Akkuma Oromoon waanjoo gabrummaa ofirraa buusee mootummaasaa hundeeffateen biyyattii keessatti Baankii dhuunfaa isa jalqabataa ta’ee kan hundaa’e Baankiin Awaash, yeroo dukkanaa keessatti warraaqsa diinagdee Oromoo kan eegalchiise ta’uusaatiin ummata biratti kabaja addaa kan qabu ta’uu Pirezdaantii Ittaanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Sagantaa kalaqa hojii uumuu dargaggootaa ‘Qaxaleewwan’ Baankii Awaash marsaa xumuraa dheengadda Finfinneetti adeemsifamerratti haasaa kan taasisan Obbo Awwaluun, Oromoon jaarraa tokkoo oliif gabrummaa siyaasaa qofa osoo hin taane gabrummaa diinagdee hamaa keessa turuu himanii, erga ummanni Oromoo aarsaa waggoota dheeraatiin bilisummaa siyaasaa argateen booda immoo bilisummaa gama dinagdee gonfachiisuu keessatti shoorri baankichaa bakka bu’ummaa kan hinqabne ta’uu dubbataniiru.
Waggoota shanan jijjiiramaa kana keessattis guddina dinagdee si’ataa galmaa’aa jiru keessatti qoodasaa sirnaan bahachaa waan jiruuf mootummaan naannichaas deeggarsa barbaachisu hundaan kan waliin dhaabatu ta’uus waadaa galaniiru.
Keessattuu dargaggoota yaada kalaqa hojii osoo qabanuu sababa hanqina maallaqaatiin gara hojiitti galuu dadhaban dorgomsiisee badhaasuufi maallaqa hojii ittiin eegalan kennuunsaa dhugumatti baankii saba bal’aa ta’uusaa akka mirkaneessu himaniiru.
Dargaggoota dorgommii kanaan yaada kalaqa hojii uumuu filataamaa ta’e kanaan injifataniif mootummaan naannichaa birokiraasii tokko malee iddoo isaan barbaadanitti bakka hojii kan kennuuf ta’uus waadaa galaniiru.
Hojii mootummaan dargaggootaaf carraa hojii uumuuf hojjachaa jiru deeggaruudhaaf sagantaa dorgommii kalaqa hojii dargaggootaa kana bocuusaanii kan himan immoo Hoji gaggeessaan Olaanaan Baankii Awaash Obbo Tsahaay Shifarraa, dargaggoonni dandeettii kalaqa hojii osoo qabanii hanqina maallaqaatiin rakkachaa turaniif carraa liqii mijeessuu qofa osoo hintaane, leenjii dabalataas kan argatan taasisuu dubbatu.
Sagantaa xumuraa dorgommichaanis kanneen tokko hanga sadaffaa bahan qarshii miiliyoona tokkoo hanga kuma 500 kan badhaafaman yemmuu ta’u, qarshii miliyoona shan immoo kan dhala hinqabne liqiidhaan ni argatu.
Baankichi maamiltoota miliyoona 10 kan qabu yemmuu ta’u, yeroo ammaa maallaqa taa’u qarshii biiliyoona 173 ta’u horateera.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015
7 Comments to “ Baankiin Awaash kalaqxoota qaxaleewwan badhaase”