Finfinnee: Itoophiyaa keessatti waadaan waloo jiraachuu akka qabu hayyootni marii kaleessaa Gumii Balal Marsaa 32ffaarratti hirmaatan gaafatan.
Hayyotni maricharratti hirmaatan akka eeranitti, rakkoon waadaa waloo dhabuu Itoophiyaan rakkoolee garagaraatiif akka saaxilamtu taasiseera.
Marichis mataduree “Waadaafi Gocha: dhalootaa hanga dhalootaatti” jedhuun galma Waajjira Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan adeemsifame yoo ta’u, waadaa waloo qabaachuuf dhaloota darberraa waan gaarii fudhachuun biyyattii gara fuulduraatti ceesisuun barbaachisaa akka ta’e hayyootni maricharratti hirmaatan kaasaniiru.
Barsiisaa Yunivarsiitii Barnootaa Kotobee kan ta’an Doktar Yooseef Beekoo yaada ka’umsa marii saganticharratti kaasaniin akka jedhanitti, waadaa waloo dhabuu qofa osoo hintaane Itoophiyaa keessatti yeroo baay’ee waadaan gara gochaatti waan hinjijjiiramneef biyyattiin aarsaa kaaffaluun isheef hinmalle kaffaalaa turteetti.
Hayyuun kun dhimma waadaa waloo Kitaaba Ida’amuu waliin wal qabsiisun yoommuu dubbatan akka jedhanitti, dhalootni ida’amuu, dhaloota waadaa gara gochaatti jijjiirudha. Waadaa gara gochaatti jijjiiruuf dhaloota sababatti amanu, kan bilchina sammuufi qaamaa qabu uumuun barbaachisaadha. Kitaabni ida’amuu waadaa dhalootaa kan gabbisuufi duudhaa Oromoo kan bu’ureeffate ta’uu hirmaattonni marichaa kaasaniiru.
Dhalootni ida’amuu dhaloota carra qabeessadha, gochaawwan gaarii kanaan dura turanirratti beekumsa saayinsiifi teknolojii dabaluun biyyasaa akka guddisuuf dhaloota carraa argateedha.
Ministir De’eetaa Misooma Jal’isiifi Gammoojjii Doktar Birhaanuu Magarsaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, waadaa waloo yaada walfakkaataa qabaachuuf dirqama miti. Kitaabichis kan akeeke biyyattii keessatti yaadni qeenxeen akka jiraatuf osoo hintaane yaadota garagaraa walitti araarsurrattidha.
Addunyaa kanarratti walittibu’iinsi nama hedduu fixe, walittibu’iinsa yaadati kan jedhan Doktar Birhaanuun, Kitaabni ida’amuu yaadota gamaafi gamanaa walitti araarsuurratti xiyyeeffata. Akka fakkeenyatti kitaabichi saboonummaa sabaafi kan biyyaa lamaansaayyuu bifa madaalawaa ta’een kan kaasuudha.
Kitaabni ida’amuu seenaaf iddoo guddaa laata; kanaaf immoo waan kanaan dura ture guutumaan guututti hundeerraa buqqisuu osoo hintaane kan kanaan dura turerratti dabaluurratti bal’inaan kan xiyyeeffateedha jedhu.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015
4 Comments to “ Itoophiyaatti waadaan waloo jiraachuu akka qabu hayyootni gaafatan”