“Shaggar maqaa qofaan osoo hintaane waa maraan magaalaa Oromoo fakkaachuu qabdi” – Obbo Guyyoo Galgaloo

Magaalaan Shaggar ji’oota ja’a dura gurmaa’insa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee (GAONF) jedhu diiguun magaalota Finfinnee marsanii shan jechuunis, Buraayyuu, Sabbata, Sulultaa, Laga Xaafoo, Laga Daadhiifi Galaan walittifiduun akka haaraatti hundaa’uun ni yaadatama. Magaalichi lafa kaaree meetira kuma 160 irratti kutaalee magaalaa 12fi aanaalee 36n kan caaseffame yoo ta’u, ummanni miliyoona 2.5 ta’us keessa jiraata jedhamee tilmaamama.

Kaayyoo hundeeffama magaalichaafi hojiilee hanga yoonaa hojjetamaniin walqabsiisuun Kantiibaa Ittaanaafi Qindeessaa Kilaastara Dinagdee magaalichaa Obbo Guyyoo Galgaloo keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerra.

Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota Gaazexaa Bariisaatiin walbaraa.

Obbo Guyyoo: Isinis baay’ee galatoomaa. Maqaan kiyya Guyyoo Galgaloo Boruu jedhama. Iddoon itti dhaladhe Godina Booranaa, Aanaa Elooyyee, Ganda Carii kan jedhamtutti. Maatiin kiyya horsiisee bulaadha. Akka carraa ta’ee maatii kiyya keessa naan dura namni barate hin jiru. Ani garuu carraa barnootaa argadhee, abbaan kiyya akkan baradhu fedhii waan qabuuf mana barnootaa gale.

Barnoota kiyya sadarkaa tokkoffaas bakka dhaloota kiyyaa Aanaa Taltalleettin baradhe. Sadarkaa lammaffaa ammoo Yaa’a Bal’ootti baradhee qormaata kutaa 12ffaa isa xumuraan (Bara 1993) fudhadhe. Barnoota kiyyaan fedhii guddaan qaba, sadarkaa keessan ba’as.

Ittifufuudhaan digirii kiyya jalqabaa Yunivarsiitii Maqaleetti akaakuu barnootaa Siiviikiidhaan fudhadhe. Yeroo qabsoon Oromoo daran ho’aa ture, nullee umurii dargaggummaatiin keessatti hirmaachaa waan turreef waggaa tokko adabameen itti deebi’e. Turtii kana keessatti Kolleejjii Barsiisoota Adaamaattillee barachaan ture. Digirii kiyya lammaffaas Hoggansa Biiznasii (MBA)n Yunivarsiitii Liidistaarirraa fudhadheera.

Ergan baradhee booda obboleeyyan kiyya na boodaallee akka barataniin haala mijeesse. Obboleessi kiyya tokko akkuma kiyya Yunivarsiitii Maqaleerraa eebbifamee amma hojiirra jira. Kan biraas akkasuma barnootarra jira.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha, obbolaa meeqa qabdu?

Obbo Guyyoo: Ani ilma lammaffaadha. Obboleewwan torba, dhiira sadiifi dubara sadii qaba. Kanneen keessaa sadii qofatu barate jechuudha.

Bariisaa: Yommuu barattan maal ta’uu hawwitu turtan?

Obbo Guyyoo: Sirna Gadaa keessatti xiqqeenyaa kaasee gaggeessummaa waan baay’ee keessatti barataa guddatta. Anis maatii kiyya waan danda’een tajaajilaa sirnichallee shaakalaa ture. Ergan baradhee boodas akaakuu barnootaa kamuu haa baradhu garuu hanga sadarkaa ‘PhD’tti ittifufuun hawwaa ture. Kanarraa kan ka’e ammas yoo Rabbi na gargaare Maastarsii kiyya lammaffaa barataan jira; hangan hawwii kiyya bira ga’uttis ittin fufa.

Bariisaa: Muuxannoon hojii keessaniiwoo maal fakkaata?

Obbo Guyyoo: Jalqaba waggaa tokkoof Yaa’a Bal’ootti barsiisummaan ramadamee kutaa 9ffaafi 10ffaa barsiisaan ture. Booda kallattiin gara hoggansaa dhufe. Kanaanis Godina Booranatti Waajjira Lafaa, Waajjira Misooma Magaalaafi, Waajjira Paartii hogganeera.

Bulchaa Godina Booranaa ta’ees tajaajileera. Gara Finfinnee dhufee ammoo Kutaa Magaalaa Addis Katamaa, Waajjira Paartiitti damee paartii hogganeera. Ammas deebi’ee ergan Bulchaa Godina Booranaa ta’ee takka hojjedhee booda Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa ta’ee tajaajileera. Yeroon achi tures waa’een hundeeffama Magaalaa Shaggar akka qoratamuuf waanin gahee kiyya ba’adhee tureef erga magaalaan hundaa’ee Kantiibaa Ittaanaa ta’ee dhufeera.

Bariisaa: Jireenya keessa keessatti maaltu isin gammachiisa?

Obbo Guyyoo: Ilma Abbaa Gadaa waanan ta’eefis garee wajjin hojjedhu faana mariidhaan hojjechuudhaanin beekama. Bakkan ramadamee deeme hundattuu garee cimaa uumuun waliin hojjechuu baay’een barbaada. Kan biraa nama gargaaruun baay’ee na gammachiisa.

Bariisaa: Mee Obbo Guyyoo gara bakka amma hogganaa jirtan, Magaalaa Shaggaritti haa deebinuutii, barbaachisummaan hundeeffama Magaalaa Shaggar akkamitti ibsama? GAONF irraa maaltu adda taasisa?

Obbo Guyyoo: Hundeeffamni Magaalaa Shaggar faayidaawwan hedduu yaada keessa galchuun kan taasifameedha. Hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaatti aansees hundeefamni magaalaa kanaa bakki guddaa kan itti kennamudha. Dhufaatiinsaas seenaqabeessa, aarsaa olaanaan kan itti kanfalamee ta’uurra darbee waggoota dheeraaf madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee kan tureedha. Kaayyoonsaa ijoos magaalonni bittinnaa’anii turan walitti dhufuun gaaffii hawaas- dinagdeefi hawaasummaa ummataan ka’aa ture deebisuudha. Kunis qorannoorratti taasifamee kan hundaa’eedha.

Akkuma beekamu Magaalaan Shaggar Finfinnee waliin bulchiinsa daangaa ni qaba. Ta’us sirna darbeen bulchiinsi daangaa waan hindaangeeffamneef asiinis achiinis walitti bu’iinsiifi mufiin uumamaa tureera. Mootummaan jijjiiramaas gaaffiin kun bal’aa ta’uu hubatee karaa qoratame, tasgabbaa’eefi ammayyaa’een magaalota lamaan gidduutti haala qaamolee lamaan hirmaachiseen yeroo jalqabaatiif bulchiinsi daangaa akka daangeeffamu ta’eera.

Magaalaan Finfinnee haalota garagaraatiin magaalaa babal’achaa jiraatteedha. Eessaa jalqabdee eessatti akka dhaabbattullee wanti beekamu hinturre. Kanaanis qonnaan bulaa hedduun irraa buqqifameera; eenyummaansaa rakkoo keessa seenee jireenya boodatti hafaa akka jiraatullee ta’eera.

Qonnaan bulaan qe’eesaarraa ni buqqifama, garuu beenyaa ga’aan hinkennamuuf. Kanarraa kan ka’e baroota darbanitti gaaga’ama olaanaaf saaxilamaa tureera. Kun ammoo qonnaan bulaa biratti komii kan kaase yoo ta’u, kun sirnaan hiikamuu waan qabuuf hojiin daangessuu hojjetameera.

Asirratti wanti hubatamuu qabu hojiin hojjetame daangaa bulchiinsaa daangessuu malee tokko isa kaanirraa adda baasuu miti. Ummanni as jirus achi jirus kanuma keenya waan ta’eef wantooti walitti nu fidan hedduudha. Finfinnee Shaggarirraa, Shaggar Finfinneerraa baasuu osoo hintaane lamaanuu bulchiinsa daangaa qabaatanii, hojii misoomaafi bulchiinsa gaarii waliin akka hojjetan carraa uumuuf kan kaayyeffateedha.

Erga bulchiinsi daangaa dhumee magaalaa akkamii qabaachuu qabna inni jedhummoo muuxannoowwan idil-addunyaa bu’uura godhachuun qorannoowwan garagaraa taasifamaniiru. Kanaanis Magaaloonni Buraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoofi Galaan jennee waamnu akka duraa bittinnaa’anii deemuun bulchiinsaaf hinmijatu.

Qabeenyi guddaan magaalota kanneen keessa jiru lafa waan ta’eef lafti ammoo qabeenya dhumataa ta’uusaatiin haala bittinnaa’een bulchuun rakkisaadha. Kun sirnaan hogganamee dhalootatti akka darbuuf qisaasamarraa hambisuuf magaalonni kunneen walitti dhufuu qabu inni jedhuus akeeka biraati.

Magaalonni kunneen bu’uuraalee misoomaa sadarkaasaa eeggatellee hinqaban. Daandii, mana barumsaa, hospitaala guddaa jedhamu hinqaban. Jiraattonni tajaajiloota kanneen argachuu yoo barbaadan dirqama gara Finfinnee dhufaa turan. Kun daran ulfaataadha. Daandiin walqabatee yoo ilaalte Buraayyuudhaa kaatee kallattiidhaan Sabbata dhufuu hindandeessu. Yoo deemuu barbaadde dirqama Finfinnee dhuftee, achirraan deemta malee. Manni barumsaas akkanuma, ga’aan hinjiru. Inni kun itti yaadamee siyaasaan kanirratti hojjetameedha. Kanaaf magaalaan Shaggar magaalaa cimaa akka ta’u, of danda’e pilaanii mataasaatiin akka hogganamuuf bu’uuraaleen misoomaa hundi akka guutamaniif hojiin amma jalqabame jira.

Magaalaa keenya kanas misoomsuuf karoora qabannee socho’aa jirra. Magaalichi kan gaaffiin eenyummaallee keessa jiruudha. Shaggar magaalaa qonnaan bulaati. Akka kanaan duraa qonnaan bulaan kan irraa buqqa’uufi itti boo’u, qe’eesaarraa buqqa’ee hiyyoomee gamoo lafasaarratti ijaaramurratti waardiyyaa ta’uurra ofumasaa motara misoomaa ta’uun haala mootummaan mijeessuun of guddisuu ni danda’a yaada jedhu qabna.

Hundeeffamuun magaalichaa gaaffii eenyummaatisi. Bakka eenyummaa, aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo itti dhiibamaa tureefi wiirtuu qabsoo waan tureefis isa kana sirreessuun ummatichi eenyummaasaatti boonee saboota biroo waliin hojii misoomaa eegalee akka ittifufuuf hojjetamaa jira.

Bariisaa: Hojiilee ijoo erga magaalichi hundaa’ee hojjetaman osoo nuu kaastanii?

Obbo Guyyoo: Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee ji’oota ja’a guutuufi. Borumtaadhuma hundeeffamaatti hojiitti kan seename yoo ta’u, keessumaa pilaaniin magaalichaa bu’uurarraa rakkoo waan qabuuf ijaarsa seeraan alaatiif saaxilamaa ture. Kanaaf hojiin keenya jalqabaa kana sirreessuufi maastar pilaanii qajeelchuu ture. Sababnisaa guddina magaalaa tokkootiif inni ijoon maastar pilaanii waan ta’eef.Inni biraa bu’uuraalee misoomaarrattis xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jira. Hanqina mana barnootaa, daandii, bishaan, elektirikiifi kanneen biroo hiikuuf karoorri qabamee hojiitti seenuuf qophiin xumurameera. Kanneen keessaa ijaarsi daandii geengoo (ring road) Shaggar kutaalee magaalaasaa hunda walqunnamsiisu dhiheenyatti eegalama.

Kana malees qonnaan bulaan Shaggar haalaan kan omishu ta’us bakka omishasaa gabaaf itti dhiheessu hinqabu. Kanaaf karra shanan Finfinneerratti wiirtuulee gabaa gurguddoo ijaaruuf diizaayiniinsaa kan xumurame yoo ta’u, dhiheenyatti kaabineef dhihaatee ragga’a. Akka Shaggaritti pirojektonni 403 qabamanii hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa 295 xumuramanii eebbaaf qaqqabaniiru.

Gama carraa hojii uumuutiinis xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira. Kanaanis barana dargaggoota kuma 97f carraan hojii ni uumama jedhamee kan qabame yoo ta’u, karooraa ol dargaggoota kuma 103f uumuun danda’ameera. Kunis cimee kan ittifufu ta’a. Keessumaa dargaggoonni keenya gurmaa’anii hojjechuurratti of qopheessuu qabu.

Maniin keenya ittaanu Magaalaa Shaggar magaalaa invastimantii taasisuudha. Kana gochuufis carraa waan qabnuuf, gaaffii invastimantii karaa hedduu dhihaatu keessummeessuuf qophiidha.

Bariisaa: Hariiroon Magaalaan Shaggar Magaalaa Finfinnee waliin qabdu akkamiin ibsama?

Obbo Guyyoo: Hariiroon magaalota lameenii fayyaqabeessaafi miira wajjummaatiin kan gaggeeffamuudha. Finfinnee magaalaa guddoo Oromiyaa, Itoophiyaafi teessoo Gamtaa Afrikaati. Ummanni achi jirus ummata keenya waan ta’eef waa baay’ee waliin hojjenna.

Fakkeenyaaf bishaan dhugaatii Finfinneef dhufu Shaggar keessaati. Kana waliin misoomsanii ummata lamaan fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira. Soora barattootaarrattis hariiroo hojii gaariitu jira. Rakkoo nageenyaa, misoomaafi kanneen biroorrattis mariidhaan waliin hojjetaa jirra.

Bariisaa: Manneen waliin jireenyaa daangaa bulchiinsaatiin walqabatee gara Shaggaritti daangeeffamanirrattis komiin ni ka’a. Kana hiikuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Guyyoo: Manneen kanneen bu’uura seeraatiin walharkaa fuudhiinsi gaggeeffameera. Gara duraa rakkooleen addaddaa turaniiru. Amma garuu marii taasifameen rakkoon ture furameera. Gaaffii tajaajilaa ummati yommuu mariisisnu nuu kaasees deebisuuf hojjetaa jirra. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees manneen xumuree bu’uuraalee misoomaa akka guutuuf waliigalteerra ga’ameera.

Bariisaa: Wayita ammaa magaalichatti ijaarsawwan seeraan alaa diigamaa jiru. Adeemsi kanaa maal fakkaata? Gaaffiileen kanaan walqabatanii ka’anoo akkamiin keessummeeffamu?

Obbo Guyyoo: Hundeeffama magaalichaa booda wanti bal’inaan hojjetame weerara lafaafi al seertummaa dhaabsisuudha. Kanaan walqabatee yakka olaanaatu raawwatamaa ture.

Hunda dura wanti tokko beekamuu qaba. Wanti nuti irratti qabsoofnee hojjetaa turre, Magaalaan Shaggar siidaa qabsaa’otaa, siidaa jiraataa wareegamtootaati. Magaalaa ummanni Oromoo eenyummaasaa dhabee itti cabaa tureedha. Akka lammii lammaffaatti ilaalamuun dinagdee keessaa qarqaratti ba’ee itti miidhamaa ture.

Kanaaf magaalaa Oromoo fakkaattu ijaaruudha. Kanarratti siruma mamadarreen (irradubbannoon) hinjirtu. Ummanni keenya kan Oromoos, kan biraas beekuu qaba. Magaalaan kun maqaa callaan osoo hintaane waa maraan Oromoo fakkaachuu qabdi. Kan ummanni keenya keessatti mataa gadi qabatu osoo hintaane, dinagdee keessa seenee, aadaa, duudhaa, safuufi eenyummaan magaalaa isa fakkaattu ijaaruudha.

Magaalota baay’ee “keenya” jenna; keessa gaafa seentu garuu homaa keessaa hinqabnu. Baay’eensaanii maqaan keenya, lafaan keenya garuu homaa keessaa hinqabnu. Nuti kan biraa keessaa dhiibuuf miti; hammachuu malee ofirraa dhiibuu hinbeeknu. Sirnoonni dabran ta’e jedhanii akka magaalaatti hinseenne nurratti gochaa turan.

Kanaaf kaayyoon keenya guddaan magaalaa saba keenyaaf taatu ijaaruudha. Kanaa booda ijaarsi kamuu pilaaniinsaa halluu, duudhaafi aadaa saba keenyaa ibsuun ijaarama. Amma Finfinneerraa Sabbataa yoo deemte, Sabbataa seenuu kan kee utuu hinargiin Sabbataa seenta. Wanti addaan baase hinjiru. Silaa ibsamniifi eenyummaan saba tokko magaalaa keessatti mul’achuu qaba.

Fakkeenyaaf yoo Turkii deemte seenaa Turkii, Istaanbul keessaa argatta. Yoo Faraansaay deemte seenaa Faransaay, Paariis keessatti agarta. Kan biyyoota biroos akkasuma. Nuti garuu magaalaa akkanaa hinqabnu. Magaalaan baay’ee walitti makamee eessa ga’uukee utuu hin beekiin seenta; wanti mallattoo saba keenyaa ibsu hinjiru.

Kana malees seeraan alummaa diignee balleessinee, seera qabsiifnee magaalaa dhaloota dhufuu ijaaruudha. Pilaaniin keenya dhibbantaa 30, 70dha. Kana jechuun dhibbantaa 30 ni misoomsina; dhibbantaa 70 ammoo dhaloota dhufuuf keenya. Kanarratti wanti beekamuu qabu tokko ijaarsa seeraan alaa kanarratti eenyutu caalaatti hirmaachaa jira, kaayyoonsaa maalinni, dhuguma nammi filannoo qofa dhabee, dhuguma iddoo mana jireenyaa itti ijaaratu dhabee gaara gubbaatti galaa? Isa jedhu yoo ilaalle waa sadiitu jira.

Tokkoffaa qabannaadha lafaati. Sabaan gurmaa’anii dhufanii, waan maallaqa qabaniif akkanumatti lafa heektaaraan qabatan jechaadha. Qabannaa kana hunda diigneerra jechuudha. Lammaffaan qubannaadha. Kun ammoo iddoo biraatii dhufanii seeraan ala bakka tokko qubachuudhaan xiqqoo oolanii bubbulanii nama baay’ifatanii falmii dimoograafii eegalu. Sadaffaan ijaarsa seeraan alaarratti hirmaachuudhaan qubachuudha. Bu’uura kanaan ijaarsawwan jiran diigaa jirra. Tarkaanfiin kun duubattis hindeebi’u. Kanaa booda qe’een abbaa waan qabuuf abbaasaatti deebi’uu qaba.

Bariisaa: Tarii filannoon dhiheessii lafaa ykn mana jireenyaa dhabamuun walqabatee namni ijaarsa seeraan alatti seenaa hinjiruu laata? Kanawoo ilaaluuf yaaltanittuu?

Obbo Guyyoo: Filannoo dhabuu kan jedhuun walqabatee dhugaan lafa jirtu dhiheessiin keenya kan lafaa rakkoo qaba. Nama magaalaa keessa jiraatu hundaa abbaa manaa gochuun hindanda’amu. Garuu dhiheessiin manaa furmaata argachuu qaba. Amma ijaarsa seeraan alaa kana diignee xumurree yoo keessaa baane Magaalaa Shaggar kaleessa Oromoon Cinaaksan gubbaa, fiixee Wallaggaa, Moyyaalee taa’ee, kallattii afraniinuu “Buraayyuun keenya Sabbati keenya” jedhee magaalaa kanaaf jedhee du’aa ture Oromoo fakkeessina. Yeroo sana Oromoo lafa kiyya jedhee falma malee dhufee as jiraachuuf yaada hinqabu. Magaalaa wareegama qabsoon itti kanfalame kanammoo Oromoo magaalicha keessa jiraatu hunda qubsiisuutu ittifufa jechuudha.

Kanarratti pirezdaantiin naannichaa ejennoo cimaa qabu. Oromoon magaalaa keessa jiraachuu qaba. Kanaaf qorannoon barbaachisu dhumeera. Warra amma jalaa diigame keessaas kan ilaallu ni jira. Wanti hubatamuu qabu garuu fedhiin keenya guddaan nama buqqisuu miti.

Bariisaa: Magaalonni biroonis ijaarsa seeraan alaa inuma diiguuwoo kan Shaggar kun maaliif ajandaa siyaasaa ta’e akka addaatti ilaalame laata?

Obbo Guyyoo: Sababoonnisaa wantootan irranatti eereen walqabata. Kaayyoon ijaarsa seeraan alaa inni ijoo diimogiraafii jijjiiru waan tureef gaafa itti bu’amu ajandaa siyaasaa godhatan. Kan manneen amantiis yoo ta’e abbootii amantii waliin mari’anneetu kan diigne. Nuti amantii kamiifuu kabaja guddaa qabna. Gaaffiisaaniis karaa seeraqabeessa ta’een akka isaan dhiheeffataniif gama hundaanuu yeroo kamuurra deggarsa ni taasifnaaf; isaan waliinis kan hojjennu ta’a. Abbootiin amantii, jaarsooliin, imaamoonni keenya hojii misoomaarratti baay’ee nu gargaaraa turan. Yeroo magaalaa Shaggar hundeessinullee baay’ee nu gargaaraniiru.

Amantii da’ataniis babal’ifannaan lafaa waan jiruuf namoonni dantaa siyaasaa qabaniifi faayidaansaanii itti bu’ame akka dhimmichi dhimma amantii fakkaatuuf kan socho’an waan jiraniif waan addaa fakkaate. Akka malee lafa qabachuun ijaarsa seeraan alaa gaggeessuu, xiqqoo turanimmoo falmuu waan barbaadaniif ajandaa siyaasaa godhachuu barbaadan.

Nuti amma invastimantiirratti baay’ee bobba’aa jirra. Kana booda Magaalaa Shaggar keessatti qonnaan bulaa Oromootiif beenyaan kanfalamee lafti irraa fuudhamee qaama biraaf kennamu, waan hafeetu hafa malee hinjiru. Qonnaan bulaadhumti mataansaa walta’iinsa abbootii qabeenyaafi mootummaatiin riilisteetii ijaaruuf qorannoonsaa xumurameera. Kanaa booda qe’een keenna tokkoffaa, lammaffaa, sadaffaan qonnaan bulaadha; isaaf dhufe magaalaan Shaggar.

Bariisaa: Qaamoleen manneen diigaman sabaafi amantii waliin walqabsiisan ni jiruutii isin maal jettu?

Obbo Guyyoo: Kun waan yaadamu miti. Nuti waa hunda ummata mariisisneetu kan goonu. Waan si dhibu marii booda namoonni baay’een gochichi sirrii akka hintaane hubatanii utuu nuti deemnee hindiigiin ofiisaaniin qorqorroo, balbalaafi foddaa buqqifataa, qabeenyasaanii kaafataa turan. Hojiin hojjetaa jirru alseertummaa hambisuun seera qabeessummaa diriirsuu malee eenyuunuu dhiibuu miti. Amantiifi sabaan ijaarsa seeraan alaa diiguun hoggansa sadarkaa hunda biratti waan yaadamu miti.

Kana kan odeessisan kanneen weerara lafaarratti sabaan gurmaa’anii hirmaataniidha. Bakka tokkotti baay’atanii walgurmeessanii waan jiraniifis wanticha fakkeessuuf ni yaalu; sagalees waliin dhageessifatu. Dhugaan jiru garuu kaayyoon keenya nama buqqisuu osoo hintaane magaalaa pilaaniidhaan ijaaramte hundeessuu waan ta’eef ijaarsa seeraan alaa diigaa jirra. Kanammoo heerri biyya keenyaa magaalonni pilaaniin akka ijaaraman kan deggaruudha.

Bariisaa: Adeemsa darbee keessa hoggantoonni, faddaaltoonniifi qaamoleen garagaraa lafa kennaa turan ni jiru. Kunneen weerara lafaa kanaaf ittigaafatamummaa hinqabanii? Tarkaanfiin fudhatameewoo jiraa?

Obbo Guyyoo: Dhugaadha. Hoggantoonni ijaarsa seeraan alaa kanaaf haala mijeessan akka turan qorannoodhaan bira ga’ameera. Tarkaanfiinis fudhatamaa tureera. Qaamoleen kunneenis bakkasaniirraa akka kaafaman taasifameera; seeraan akka gaatamaniis adeemsi eegalame jira.

Bariisaa: Dhumarratti qonnaan bulaafis ta’u ummata kaaniif yoo ergaa qabaattan?

Obbo Guyyoo: Daldalaan keenna yeroo kamuu caalaa qophaa’uu qaba. Mana Maree Daldalaa Magaalaa Shaggar hundeessineerra. Fooramiin invastimantii yeroo jalqabaatiif ni qophaa’a. Achirratti abbootiin qabeenyaa keenya qophaa’uu qabu. Aangoo siyaasaa arganneerra. Aangoon dinagdeedhaan hinutubamne irbuu hingeessu.

Kanaaf ummanni keenya dinagdeen cimuuf of ijaaruu qaba. Akkuma kaleessaa saboota kaanis ofitti hammachuun of cimsuun barbaachisaadha. Magaalaan Shaggaris ummata keenya dinagdeedhaan utubuuf karaa dheeraa deemeera. Dargaggootaafi dubartoota hojiitti galchuufi waa hundaan jabeessuuf akkasumas, ummata Oromoo magaalaa kana keessatti cimsuun abbaa magaalaa taasisuuf hojjetaa jirra.

Ummanni Oromoo kana booda magaalaaf keessummaa yookiin qollifataa ta’uun dhaabachuu qaba. Sablammii kaaniifis magaalaa abdiiti. Kan sablammiin keessaa ittidhiibamu, osoo hintaane hunduu seera, pilaanii aadaafi safuu ummataa eegee keessa jiraatuudha.

Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif isin galateeffanna.

Obbo Guyyoo: Isinis galatoomaa!

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015

Recommended For You

806 Comments to “ “Shaggar maqaa qofaan osoo hintaane waa maraan magaalaa Oromoo fakkaachuu qabdi” – Obbo Guyyoo Galgaloo

  1. Pingback: find this
  2. Pingback: Crayon Rocks
  3. buy semaglutide pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus price[/url] rybelsus price

  4. buy rybelsus online [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide online[/url] buy semaglutide pills

  5. semaglutide tablets [url=http://rybelsus.shop/#]semaglutide cost[/url] semaglutide cost

  6. semaglutide online [url=http://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] semaglutide tablets

  7. rybelsus cost [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] buy semaglutide pills

  8. buy cheap ozempic [url=http://ozempic.art/#]buy ozempic pills online[/url] buy cheap ozempic

  9. pin up casino guncel giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin up aviator[/url] pin up aviator

  10. пин ап казино вход [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап казино онлайн[/url] pin up

  11. Pingback: tải go88
  12. cheap Rybelsus 14 mg [url=https://semaglutide.win/#]cheap Rybelsus 14 mg[/url] Rybelsus 14 mg

  13. order minocycline 100 mg online [url=https://stromectol.agency/#]buy stromectol online[/url] ivermectin 20 mg

  14. zithromax 500 tablet [url=http://zithromax.company/#]buy zithromax z-pak online[/url] zithromax 500mg over the counter

  15. minocycline weight gain [url=https://stromectol.agency/#]order stromectol[/url] stromectol tablets

  16. cheap Rybelsus 14 mg [url=https://semaglutide.win/#]Rybelsus 7mg[/url] Rybelsus 14 mg price

  17. zithromax 250 [url=http://zithromax.company/#]zithromax best price[/url] zithromax capsules australia

  18. minocycline 100 mg tablets [url=https://stromectol.agency/#]order stromectol[/url] minocycline 100mg without doctor

  19. buy amoxicillin online uk [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin cheapest price[/url] cost of amoxicillin prescription

  20. zithromax 250 price [url=https://zithromax.company/#]zithromax for sale[/url] can i buy zithromax online

  21. rybelsus cost [url=http://semaglutide.win/#]buy semaglutide online[/url] Buy semaglutide pills

  22. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican online pharmacies prescription drugs[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  23. top 10 pharmacies in india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]buy medicines online in india[/url] cheapest online pharmacy india

  24. reputable indian online pharmacy [url=http://indianpharmdelivery.com/#]reputable indian pharmacies[/url] Online medicine home delivery

  25. canadian online drugs [url=https://drugs24.pro/#]comfortis without vet prescription[/url] prescription drugs without prior prescription

  26. best online pharmacy india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]best online pharmacy india[/url] indianpharmacy com

  27. Online medicine order [url=http://indianpharmdelivery.com/#]best india pharmacy[/url] best india pharmacy

  28. drug store online [url=http://drugs24.pro/#]drug prices[/url] generic viagra without a doctor prescription

  29. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexico pharmacies prescription drugs[/url] reputable mexican pharmacies online

  30. buy clopidogrel online [url=http://clopidogrel.pro/#]check clopidogrel pro[/url] Clopidogrel 75 MG price

  31. antiplatelet drug [url=http://clopidogrel.pro/#]buy Clopidogrel over the counter[/url] Cost of Plavix without insurance

  32. paxlovid generic [url=http://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] Paxlovid over the counter

  33. пин ап [url=http://1winci.icu/#]пин ап вход[/url] пин ап зеркало

  34. pin up [url=http://1winindia.tech/#]пинап казино[/url] пин ап казино

  35. пин ап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап официальный сайт

  36. cheapest online pharmacy india [url=https://indianpharm1st.com/#]indian pharmacy[/url] Online medicine order

  37. online shopping pharmacy india [url=http://indianpharm1st.com/#]india pharmacy[/url] india pharmacy mail order

  38. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharm1st.com/#]pharmacies in mexico that ship to usa[/url] buying prescription drugs in mexico

  39. pharmacies in mexico that ship to usa [url=http://mexicanpharm1st.com/#]buying prescription drugs in mexico[/url] mexican rx online

  40. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza[/url] sweet bonanza

  41. пинко [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] Официальный Сайт

  42. Пин Ап Казино Официальный Сайт в России: пинко – Пин Ап Казино Официальный Сайт в России

  43. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] medication from mexico pharmacy

  44. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  45. buy medicines online in india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] pharmacy website india

  46. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  47. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexican mail order pharmacies

  48. top 10 pharmacies in india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] online shopping pharmacy india

  49. buy prescription drugs from canada [url=http://pharm24.pro/#]cheap medication[/url] drug prices comparison

  50. buying prescription drugs in mexico online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] purple pharmacy mexico price list

  51. non prescription erection pills [url=https://pharm24.pro/#]low cost prescription[/url] canada ed drugs

  52. ultrabet guncel [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet yeni giris 1125[/url] ultrabet giris

  53. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yeni[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  54. buy gabapentin [url=http://gabapharm.com/#]cheapest Gabapentin GabaPharm[/url] GabaPharm Gabapentin

  55. best ed pill ere pharm [url=http://erepharm.com/#]cheapest ed pills ere pharm[/url] ED meds online

  56. kampharm shop [url=https://kampharm.shop/#]cheapest Kamagra Kam Pharm[/url] buy kamagra oral jelly Kam Pharm

  57. buying prescription drugs in mexico [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy online medications[/url] reputable mexican pharmacies online

  58. over the counter erectile dysfunction pills [url=http://canadiandrugsgate.com/#]Canada pharmacy online[/url] cheap ed pills

  59. indianpharmacy com [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]indianpharmacyeasy.com[/url] top 10 pharmacies in india

  60. buy amoxicillin from canada [url=https://amoxilcompharm.com/#]amoxil[/url] amoxicillin 800 mg price

  61. where can i buy generic clomid without insurance [url=http://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] where to get clomid without dr prescription

  62. buy dapoxetine online [url=http://priligymaxpharm.com/#]dapoxetine price[/url] dapoxetine price

  63. ivermectin 12 [url=https://iverfast.com/#]inverfast.com[/url] minocycline 50mg without a doctor

  64. lisinopril1st [url=https://lisinopril1st.com/#]buy Lisinopril online[/url] buy Lisinopril online

  65. Cost of Plavix on Medicare [url=http://plavixclo.com/#]PlavixClo[/url] cheap plavix antiplatelet drug

  66. lisinopril1st [url=http://lisinopril1st.com/#]lisinopril 10 12.55mg[/url] buy Lisinopril 1st

  67. pinup [url=https://pinup-kazi.ru/#]пин ап казино официальный сайт[/url] pinup

  68. вавада казино онлайн [url=http://vavada-kazi.ru/#]вавада[/url] vavada kazi

  69. вавада онлайн казино [url=http://vavada-kazi.ru/#]вавада казино[/url] вавада казино зеркало

  70. medicine in mexico pharmacies [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]Mexican Pharm[/url] purple pharmacy mexico price list

  71. world pharmacy india [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharmacy[/url] reputable indian pharmacies

  72. buy prescription drugs from india [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar[/url] indian pharmacy paypal

  73. reputable mexican pharmacies online [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharm easy[/url] mexican rx online

  74. india pharmacy mail order [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] best online pharmacy india

  75. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]MexicanPharmEasy[/url] best online pharmacies in mexico

  76. natural ed pills [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm 1st[/url] natural ed pills

  77. neurontin brand name 800mg [url=https://gabapentinpharm.com/#]Gabapentin Pharm[/url] Gabapentin Pharm

  78. 600 mg neurontin tablets [url=https://gabapentinpharm.com/#]neurontin cap 300mg[/url] neurontin tablets 300mg

  79. no prescription lisinopril [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril 10 mg online no prescription[/url] lisinopril 5

  80. get cheap clomid online [url=https://clomid.store/#]where to buy generic clomid now[/url] can i get clomid online

  81. cipro pharmacy [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro online without prescription[/url] buy ciprofloxacin over the counter

  82. where can i buy zithromax capsules [url=https://azithromycinus.com/#]buy zithromax online australia[/url] zithromax 500 mg lowest price pharmacy online

  83. can i order clomid without prescription [url=https://clomid.store/#]where to get cheap clomid without dr prescription[/url] cheap clomid tablets

  84. zithromax 500mg price [url=https://azithromycinus.com/#]where can i buy zithromax uk[/url] azithromycin zithromax

  85. where to buy cipro online [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro online canada[/url] buy ciprofloxacin over the counter

  86. ciprofloxacin order online [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro online[/url] buy cipro online without prescription

  87. zithromax azithromycin [url=http://azithromycinus.com/#]zithromax for sale online[/url] zithromax 500 mg lowest price pharmacy online

  88. how much is lisinopril 20 mg [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril comparison[/url] lisinopril over the counter

  89. http://cytotec.top/# cytotec online
    where can i get generic clomid without a prescription [url=https://clomid.store/#]where can i buy cheap clomid without prescription[/url] cheap clomid without insurance

  90. where can i buy clomid without a prescription [url=https://clomid.store/#]can i get clomid pills[/url] order cheap clomid without dr prescription

  91. Cenforce 100mg tablets for sale [url=https://cenforce.icu/#]cenforce.icu[/url] Cenforce 100mg tablets for sale

  92. casino Еџans oyunlarД± [url=https://casinositeleri2025.pro/#]casino gГјvenilir siteler[/url] casino giriЕџ

  93. пин ап казино официальный сайт [url=http://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] pinup 2025

  94. пин ап казино официальный сайт [url=http://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] пин ап казино зеркало

  95. пин ап казино зеркало [url=http://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пин ап казино

  96. pronet giriЕџ [url=https://casinositeleri2025.pro/#]canlД± oyunlar[/url] casino slot online

  97. пин ап казино зеркало [url=https://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] пин ап зеркало

  98. yurtdД±ЕџД± bahis siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]yabancД± mekan isimleri[/url] en gГјvenilir bahis siteleri hangileri?

  99. reputable indian online pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] cheapest online pharmacy india

  100. india online pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]India pharmacy international[/url] buy prescription drugs from india

  101. buy prescription drugs from canada cheap [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] buy prescription drugs

  102. male erection [url=http://canadianpharmi.com/#]Best Canadian online pharmacy[/url] ed solutions

  103. ed pills otc [url=https://canadianpharmi.com/#]Best Canadian online pharmacy[/url] cheap medication online

  104. erectile dysfunction pills [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada pharmacy online[/url] online ed medications

  105. viagra without a doctor prescription [url=https://canadianpharmi.com/#]canadian pharmacy[/url] ed treatment options

  106. can you buy prednisone over the counter in usa [url=https://prednibest.com/#]Predni Best[/url] buy prednisone canadian pharmacy

  107. buy ciprofloxacin over the counter [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] buy ciprofloxacin

  108. where to get prednisone [url=https://prednibest.com/#]PredniBest[/url] prednisone 20mg price

  109. get generic clomid now [url=http://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] where to get cheap clomid price

  110. order amoxicillin no prescription [url=https://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] amoxicillin in india

  111. cost of prednisone 5mg tablets [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] by prednisone w not prescription

  112. canadian pharmacy amoxicillin [url=https://amoxstar.com/#]order amoxicillin uk[/url] buy amoxicillin without prescription

  113. amoxicillin order online [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin for sale online[/url] amoxicillin 30 capsules price

  114. buy cipro without rx [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] buy ciprofloxacin over the counter

  115. amoxicillin brand name [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] amoxicillin 800 mg price

  116. buy prednisone from india [url=http://prednibest.com/#]prednisone brand name in usa[/url] prednisone brand name canada

  117. can i order generic clomid without rx [url=https://clomidonpharm.com/#]generic clomid prices[/url] where to get cheap clomid prices

  118. pinup 2025 [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино официальный сайт

  119. пин ап казино зеркало [url=https://gramster.ru/#]gramster[/url] pinup 2025

  120. best canadian online pharmacy [url=https://canadianpharmacy.win/#]canadapharmacyonline[/url] canada pharmacy

  121. northwest pharmacy canada [url=http://canadianpharmacy.win/#]best canadian online pharmacy[/url] canadian pharmacy oxycodone

  122. pharmacy canadian [url=http://canadianpharmacy.win/#]best online canadian pharmacy[/url] canadian pharmacy meds

  123. best canadian pharmacy online [url=https://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy ltd[/url] trustworthy canadian pharmacy

  124. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharmacy.store/#]buying prescription drugs in mexico[/url] mexico drug stores pharmacies

  125. canada drugs online review [url=http://canadianpharmacy.win/#]best online canadian pharmacy[/url] canada pharmacy

  126. top online pharmacy india [url=http://indianpharmacy.win/#]mail order pharmacy india[/url] india online pharmacy

  127. Buy Tadalafil 20mg [url=http://maxpillsformen.com/#]Generic Cialis without a doctor prescription[/url] cialis for sale

  128. low cost ed meds online [url=https://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] where to get ed pills

  129. Tadalafil price [url=http://maxpillsformen.com/#]buy cialis online[/url] Cialis without a doctor prescription

  130. where can i buy erectile dysfunction pills [url=https://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] buy erectile dysfunction treatment

  131. Cialis 20mg price [url=http://maxpillsformen.com/#]MaxPillsForMen[/url] Generic Cialis price

  132. Tadalafil price [url=https://maxpillsformen.com/#]buy cialis online[/url] cheapest cialis

  133. Viagra online price [url=https://fastpillsformen.com/#]Fast Pills For Men[/url] sildenafil 50 mg price

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *