“Kan gara milkaa’inaatti nama geessu mul’ata ganamaa nama keessa jiruudha”Dizaayinar Lalisee Mulugeetaa

Waasihun Takileetiin

 Dargaggeessa hojidhabeessa tokkotu ture. Dargaggeessi kun dinagdeedhaan milkaa’ee nama guddaa ta’uuf waan hawwii qabuuf hayyuun kalaqaa Sooqiraaxos iccitii milkaa’inaa akka itti himu gaafata.

Irra deddeebiin milkaa’uun barbaadaa maaloo iccitii milkaa’inaa natti himi jedhee isa rakkise. Sooqiraaxosis tole jedhee guyyaa ittaanu qarqara lagaatti akka dhufu; achittis akka isa gorsu itti hime. Dargaggeessichis tole jedhee ganameeffatee gara lagichaa deemee Sooqiraaxos eeguu eegale.

Sooqiraaxosis sa’aatii isa beellametti bakkichaatti qaqqabee uffatakee baasi jedheen. Ofiifis baafate. Dargaggeessichis Sooqiraaxosis baafatan. Harkasaa qabatees gara lagichaatti seenan. Dargaggeessichis eessa nageessita? jedhee Sooqiraaxos gaafate. Bakka milkaa’inni jirun sigeessa jedhee ammas garuma gidduu lagaatti seensise.

Utuma bishaan jalqaba mogolee, jilba, mudhii, kokkee jedhuu dhumarratti gaafa isa liqimsuuf jedhu maaloo nabaasi, natti haahafu jedhee itti marame. Sooqiraaxosis didee gara handhuura lagaatti galchee keessatti gadi dhiibee (xillikse) ofirraa darbate.

Dargaggeessichis harkasaa facaasaa wixxifachaa bishaan isa liqimse keessaa ba’uuf harkasaa olii gadi raasaa lubbuu ofii baraaruuf warraaquu tattaafachuu eegale. Gaafa lubbuun itti mi’ooftu Sooqiraaxos ittisiqee harkasaa qabee maal taate jedheen? Maaliif lagatti na darbatte jennaaniin inni deebisee ati maal barbaacha harkakee facaasta? jedhee gaafate.

Dargaggeesichis deebisee maaloo afuurri nacinnaan qilleensa fudhachuufan wixxifadha jedhee deebiseef. Sooqiraaxosis bishaan keessa qilleensi jiraa? jedhee gaafateen. Maarree yoon wixxifadhe bakkeetti bahee qilleensa argadha. Kunoo wixxifannaan ukkaamsaa keessaa bahee afuura baafadhe jedhee deebiseef.

Sooqiraaxosis, egaa ilmakoo milkaa’inni akkasuma olii gadi fiiganii kufanii ka’anii dhama’anii mul’ata nama keessa jiruun hojjetanii malee taa’anii yoo eegan hindhufu kanuma gorsikoo jedheen. Dargaggeessichis guyyaa sanaa kaasee kufee ka’ee hojjechuun dureessa ta’e. Sooqiraaxosis galateeffate jedhama.

Dubbistootaa, dhaloota ammaa keessaa tokko tokko osoo mul’ata isa keessa jiruun dhama’ee, ifaajee milkaa’uu danda’uu kan baratee itti leenji’een qofa milkaa’uuf carraaqus eeggattummaaf saaxilamaa rakkoo hamaa keessatti dhidhimee dhaabachaa jira. Dammaqanii tattaafachuun hojii tuffachuu keessaa ba’anii maloota gara milkaa’inaa nama geessanidha jetti keessummaan keenya maxxansa kanaa.

Keessummaan keenya Shamarree barnoota ittiin eebbifamte dhiistee mul’ata diizaayinarummaa uffata aadaa Oromoo dur ishee keessa jirurratti bobbaatee, daandii milkaa’inaarra imalaa jirtu, Dizaayinara Lalisee Mulugeetaa jedhamti. Turtiin Lalisee wajjin taasisne kunootii dubbisa gaarii.

Bariisaa: Dizaayinar Laliseen eenyu? Eessatti dhalattee guddatte?

Lalisee: Maqaankoo Lalisee Mulugeetaa jedhama. Abbaakoo Obbo Mulugeetaa Shifarraafi haadhakoo Aadde Baaccuu Gaddafaarraan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman, Magaalaa Fincaa’aattin dhaladhe.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa 1ffaa eessatti hordofte?

Lalisee: Barumsa koo sadarkaa 1ffaa hanga lammaffaa kutaa 10ffaatti Mana Barumsaa Dhuunfaa “Horroo Guduruu” jedhamu kan magaalaa Fincaa’aatti argamuttan baradhe.

Bariisaa: Erga kutaa 10ffaa xumurtee booda hoo?

Lalisee: Ergan kutaa 10ffaa xumuree booda gara Magaalaa Jimmaa deemee ogummaa Narsiin Yunivarsiitii Riifti Vaaliirraa dippiloomaadhaan eebbifameera. Ittiin hinhojjenne malee oggummaa narsummaatiin mirkaneessa ga’umsaas fudhadheera.

Bariisaa: Erga ogummicha barattee mirkaneessa ga’umsaaas fudhattee maaliif ittiin hinhojjenne?

Lalisee: Akkuman eebbifamee ba’een Finfinnee dhufus carraan hojii baay’ee dhiphaadha. Ergan leenji’ee ba’ee deebi’ee maatiitti ba’aa ta’uukoorra maal gochuutu narraa eegama? Yoon maal godhen hirkattummaa maatii jalaa ba’a? jedhee yaaduun eegale. Sana booda mul’ataafi fedhii dizaayinarii ganamuma nakeessa jiru hojjechuu akkan qabu murteesse.

Bariisaa: Fedhiifi mul’anni dizaayinarummaa akka sikeessa bulu kan taasise maali laata?

Lalisee: Maatiinkoo biyyatti mana uffata aadaa qabu turan. Dizaayinii uffata aadaa achi jiruufi Finfinnee jiru walmadaalsisuun jalqabe. Kana booda kan miidhagu fudhee hojjechiisee gara biyyaatti erguun eegale.

Barbadamummaan dizaayinii uffatichaa daran olka’aa waan deemeef dabalataan ajajni dhiyaachuu eegale. Sana booda isan achitti ergu maaliifin Finfinneetti hinhojjedhu jedhee mana kireeffadheen jalqabe. Sana booda fedhiifi mul’anni hojii nakeessa ture waan walsimateef jijjiiramoonni na jajjabeessan mul’achuu eegalan.

Bariisaa: Gaafuma jalqabaayyuu akkamitti kana dhiistee ogummaa narsummaa baratteree?

Lalisee: Ogummaan tokko tokko takkaan fira, takkaan haala takkaanimmoo maatiitu dhiibee itti sigalcha malee feetee kan itti leenjitu miti. Keessumaa gama kanaan biyya keenya keessatti fedhiikeerratti hundooftee kan leenjitu osoo hintaane irra jireessaan dhiibamtee kan itti seentu waan ta’eef itti milkaa’uurratti hanqina qaba.

Bariisaa: Kan dhiibamanii baratanii itti leenji’anirra mul’ata nama keessa jirurratti hundaa’anii hojjechuutu caala jechaa jirtaa?

Lalisee: Eeyyee. Dhugaa dubbachuuf dargaggoonni hedduu dhaabbilee barnootaa gara garaatti leenji’aa jiran keessaa harki caalu barataa kan jiran carraa isaan qaqqabeeni malee mul’ata keessasaanii jiru miti.

Kunimmoo dhumarratti hojii yoo dhaban mul’anniifi fedhiinsaanii walhinsimatiin hafuu agarsiisa, eeggattummaafis isaan saaxila, darbees hojii irratti bobba’anirratti bu’aaqabeeyyii ta’uu hindanda’an.

Bariisaa: Atis mul’anniifi fedhiinkee dizaayinarummaarratti waan hafeef ogummaa fayyaatiin hojii barbaacha dhiistee garasitti gorte jechuudhakaa?

Lalisee: Eeyyee. Mul’anniifi fedhiinkoo dizaayinara ta’uudha. Firatu akkan ogummaa fayyaa baradhu na dhiibe. Amma mul’ata nakeessa jiruun cimee hojjedhee dinagdeen of ijaaree eeggattummaa jalaa baheera.

Bariisaa: Milkaa’inni hojii dizaayinarummaa kanaan irra geesse akkamitti ibsita mee?

Lalisee: Osoon callisee ogummaa fayyaa baradhe sanaan hojiin barbaada jedhee umuriikoo fixuu, yeroon hojjedhee of jijjiiruu qabu keessatti deega ofirratti labsuu ta’ee natti mul’ataa ture.

Kana booda of kennee hojjechuun gabaaf dhiyeessee barbaadamummaa uffata aadaa Oromoo dizaayinara bareedaa daran dabalaa, anas onnachiisaa dinagdeedhaan nahumneessaa waan dhufeef cimsee hojjechuun ittifufe.

Bariisaa: Hojii kee kanaan namoota kaaniif carraa hojii hammam uumteetta?

Lalisee: Namoota sadiif carraa hojii uumeera. Namoonni kunniin har’a mindeeffamanii haa hojjetan malee muuxannoo asii argatan bor dhaabbata dhuunfaasaanii banatanii akka hojjetan kan isaan gargaaruudha.

Bariisaa: Ofirra dabartee hojidhabeeyyiif carraa hojii uumuukeetti maaltu sitti dhaga’ama?

Lalisee: Dhugaa dubbachuuf miira kutannoo nakeessa buleen hojiitti seenee of danda’ee ofirras darbee namoota sadiif carraa hojii uumuunkoo daran nagammachiisa.

Bariisaa: Egaa hojiin dizaayinii faashinii yeroorraa yerootti dabalaa hawwataa ta’aa jiraatii ati gamakeetiin hojii bareedaa hojjechuuf wanti akka galteetti sigargaaru maali?

Lalisee: Ga’umsaafi muuxannoo dizaayiniirratti qabu gabbifachuufis ta’e ammayyeessuuf kitaabilee dizaayinii nan dubbisa, darbees yuutuubiirraa buufadheen wantoota haaraa hojjechuun indastirii faashinii uffata aadaa Oromoo beeksisuufi barbaadamummaasaa caalaatti dabaluuf hojjetaan jira.

Bariisaa: Indastiriin uffata aadaa Oromoo gabaa addunyaatiif dhiyaatee galii malu argamsiisaa jiraa?

Lalisee: Dameen indastirii faashinii uffata aadaa Oromoo yeroo ammaa gabaa argachaa jira. Ta’us gabaa addunyaatti gadi baasnee galii guddaa akka argamsiisu gochuurratti ammallee hojii cimaatu nu eeggata.

Uffanni aadaa keenya ga’umsa ogeessonni uffata aadaa Oromoo omishuurratti qaban daran gadi fagoofi olaanaa ta’uu kan agarsiisuudha. Kanamalees Oromummaa calaqqisiisuu keessatti hiika guddaa qabu.

Bariisaa: Sochii uffata aadaa Oromoo dizaayinii ammayyaatiin omishuufi gabaaf dhiyeessuuf taasifamaa jiru akkamitti ibsita?

Lalisee: Caalaatti hojii keenya bifa hawwataafi Oromummaa calaqqisiisuun hojjetaa jirra. Keessumattuu qulqullina hojii keenyaa kana barbaacha maamiloonni dhufan hedduudha. Isaan kunniin artistoota, faarfattoota, uffata cidhaa sadarkaasaa eeggate dhiyeessuun daran beekamtii akka argatan taasisaa jirra.

Bariisaa: Dizaayiniin uffata aadaafi aartiin Oromoo walsimataafi agarsiistuu walooti jedhamaatii hammam walsimsiistee hojjetta?

Lalisee: Uffata aadaa keenya dizaayiniiwwan gara garaatiin bocnee hojjechuun mataansaa aartii tokko. Artiin kun aadaa, duudhaafi eenyummaa saba tokkoo agarsiisuurra darbee qaroomina qorqalbii waa kalaquuf Oromoon qabu kan agarsiisu waan ta’eef artii sirbaa, faarfannaafi sirnoota gargaraarratti daran agarsiistuu ta’ee mul’ata. Aartii keenyatti simboo horuu keessatti uffanni aadaa keenyaa dizaayiniiwwan gara garaatiin bocame hiika guddaa qaba.

Bariisaa: Biyya keessatti barbaadamummaan uffata aadaa keenyaa olka’a, gatiis baasa. Gabaa alaatti hoo hariiroo ummatte qabdaa?

Lalisee: Gabaan biyya keessaa yerootti olka’u qaba. Yeroo gadi bu’us jira kun ta’us haalli jiru jajjabeessaadha. Kan gabaa biyya alaa wajjin walqabatee uffata aadaa keenya dizaayiniiwwan gara garaatiin faayame wayita oonlaayinii ykn artistoota keenyarratti argan kallattummaan ajajatu.

Nus fedhiisaaniirratti hundofnee hojjechuun kallattiin poostaadhaanis ta’e karaa namootaa alatti erguun haala gabaa keenya fooyyessaa jirra. Kun ta’us gahaadha jechuun hindanda’amu.

Faashiniin uffata aadaa keenyaa barbaadamummaansaa yeroorraa yerootti dabalaa jira. Nutis of kenninee dandeettii qabnu itti idaanee of kenninee hojjennaan fayyadamummaan keenya ni mirkanaa’a.

Bariisaa: Bakka hojiitiin walqabatee haalli jiru maal fakkaata?

Lalisee: Hojii kana ofiif qofa kanin hojjedhu miti. Jalqaba qaroomina Oromoon uffatawwan aadaa gara garaa agarsiistuu eenyummaasaa ta’e uumamaan qabu gadi baasee mul’isaa waanan jiruuf calaqqee Oromummaa ta’ees tajaajila. Akkuma irranatti ibse carraa hojiis uumeera.

Ta’us bakki hojiikoo mijataadha jechuun hindanda’amu. Kireeffadheen hojjedha. Kanamalees dhiphaa waan ta’eef baay’inaan omishuurratti rakkoo natti uumeera. Gama kanaan bakki hojii qaama dhimmi ilaallatuun osoo naa mijatee ofiifis, hojidhabeeyyifis ta’e mootummaaf bu’aa buusuun ni danda’aman jedha.

Bariisaa: Kanneen biyya ofii keessatti hojjetanii of jijjiiruun danda’ama jedhan jiru. Kaanimmoo lakki, yoo tulluu darban biddeenni tulluuda jechuun osoo biyyaa ba’uuf yaalanii karaatti hafu, kanarratti maal jetta mee?

Lalisee: Miirri kutannoo jiraannaan biyya ofii keessatti hojjetanii dinagdeedhaan of humneessuun ni danda’ama. Kanas dargaggoota of kennanii hojjetanii milkaa’an ilaaluun gahaadha. Garuu ilaalcha faddaaltotaatiin gowwoomfamanii seeraan ala biyyaa ba’uun qabeenya horanna jedhanii warri manaa bahan hedduun karaatti hafaniiru.

Dargaggoonni keenya gowwomsaa akka kana keessaa ba’uu qabu. Hamma danda’ametti miira hojii filannaafi tuffannaa keessaa ba’uun mul’ata nukeessa jirurratti hundoofnee yoo hojjenne kan milkaa’e isa hinmilkoofneef dhadhaabbata. Inni hinmilkoofnemmoo isa imala jijjiiramaarra jiru wajjin ta’uun yoo tattaafate ofirra darbee namoota biroof hafuu danda’a.

Aadaan hojii keenyaa ammallee gabbachuu qaba. Dargaggoonni keenya eebbifamanii hojii barbaacha bara lakkaa’an hedduudha. Isaan kunniin dammaqanii hojii xiqqaa guddaa jedhanii osoo hinfilatiin itti seenanii of jijjiiruu qabu.

Bariisaa: Mindeeffamanii hojjechuu moo hojii dhuunfaa ofii wayya jetta?

Lalisee: Lamaanuu biyya ofii tajaajiluuf hojii hojjetamudha. Mootummaan namoota hunda mindeessee hojjechiisuu hindanda’u. Kanaaf, carraaqqiin dhuunfaa barbaachisa. Ofii dhama’anii dinagdeedhaan of gahuurra darbanii hojidhabeeyyiif carraa hojii banuun kan danda’amu hojii dhuunfaa yoo hojjetaniidha.

Kanaan ala kan mootummaa keessa yoo hojjetan ofiif yoo ta’een ala kaaniif carraa hojii uumuurratti hanqinni waan jiruuf kan dhuunfaatu filatama.

Kanaafuu hojidhabeeyyiin keenya warri danda’an qofaan carraa hojii uummachuu warri hindandeenyemmoo tarsiimoo gurmaa’inaa mootummaan hojiirra oolchetti fayyadamuu qabu.

Bariisaa: Mul’anniifi kaayyoon kee egeree maali?

Lalisee: Mul’anni nakeessa jiru uffata aadaa Oromoo dizaayinii ammayyaatiin faayameefi daran barbaadamu bal’inaan omishuun indastirii faashinii Oromoo addunyaaf beeksisuun madda galii gochuudha.

Kana milkeessuufis sochiin ani taasisu akkuma jirutti ta’ee bakki hojii walitti hidhaminsa gabaaf mijataa ta’e osoo naa mijate hojidhabeeyyiif dabalataan carraa hojii banuu nandanda’a jechuudha.

Bariisaa: Fudhatamummaan ogummaa dizaayinarummaatiin maatii kee biratti argatte akkamitti ibsama?

Lalisee: Jalqaba ogeessa fayyaa akkan ta’u fedhii qabuuyyu. Deemsa keessa garuu ergan gama dizaayinarummaa uffata aadaa Oromootiin hojii hojjedhee bu’aa buusuu jalqabee natti gammadaniiru. Kanamalees gama hundaan najajjabeessaa jiru.

Bariisaa: Jireenyi wal’aansoodhaan injifatama jedhamaatii ati hoo maal jetta?

Lalisee: Dhugaadha. Tattaafatan malee waa hinbuusan. Hojii faashinii dizaayinarii uffata aadaa Oromoorratti yeroon bobba’u jalqaba walitti hidhaminsa gabaa hamman horadhutti xiqqoo na rakkisee ture. Deemsa keessa garuu of kennee hojjechuukoon keessa darbeera.

Amma hojiinkoo barbaadamaa jira, beekamtiis argachaan jira. Fuuladurattis kana caalaan hojjedha jedheen abdadha. Egaa yoo tattaafatan, hojii tuffachuu baatan, wal’aansoo qaban, dhama’an yeroo fudhatus Rabbi wajjin keessa darbuun hinoolu.

Bariisaa: Amala hojii keenyaa keessumaa ittifayyadama yeroofi dargaggoota akkamiin madaalta?

Lalisee: Amalli hojii keenyaa ammallee dhimma daran fooyya’uu qabuudha. Hojjetaan mootummaa hojii mootummaa qofa hojjetee of jijjiiruu waan hindandeenyeef yeroo boqonnaa qabutti hojii dabalataa hojjechuu qaba.

Warreen hojii dhuunfaa hojjetanis sa’aatii 8:00 qofa hojjetanii taa’uun hiyyummaa ofirratti labsuu waan ta’eef akkuma warra alaa yeroo keenya sirriitti fayyadamuun dinagdeedhaan of ga’oomsuun nurraa eegama.

Bariisaa: Hojidhabdummaan amala badaaf nama saaxila jedhamaatii kanarratti maal jette mee?

Lalisee: Yoo sammuun keenya hojiidhaan qabamuu baate rakkoolee gara garaatiif saaxilamuun hinoolu. Keessumaa araadawwan adda addaatiif nama saaxila. Hojidhabeeyyii hedduun dargaggoota humna omishaa ta’aniidha. Dargaggoota keenya amaloota yaraa kanneen jalaa baraaramuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba.

Bariisaa: Dubartummaafi hojjechuu uummachuu Laliseen akkamiti ibsiti?

Lalisee: Ilaalchonniifi jechamoonni adda addaa yeroo dheeraaf dubartoota miidhaa turaniiru. Deemsa keessa garuu dubartiin hanga biyya hogganuutti hojjechuu dandeessi. Kunimmoo dubartootaaf wanti hindanda’amne akka hinjirre kan mirkaneessuudha. Anis ta’e warri nawaliin hojjetan warra bu’aa buusaa jiran keessatti jiraachuu keenyatti nan gammada.

Bariisaa: Fuulduratti mana uffata aadaa guddaa qabaachuuf karoorfachuun kee ibsamaa jiraatii kana milkeeffachuuf qophii akkamii taasisaa jirta?

Lalisee: Egaa gaafa hojjechaa dinagdeenis cimachaa deemtu fedhiinkees ni guddata. Bakka hojiikee bal’isuun hojidhabeeyyiif carraa hojii dabalataa banuun ni danda’ama. Milkaa’ina kanaatiifis akkuma mukti tokko hinboba’u jedhamu san sochiin koo deeggarsa mootummaa kan barbaaduudha.

Bittaan maashinootaa baasii olaanaa gaafata. Kanammoo qofaa koo guutuun waan hindanda’amneef yoo inni kaan hafellee gama maashiniifi bakka hojii mijeessuutiin osoo mootummaan deggarsa malu naa taasisee gaariidhan jedha.

Bariisaa: Nutis kan karoorfatte hundi akka sii milkaa’u hawwaa, aarsaa yeroo keetiif si galateeffanna.

Lalisee: Isinis galtoomaa!

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 / 2015

Recommended For You

6 Comments to “ “Kan gara milkaa’inaatti nama geessu mul’ata ganamaa nama keessa jiruudha”Dizaayinar Lalisee Mulugeetaa”

  1. Pingback: see this page
  2. Pingback: กงล้อ888
  3. Pingback: สล็อต888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *