhaabiinsa biqiltuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiruu gama kaaniin bosonni uumamaa haala yaachisaadhaan barbadaa’aa waan jiruuf kunis xiyyeeffannaa olaanaa barbaada. Kanaaf isa jiru sirnaan qabaa, isa bade deebisaa lamaanuu qindeessaa misoomaaf oolchaa deemuun barbaachisaadha.

Bosonni maqaa invastimantiitiin ciramaa jirus xiyyeeffannaa barbaada. Paarkonnillee gara oyiruutti jijjiiramaa jiru. Bakki qonnaa dabalamus kan qonnaa, kan bosonaa jedhamee addaan baafamuu qaba. Imaammanni ittifayyadama lafaas jiraachuu qaba. Ogeessatti fayyadamaa yoo deemame bu’aa guddaan ni argama jedheen yaada.

Lafa margaa kan uumamaa gara bosonaatti jijjiiruun dogoggora. Lafa margaa bosonaan aguuguudhaan karoora qabame milkeessineerra jechuun hindanda’amu. Kana gochuun faallaa sirna uumamaa deemuudha.

Lafa qonnaaf gaarii ta’erra baargamoo dhaabuun gocha balaafamaadha. Bakkawwan uumamaan lafa bosonaa jedhamanii beekamanitti biqiltuun dhaabamuu kan qabu malee bakkuma argame dhaabuun sirrii miti. Rakkoon keenya lafti bosonaa kami, kan qonnaa, kan margaa, invastimantii, qonnaa, jennee addaan baasuu dhabuu keenya. Kana sirreessanii toora qabsiisuun hojii humnaa olii miti.

Imaammanni ittifayyadama lafaas jiraachuu qaba. imaammatichaan bakki qonnaa bosonaaf, bakki bosonaa qonnaaf akka hinoolle gochuu barbaachisa. Qonni farra bosonaa isa jalqabaati. Qaawwa kana sirreessuun dhimma xiyyeeffannaa barbaaduudha.

Bariisaa: Qophiin biqiltuu biyya keessaa haala kamiin ta’uu qaba?

Doktar Gammadoo: Biqiltuuleen dhaabbiif ga’uuf waggaa tokko barbaadu. Hoggansi biqiltuu biyya keessaan dhaaba jedhee oggaa Adoolessatti karoorfatu Hagayyarraa eegalee sanyii biqiltuuwwanii bakka jiranii funaanee yeroo dhaabbii ittaanuuf qopheessuu qaba. Amma waan haala kanaan deemaa jiru natti hinfakkaatu. Biqiltuudhumti argame akka dhaabamu taasifamaa jira. Biqiltuuleen alaa ji’a jaha keessatti dhaabbiif waan qaqqabanii buufataaleen biqiltuu isa filatu. Kanaaf adeemsi kun sirrachuu qaba. Qophiin biqiltuu alaalatti eegalamuu qaba. Kanaafi, jaarmiyaan karoorsee hojjetu jiraachuu qaba kan jenneef.

Bariisaa: Oggaa Ashaaraa Magariisaa jedhamu biqiltuuleen akka dhaabamaniif kan yaadaman lafa golgolaa’eefi miidhameera. Maaliif lafa qaljummaa qabuufi hurufarra hindhaabamu?

Doktar Gammadoo: Kan hojjennu hojii gabbisaa yoo ta’e hurufarra dhaabuun rakkoo hinqabu. Lafa uumamaan kan dheedumsa loonii ykn margaa gara qonnaatti jijjiiruun dogoggora.

Lammaffaan ammoo lafa uumamaan kan qonnaa ta’erra baargamoo dhaabuun ykn oyiruu dhaabiinsa baargamootiif oolchuun daran balaafamaadha. Lafa teessumasaatiin conqola’aa ta’erra biqiltu dhaabuun filatamaadha. Rakkoon keenya guddaan lafa bosonaa, margaa qonnaafi kkf jennee addaan baasuu dhabuudha.

Haala kanaan addaan baasuu dhabuun keenya hanqina humnaarraa kan madde natti hinfakkaatu. Ammas taanaan omishtummaan akka ittifufu yoo barbaadame kun sirrachuu qaba.

Biqiltoota biyya keessaa argachuuf akka gatii guddaa nama baasisu dubbatama.Sababuma kanaan oggaa kan alaarratti xiyyeeffatamu mul’ataatii furmaanni kanaa maali jettu mee?

Doktar Gammadoo: Rakkoon kanaa biqiltuu dhaabuuf fiigichi kan eegalamu oggaa Waxabajjiin dhiyaatu ta’uusaati. Sanyiiwwan biyya keessaa baay’een madabiirra waggaa tokkoo oliif turuu kan barbaadaniidha. Bara ittaanuuf yeroo bajanni eegalamu, Adoolessatti oggaa hojichi karoorfamu Hagayyarraa kaasee bakka jiranii barbaadamanii, funaanamanii qopheessuun jalqabamuu qaba. Kanaafuu, hoggansi sanyii biyya keessaan dhaabna jedhee karoorfate akka buufataalee biqiltuutti qophaa’an gochuu qaba.

Garuu fiigichi amma mul’ataa jiru kanuma dhiyootti argame qofa fuudhanii dhaabuu akka ta’e ni beekama. Dhaabbileen buufata biqiltuu qaban biroon waan biqiltoonni alaa dafanii ji’a jaha keessatti qaqqabaniif isaan qopheesuurratti xiyyeeffatu. Kanaaf dursanii gatii baasuuf qophaa’uufi bu’aa fooyyee argamsiisuuf dhama’uu barbaachisa. Gama kaaniin garuu biqiltoota biyya keessaa qofa dhaabuun dogoggora ta’uunis hubatamuu qaba.

Bariisaa: Itoophiyaan muuxannooshii dhaabbii biqiltuu biyyoota ollaatiif qoodaa jirti. Kana hawaasni addunyaa akkamitti hubataa jira?

Doktar Gammadoo: Asirratti waantota lama ilaaluu qabna. Oggaa waan gama siyaasaatiin jiru qo’atamu waan daran gaarii ta’etu mul’ata. Fakkeenyaaf Kootdivuwaaronni inisheetivii ashaaraa magariisaa qabu. Ruwaandaan ammoo biyya qulqulluu hawaasa addunyaatiif fakkeenya taateedha.

Gama kaaniin biqiltuun nuti Jibuutiis ta’e biyyoota birootiif kennine oggaa ija siyaasaafi hojmaata teknikiitiin ilaalaman adda adda. Sababiinsaas hojii haala qilleensaa keenya hubannoo keessa galcheetu hojjetamaa jira jechuuf nama rakkisa. Dhugumatti waanti gama ilaalcha siyaasaatiin jiru daran gaariidha. Garuu biqiltuun ollaa keenya, Jibuutiif kenninu kan haala qilleensaashii dandamatu ta’uu qaba. Sanyiin biqiltuuneessumattuu dhaabamu kan akkamiiti kan jedhu dhimma qo’atamuu qabuudha.

Oggaa biyyoota naannawa keenyaa ilaallu laftisaanii gadijedhaadha. Kan Itoophiyaa garuu oljedhaadha. Bosona keenya sirriitti bosoneessinee akkasumas bishaan alatti erguuf yoo karoorfanne hojii dinagdee bu’aa buusu hojjechuun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf biyyoonni Arabaa, Sudaanonni lamaan bishaan kan argatan eessaayyi? Itoophiyaan argama bishaanii ta’uunshii waan salphaadha jedhamu miti. Carraa mijataa kanatti fayyadamuun yaadamaan otoo karoorfamee ta’uu qaba. Akkana goonaan dhimmicha bizinasii wajjin walqunnamsiisuu dandeenye jechuudha.

Kanaafuu bishaan misoomsinee gabaa alaatiif dhiyeessuu waan dandeenyuuf otoo ittifayyadamnee gaariidha.

Bariisaa: Sanyiiwwan biyya keessaa ilaalchisee gama lubbuqabeeyyiitiin humna akkamii qabna?

Doktar Gammadoo: Sanyiiwwan alaas ta’e keessaa kan dhaabnu otoo amalasaanii hubannee ta’ee fayyadamoo taana. Teknolojii alaa qofarratti xiyyeeffachuun misooma biyya keessaa hinmirkaneessu. Misoomni biyyaa kan dhugoomu tokko humna keessoorraa madduuni. Kana gochuuf ammoo sanyiiwwan sirnaan addaan baasuu qabna.

Itoophiyaan biyyoota addunyaa qabeenya lubbuqabeeyyiitiin badhaadhan 25 keessaa ishee tokko. Kun carroomuudha. Kun ulaagaa kamiinuu Itoophiyaan biyya gaariidha jedhamee nuu kennamee otoo hintaane biyya uumamaan badhaate ta’uun kan argateedha.

Bakki itti argama lubbuqabeeyyii ammoo naannawa bosonaafi caffee (weetlaandi ykn kalee lafaa) sirnaan qabuudhaani. Iddoowwan akkanaa qoorsaa gara oyiruutti jijjiiruun kasaaraadha. Ittigaafatamtoonni hojii mootummaa waan akkanaa akka milkaa’inaatti kan dubbatan ta’uu hinqabu.

Lubbuqabeeyyiin tokko tokko faayidaa olaanaa qabu. Oggaa gama qorichummaatiin ilaalamu sanyiiwwan gara kuma jahaafi 29 qabna. Kanneen keessaa harki 10 biqiltuu qorichaati.

Kanarraa ka’uun otoo warshaalee qorichaa hundeessina jennee erga sirnaan addaan baasnee yoo ittifayyadamne faayidaa olaanaa irraa argachuu dandeenya. Kanarratti qorattoota damichaafi mootummaa jidduu hariiroo gaariin jiraachuu qaba. Qorataan yeroo hunda qeeqaa ta’uu hinqabu. Mootummaanis qorattoota ofitti dhiyeessuu qaba.

Bariisaa: Naannawa keenyatti walitti makamni dinagdee kan dhugoomu qabeenyawwan uumamaafi daangaa ce’an ofeeggannoodhaan bulchuudha jedhamaatii kanarratti maal jettu?

Doktar Gammadoo: Kun dirqama. Haalli gaariin ministirri muummeen sadarkaa olaanaadhaan uuman daran mijataadha. Dhibbaa uumuun Itoophiyaa olaanaadha. Nuti qofti qabeenya uumamaa eegnee warri kaan yoo ittidhiise hiika hinqabu.

Wajjummaan guddachuuf bulchiinsa qabeenya uumamaa daangaa ce’anii bosonas ta’e bishaaniif dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee ittifufuu qaba. Itoophiyaan ammoo kanaaf kallattiilee hundaan carraa qabdi.

Waanti gaariin ‘IGAD’ dhimma kana akka ajandaa ijootti qabatee ka’aa jiraachuusaati. IGADfi qindoomina jaarmiyaalee kaaniin waan gaarii raawwachuun ni danda’ama. Waanti biqiltoota waliiqooduufii wajjummaan dhaabuu kun caalaatti akka cimu waan taasisuuf jabaatee ittifufuu qaba.

Bariisaa: Itoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa to’achuuf hangam tattaafatte?

Doktar: Gammadoo: Itoophiyaan gama hundaan hojii gaariidha jedhamu hojjetaa turte. Tokkoffaa afyaa’ii biyyoota guddataa jiranii taatee tajaajilaati kan turte. Lammafffaa ammoo fakkeenya ta’uuudhaan dursaa jirti. Waantota baduu qabeenya uumamaatiif sababa ta’an ittisuuf sadarkaa olaanaadhaan hojjetamaa jira.

Jijjiiramni qilleensaa erga uumamee kan bubbule waan ta’eef biqiltuun har’a dhaabnu kan dafee haalicha garagalchu otoo hintaane kan yeroo babaaduudha. Kanaafuu, Itoophiyaan kanarratti tarsiimoo baaftee hojjetaa jirti. Kunis kan fakkeenya gaarii ishii taasisuudha.

Bariisaa: Ibsa ogummaa nuu kennitaniif ulfaadhaa, galatoomaa.

Doktar Gammadoo: Anis isinin galateeffadha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015

Recommended For You

506 Comments to “Ashaaraa Magariisaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti Doktar Gammadoo Daalee maal jedhu?”

  1. Pingback: Bauc14
  2. Pingback: sugar high gummies
  3. пин ап кз [url=http://1winindia.tech/#]pin up[/url] пин ап казино вход

  4. пин ап зеркало [url=http://1winci.icu/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап вход

  5. cheapest online pharmacy india [url=https://indianpharm1st.com/#]online shopping pharmacy india[/url] best india pharmacy

  6. reputable indian online pharmacy [url=http://indianpharm1st.com/#]india pharmacy[/url] reputable indian pharmacies

  7. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharm1st.com/#]top 10 pharmacies in india[/url] india online pharmacy

  8. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharm1st.com/#]purple pharmacy mexico price list[/url] mexican pharmaceuticals online

  9. Пин Ап Казино Официальный Сайт [url=https://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт[/url] пин ап 634

  10. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza oyna[/url] sweet bonanza oyna

  11. ed meds online without doctor prescription [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs online[/url] drug store online

  12. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] buying prescription drugs in mexico online

  13. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] buying from online mexican pharmacy

  14. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] buy prescription drugs from india

  15. medicine for erectile [url=https://pharm24.pro/#]cheap meds[/url] erectile dysfunction cure

  16. indian pharmacy online [url=http://indianpharm24.pro/#]indian pharm 24[/url] buy medicines online in india

  17. cheapest online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] cheapest online pharmacy india

  18. buy medicines online in india [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy to USA[/url] best india pharmacy

  19. best india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy international shipping[/url] indian pharmacy online

  20. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yerliarama.org[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  21. deneme bonusu veren siteler yeni [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]denemebonusuverensiteler.top[/url] deneme bonusu veren siteler yeni

  22. deneme bonusu veren yeni siteler [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey[/url] deneme bonusu veren siteler 2024

  23. en kazancl? slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]slot oyunlar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  24. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=https://kampharm.shop/#]Kamagra Kam Pharm[/url] kampharm.shop

  25. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=http://gabapharm.com/#]gabapentin GabaPharm[/url] GabaPharm Gabapentin

  26. cheapest Kamagra Kam Pharm [url=https://kampharm.shop/#]kam pharm shop[/url] kam pharm shop

  27. пин ап казино [url=https://pinup-kazi.kz/#]пинап казино[/url] пин ап казино онлайн

  28. cheapest online pharmacy india [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] best india pharmacy

  29. Online medicine home delivery [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] indian pharmacy paypal

  30. best online pharmacy india [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] indian pharmacy paypal

  31. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] cheapest online pharmacy india

  32. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]Pharm Easy[/url] mexican pharmaceuticals online

  33. viagra without a doctor prescription [url=http://canadianpharm1st.com/#]canadian pharmacy[/url] pump for ed

  34. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]Mexican Pharm[/url] purple pharmacy mexico price list

  35. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharmacy[/url] mexican pharmaceuticals online

  36. buy amoxicillin online no prescription [url=https://amoxilpharm.store/#]Amoxil Pharm Store[/url] AmoxilPharm

  37. Gabapentin Pharm [url=http://gabapentinpharm.com/#]neurontin cost in singapore[/url] Gabapentin Pharm

  38. where to get clomid price [url=https://clomid.store/#]can i buy cheap clomid for sale[/url] cheap clomid online

  39. buying generic clomid without prescription [url=https://clomid.store/#]cost clomid[/url] where can i buy cheap clomid price

  40. lisinopril 0.5 mg [url=http://lisinoprilus.com/#]lisinopril 20 mg over the counter[/url] 60 lisinopril cost

  41. generic zithromax azithromycin [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax 500mg price[/url] zithromax tablets

  42. zithromax price south africa [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax[/url] zithromax generic price

  43. can i buy zithromax over the counter in canada [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax 500 mg lowest price online[/url] buy zithromax online

  44. how to get cheap clomid without insurance [url=https://clomid.store/#]get generic clomid price[/url] can i purchase clomid tablets

  45. buy cipro online without prescription [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro online canada[/url] purchase cipro

  46. where buy cheap clomid [url=https://clomid.store/#]where to get cheap clomid price[/url] where buy cheap clomid now

  47. cipro pharmacy [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]cipro[/url] ciprofloxacin 500 mg tablet price

  48. ciprofloxacin 500mg buy online [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro without rx[/url] ciprofloxacin 500mg buy online

  49. cytotec pills buy online [url=http://cytotec.top/#]buy cytotec online fast delivery[/url] buy cytotec over the counter

  50. online drugs [url=https://drugs1st.pro/#]drugs1st[/url] legal to buy prescription drugs from canada

  51. drug prices [url=https://canadianpharmi.com/#]canadian pharmacy[/url] erectile dysfunction pills

  52. пин ап зеркало [url=https://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап казино

  53. gramster.ru [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино официальный сайт

  54. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]gramster[/url] пин ап казино зеркало

  55. indian pharmacy online [url=https://indianpharmacy.win/#]mail order pharmacy india[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  56. canadian pharmacies that deliver to the us [url=https://canadianpharmacy.win/#]reliable canadian pharmacy reviews[/url] canadian pharmacy 24

  57. pharmacies in canada that ship to the us [url=https://canadianpharmacy.win/#]canadian neighbor pharmacy[/url] canadian king pharmacy

  58. canada online pharmacy [url=http://canadianpharmacy.win/#]best online canadian pharmacy[/url] online pharmacy canada

  59. india online pharmacy [url=https://indianpharmacy.win/#]indian pharmacy paypal[/url] indian pharmacy paypal

  60. reputable canadian online pharmacies [url=https://canadianpharmacy.win/#]best online canadian pharmacy[/url] canadian drugs pharmacy

  61. canadian pharmacy service [url=https://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy win[/url] canadian pharmacy meds review

  62. india online pharmacy [url=http://indianpharmacy.win/#]top online pharmacy india[/url] Online medicine order

  63. Generic Cialis price [url=http://maxpillsformen.com/#]Generic Cialis without a doctor prescription[/url] Cialis 20mg price in USA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *