– Waxabajjii 18 deeggarsasaatiif konsartiin qophaa’eera
Finfinnee: “Ashamaa, Ashamaa Asham, Ashamaa x2
Aadaa Oromootiin gabaa hindhaqiini.” Sirba kana baay’een keenya ni beekna jedheen yaada. Onnee namoota baay’ee keessas ni jira. Sagalee kiilolee ragada Wallaggaatiin sirbame keessumaa bara Afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamaa ture buufatawwan raadiyoo yeroos afaanichaan tamsaafaman dabarsanii ittiin ummata bohaarsan ture.
Barreeffama kanaan waa’ee sirba kanaa qabiyyee, walaloofi yeedaloosaa isin dubbistootatti himuuf miti. Nama sirba kanaan duuba jiru sagaleesaa kiilolee sanaan sirba kana sirbe waa’ee Artisti Ittaanaa Tolasaa waa muraasa jechuuf malee.
Artisti Ittaanaan bara 1954 Godina Wallagga Bahaa, Baadiyyaa Naqamtee, bakke Basaqa jedhamutti dhalate. Barnootasaas hanga kutaa 11ffaatti Magaalaa Naqamteetti kan barate yoo ta’u, bara 1969 Baandii Koree Taphattoota Aadaa Bultii Biyya Wallaggaa jedhamutti makamuun hojii aartiitti makame. Waggoota 46 oliif sirba walaloosaa seensarratti barreessineen ala kan ummata biratti daran beekamu “Xawalwaallee namamoo bineensaa, waankeen wallaale” kan jedhu dabalatee sirboota aadaa jaalala biyyaa, eenyummaafi seenaa Oromoo ibsan qeenxeedhaan 42, albamiidhaan sirboota 12 qabu tokko, waliigala sirboota 54 gurra ummataatiin ga’eera.
Artisti Ittaanaan waggoota 46 oliif gaafa aartii Oromoorratti hojjetu dararaa hamaan irra ga’aa akka tureedha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen kan ibse. Sababa Afaan Oromootiin sirbuuf qofa hidhaafi raabichaan dararamaa turuus eeree, har’ammoo rakkoolee fayyaa addaddaatiif saaxilamuu dubbata.
Sababa reebichaatiin deemuu dadhabee lafarra foqoqaa tureera, ilkaan fuulduraa shan irraa harca’eera. Nyaata alanfachuu dadhabee fal’aanaan gurshameera. Sadafii qawweedhaan kalee keessa rukutamee har’allee lafeen cinaachasaa jallatee dhukkubsachaa jiraachuu dubbata.
Kanneen hunda keessa darbee Rabbi umurii kennuufis jireenyi har’a irra jiru garuu kan nama gaddisiisuudha. Namoota dura isa beekan daandiirraa fuudhanii gargaarsa namootaatiin mana xiqqoo Buraayyuutti kireeffatameef keessa jiraata. Nyaatas gaafa argate nyaatee gaafa dhabe agabuu bula. Baay’ee keessatti dhalatee qofaa jiraachuufis dirqame.
Firaafi aantii yoo kufe isa kaasu, yee dheebote isa obaasu, yoo beela’e isa nyaachisu dhabeera. Lammiin kumaatamaan inni Ashamaa ittiin jechaa ture har’a jiraachuusaallee quba hinqaban.
Artisti Ittaanaan har’allee sagaleensaa cimaadha. Ammallee sagaleesaa kiilolee sanaan sirboota aadaa godinaalee Oromiyaa addaddaa hojjechuuf kaka’umsa qaba. Of harkattis sirboota 20 walaloofi yadaloonsaa dhumeef qaba. Kanas ummata biraan ga’uuf deeggarsa mootummaafi ummatasaa barbaada.
Jireenya tasgabbaa’aa yoo qabaate ammoo ijoollee jalaa dhufan sagaleerratti leenjiisuuf karoora akka qabu kan eeru artistichi, lammiinsaa hundi isa bira akka dhaabatan gaafata. Waxabajjii 18 bara 2015s Kutaa Magaalaa Buraayyuu, Hoteela Guuteetti konsartii kan qopheeffate yoo ta’u “Irraa na jalaa hinooliinaa” jechuun dhaammata.
Dhimma kana ilaalchisuun Hogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Biraanuu Buxee kan dubbisne yoo ta’u, isaanis biiroonsaanii bajati mootummaa haalota akkanaatiif kallattiin kennameef jiraachuu baatus aartistoota Oromoo kamuu rakkoo hawaas dinagdeetiif saaxilaman karaalee garagaraatiin kan deeggaru ta’uu himanii, darbees xalayaa deeggarsaa qaamolee addaddaatti barreessuun akka deeggaraman akka taasisu ibsu.
Waa’ee Artsiti Ittaanaa Tolasaa garuu akka nama dhuunfaattis akka biiroottis odeeffannoo kan hinqabne ta’uu eeranii, eeruu amma Gaazexaa Bariisaarraa argatan bu’uura godhachuun artsitichi akka deeggaramuuf waan biiricharraa barbaachisu hunda akka taasisan ibsaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
10 Comments to “ Ittaanaa Tolasaa: Artistii kumaatamaan Ashamaa jedhee kan Asham jedhuun dhabe”