Akka barsiisni bu’uuraa sirna dimokraasii ibsutti, hirmaattummaan hawaasa tokkoof utubaa aadaafi barsiifata dimokraasiiti.
Biyya keenya Itoophiyaatti, dura bu’oota siyaasaafi yaadamaa akkasumas kutaalee hawaasaa jidduutti dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaarratti adda addummaan yaadaafi waliigaluu dhabuun bal’inaan mul’ata.
Adda addummaafi waliigaltee dhabuu kana furuufi waliigaltee biyyaalessaarra ga’uun barbaachisaa waan ta’eef dhimmoota daran bu’uura ta’annirratti marii biyyaalessaa adeemsisuudhaan waliigaltee fooyyee qabu fiduuf, adeemsa kanaanis aadaa walamanuufi walittidhiyaatanii hojjechuu gabbisuun akka danda’amuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa loogmaleessa ta’e labsii lakkoofsa 1265/2014n hundaa’uunsaa ni yaadatama.
Komishinichi ittigaafatamummaa kennameef bahachuuf karoora tarsiimawaa baafachuun qophii duraa xumuruun boqonnaa adeemsaatti ce’ee hojii hirmaattota marichaa fo’uufi kkf raawwachaa jira.
Bu’uuruma kanaan komishinichi yeroo ammaa naannolee Gaambeellaa, Sidaamaa, Naannoo Ummatoota Itoophiyaa Kibbaafi Harariitti akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti tibbana hirmaattota fo’uu akka eegaluufi naannolee kaanittis walduraa duubaan kan ittifufu ta’uu ibseera.
Kanaafuu, rakkooleen akka biyyaatti irranatti eeraman furmaata waaraa akka argataniif lammiileen biyyattii biyya keessas ta’e ala jiraatan carraa seenaqabeessa kanarratti dammaqinaan hirmaachuun daran murteessaadha.
Lammiileen dhimma biyyasaaniirratti miira abbummaatiin hirmaachuu qabu. Kanaanis yaadama hirmaannaafi hirmaachisummaan hafuura ykn somba dimokraasiitti fudhatamaa ture qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha. Maricharratti miira na galchaatiin hirmaachuun waa’eedhuma ofiirratti murtiiwwan dabarsuu ta’uunis hubannoo cimaa argachuu qaba.
Hirmaattummaan ibsama dimokraasii ta’uun akkuma jirutti ta’ee karaawwan lamaan jechuunis kallattiifi alkallattiin akka hojiitti hiikamu hubachuunis dhimma murteessaadha.
Akaakuu hirmaannaa isa jalqabaatiin lammiileen adeemsa kenniinsa murtiirratti kallattummaan kan hirmaatan ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, isa lammaffaatiin garuu lammiileen bakka buutotasaanii filatanii akka yaadasaanii hanga caasaa oliitti akka calaqqisiisaniif kanitti taasifamu ta’uunis beekamaadha.
Kanaaf tooftaa komishinichi haala qabatamaa dinagdee biyyaa, qabeenya humna namaa, muuxannoo biyyootaafi kkf yaada keessa galchuun hirmaannaa taasisuun egeree Itoophiyaafi lammiileeshiitiif dhimma daran murteessaa ta’uun sirnaan hubatamuu qaba.
Hirmaatonnis yaadota furmaataa gumaachuu qabu. Kunis aadaa dimokraasii babal’isuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Lammiileen karaa alkallattiin oggaa hirmaatan qooda bakka bu’ummaan yaadaa akka cimuufi yaadasaaniis bilisummaadhaan akka ibsataniif waan haala mijeessuuf akkasumas bakka bu’oota yaadasaanii sirnaan calaqqisiisuufii danda’an of eeggannoofi xiyyeeffannaan fo’uurraa kaasee lammiileen dammaqinaan hirmaachuu qabu.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015
6 Comments to “ Hirmaattummaa:Ibsituu aadaa dimokraasii”