Shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa marsaa 52ffaa

Shaampiyoonaan atileetiksii Itoophiyaa marsaa 52ffaan Caamsaa 8 hanga 13 bara 2013tti Finfinnee, Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti adeemsifameera.

Xumura shaampiyoonichaarratti gareewwan korniyaawwan lamaaniinuu mo’atan keessummaa kabajaa, Ministir De’aataa Ministeera Aadaafi Ispoortii; Ambaasaaddar Masfin Charinnat, Pirezidaantii Ittaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gazaahany Abarraafi raawwachiistota hojii federeeshinichaa biroo harkaa badhaasa waancaafi maallaqaa fudhataniiru.

Akkasumas qaamoleen milkaa’ina shaampiyoonichaatiif gumaacha olaanaa taasisaniif waraqaan ragaa kan kenname yoo ta’u, atileetota riikardii fooyyessan, warqii lamaafi isaa ol galmeessisaniif badhaasni maallaqaa kennameera.

Shaampiyoonichaan Baankiin Daldalaa Itoophiyaa qabxii 358n 1ffaa, Machaal qabxii 295n 2ffaa, Elektirikiin Itoophiyaa qabxii 158n 3ffaa bahuun miidhagina taatichaa ta’uun xumuruusaanii odeeffannoon Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa biraa argame ni ibsa.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa marsaa 52ffaa”

  1. Pingback: iTune gift card
  2. Pingback: lottovip

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *