Ispoortiin damee xiyyeeffannaa guddaa argachuu qabuudha

Finfinnee: Ispoortiin bashanansiisaa ta’uurra darbee bu’uura nageenyaa, siyaasaa, dinagdee, ibsituu aadaa waan ta’eef mootummaa federaalaafi naannoleetiin xiyyeeffannaa guddaa argachuu qaba. Iddoowwan oolmaa ispoortii ijaaruufi babal’isuun, kilaboota ispoortii gara garaa umurii umuriin qoodanii hundeessuufi wantoota barbaachisan guutuufiin leenjii gahaa akka argatan taasisuun, ispoorteessitoota ciccimoo jajjabeessuun gara dorgommiitti fiduun hojiilee guguddoo ispoortii guddisuufi babal’isuu keessatti qooda guddaa qabaniidha.

Hojiin ispoortii babal’isuufi guddisuu kun qaama mootummaa qofaan milkaa’uu waan hindandeenyeef abbootiin qabeenyaa, hawaasni, leenjistoonniifi leenjitoonni bal’inaan irratti hirmaachuu qabu. Hundumtuu gahee irraa eegamu bahannaan ykn qindoominaan waliin hojjennaan ispoortiin yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa fiduufi bu’aa eegamu argamsiisuu danda’a.

Ministeerri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaafi Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad waliin haala ispoortii naannichaa babal’isuufi guddisuun danda’amurratti torban kana mari’ataniiru.

Ispoortiin bashanansiisuurra darbee bu’uura siyaasaa, dinagdeefi ibsituu aadaa waan ta’eef mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa kenneefii irratti hojjechaa jira kan jedhan Obbo Musxafeen, godinaalee naannichaa 11 keessaa afur keessatti istaadiyoomonni afuriifi Giddugalli Dargaggootaa Hundagaleessi tokko hojjetamaa jira. Ijaarsi Istaadiyoomii biyyoolessaa Jigjigaa ammoo bara dhufu jalqabuuf karoora qabatanii hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Ispoortii naannichaa cimsuun yeroo gabaabaa keessatti kilaboota liigii biyyaalessaa keessumaa Liigii Piriimerii keessatti hirmaatan horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Ispoortii nageenyaaf kan jedhu mirkaneessuuf naannolee ollaa wajjin dorgommiifi feestivaalii ispoortii qopheessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa akka jedhanitti, sochii naannichi iddoowwan oolmaa ispoortii giddugaleessaa ijaaruuf taasisaa jiru muuxannoo gaarii babal’achuu qabuudha. Ispoortiin kan ummataa waan ta’eef aadaa ummataa ibsuufi beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ispoortii qarshii mootummaan ramadu qofaan guddisuufi babal’isuun waan hindanda’amneef ummanniifi abbootiin qabeenyaa bal’inaan akka irratti hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ministir De’eetaan Damee Misooma Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat akka jedhanitti, Somaaleen haala qilleensasaa ispoortiif mijataafi dargaggoota qaamnisaanii sochii ispoortiif mijatu hedduu waan qabduuf dargaggoota sadarkaa naannoo, biyyaafi addunyaatti dorgomuun injifatan baay’inaan horachuuf ispoorteessitoonni leenjii ammayyaa’aafi saayinsiin deggarame argachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Rakkoo ijaarsa iddoowwan oolmaa ispoortiirratti mudatan furuuf akkasumas dorgommiiwwan sadarkaa ardiifi biyyoolessaa qopheessuuf naannoon Somaalee Istaadiyoomii biyyoolessaa sadarkaasaa eeggate akka ijaaruu yaadachiisanii, dorgommiifi festivaaliin ispoortii naannichi qopheessuuf yaade walittidhufeenya ummattoota Itoophiyaa bahaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Marichi daawwannaa iddoowwan oolmaa ispoortii magaalaa Jigjigaa keessa jiran daawwachuun kan xumurame ta’uu odeeffannoon Ministeera Aadaafi Turizimiirraa arganne ni mul’isa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 3 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Ispoortiin damee xiyyeeffannaa guddaa argachuu qabuudha”

  1. Pingback: Terrorism
  2. Pingback: sex phim
  3. Pingback: Khủng bố

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *