Wayita sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa xumurru, Itoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 31 ni uffatti

– Milkaa’ina Ashaaraa Magariisaatiif naannoleen kutannoon hojjetu

Finfinnee: Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa yeroo raawwaannu Itoophiyaan biqiltuu biliyoona 31n ni uffifamti jedhan.

Doktar Abiyyi Ahmad odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasummaasaaniin qoodaniin “Kottaa! Seenaa kana waliin haa qooddannu” jechuun waamicha taasisaniiru. Dabalataan, “Waan jalqabne ni xumurras” jedhan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadiifi Giiftii Duree Zinnaash Taaayyaachoow kaleessa ganama hoggantootaafi hojjettoota Waajjira Ministira Muummee wajjin ta’uun tulluu Eekkaarraa biqiltuu dhaabuusaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

 Ministirri Muummee Abiyyi dheengadda Naannoo Affaaritti argamuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa lammaffaa mataduree, “Egere har’a haa dhaabnu” jalqabsiisuunsaanii ni yaadatama.

Oduudhuma qalqabateen, pirezidaantonni naannolee garagaraa milkaa’ina bu’aa abdachiisa sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa jalqabaarratti argame marsaa lammaffaattis caalaatti argamsiisuuf kutannoon akka hojjetan ibsan.

Sosochiin misooma Ashaaraa Magariisaa marsaa lammaffaa akka biyyaatti kaleessa eegalame ilaalchisuun yaada kennaniin bara kana qindoominaan hojjechuufis waadaa seenaniiru.

Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bosona, bunaa, kuduraalee akkasumas mala qonnaa qindaa’ee bu’uureffate hojiitti hiikuuf qophiin xumuramuu kan ibsan pirezidaantii naannichaa, Obbo Shimallis Abdiisaati.

Naannichatti biqiltuuwwan miliyoona shanitti hiiqan ganna baranaa dhaabamu keessaa dhaabbiin biqiltuun bunaa miliyoona 1.3 akkasumas kuduraalee miliyoona 50 dursee eegalamuus himaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan gamasaaniin, naannichatti biqiltuuwwan jijjiirama haala qilleensaa dandamachuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessan dhaabuuf qophii xumuruun ala biqiltuuwwan bara dhufu dhaabaman qopheessaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannoon Tigraay misooma ashaaraa magariisaatiin fakkeenya gaarii taatus hojii ashaaraa magariisaa sababa waraanaatiin adda citee ture bal’inaan ittifufsiisuuf haaldureen xumuramuu kan ibsan ammoo pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaati.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Hararii Obbo Hordiin Badrii gamasaaniin, keessattuu dhaabbii biqiltuuwwan nyaataaf oolanirratti xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjetan ibsaniiru.

Pirezidaantonni kunneen naannolee gammoojjii jijjiirama haala qilleensaatiin hongeen dararaman baraaruuf addattuu bu’aan Ashaaraa Magariisaa kan ta’e omishtummaan kuduraalee naannoo Affaaritti galmaa’e fakkeenya gaarii ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Wayita sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa xumurru, Itoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 31 ni uffatti”

  1. Pingback: check this
  2. Pingback: burn-out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *