Alseerummaa maqsuuf ragaan lafa Shaggar gara dijitaalawaatti jijjiirame

Finfinnee: Alseerummaa lafa magaalattiirratti raawwatamu maqsuuf inventeriin lafaa xumuramee ragaan to’annaa lafaaf tolu bifa dijitaalawaatti jijjiiramuu Bulchiinsi Magaalaa Shaggar ibse.

Bulchiinsi magaalattii kana kan jedhe kaleessa wayita raawwii hojii hundeeffama magaalaa Shaggar asiifi karoora bara 2016 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneedha.

Hogganaan waajjira kominikeeshinii magaalattii Obbo Naasir Huseen wayita ibsa kennan akka jedhanitti, Shaggar magaalaa ammayyooftuu pilaaniin hogganamtu, qonnaan bulaa hammattu, bu’uuraalee misoomaa sadarkaa olaanaa, giddugala kalaqaafi teknoloojiin bara 2030tti gaanfa Afrikaatti badhaatuu taate gochuuf hojjetamaa jira.

Badhaadhina magaalattii dhugoomsuuf sirna bulchiinsa lafaa ammayyaawaa diriirsuu dhimma ijoo waan ta’eef lafti eessa, eenyu harka akka jiru, haala kamiin akka qabame, kan mootummaafi dhuunfaa ta’uunsaa erga adda ba’ee booda ragaa argame gara dijitaalaatti jijjiirameera.

Akka isaan jedhanitti, hojii bara kana hojjetameen cittuun lafaa kuma 442 ol gara hektaaraatti wayita jijjiiramu hektaara kuma 78 ol ta’u adda ba’eera. Lafa safarame kana keessaas lafti hektaara kuma 70 ol ta’u namoota dhuunfaa harka kan jiran yommuu ta’u kan hafe harka mootummaa jira. Lafa harka namoota dhuunfaa jiran keessaa lafti kuma 165 ol ragaa kan hinqabneedha.

Mootummaan lafa magaalaa nama dhuunfaatti kan dabarsu akkaataa heera biyyattii labsii liizii 721/2004 ta’uu eeranii; ta’us lafti alseerummaan qabame hektaarri kumni 451 ta’u gara istookii mootummaatti deebi’uu ibsaniiru.

Lafa magaalattii pilaaniin hogganuuf hojiin pilaanii ispaashaalii xumuramuus himanii; hojiin ittaanu pilaanii kana bifa kaartaatiin lafa qabsiisuuf bakkeewwan shanitti hojiin hojjetamuu yaadachiisaniiru. Kanaan boodas sochiin ijaarsaa taasifamu hundi bu’uura pilaanichaan qofa akka taasifamu ibsaniiru.

Carraa hojii uumuu ilaalchisees dargaggoota kuma 62 oliif carraa hojii uumamuu kan eeran Obbo Naasir; qonna magaalattii ammayyeessuuf qonnaan bultoota kuma 78 oliif leenjiin akka kennameefi leenjii kanaan boodas lafa hektaara kuma 75 ol misoomsuuf sochiirra jiraachuu dubbataniiru. Dhiyeessiin xaa’oofi sanyii filatamaas taasifamaa jira.

Sochii galii walittiqabuuf taasifameen magaalattiitti galiin qarshii biliyoona 7.6 walitti qabuufi ganna kanattis hojii ashaaraa magariisaa milkeessuuf biqiltuuwwan miliyoona sagalii ol dhaabuuf sochiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 10 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ Alseerummaa maqsuuf ragaan lafa Shaggar gara dijitaalawaatti jijjiirame”

  1. Pingback: bear archery
  2. Pingback: cat888
  3. Pingback: autodetailing
  4. Pingback: about his

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *