“Ummanni aartii hinqabne aadaafi eenyummaa hinqabu” jedhu hayyoonni damee aartii. Aartiin ibsituu aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa saba yookiin ummata tokkooti. Akkasumas ummanni tokko aartiitti fayyadamuun gammachuu, gadda, xiiqii, argachuu, dhabuu, mo’uu, mo’amuufi kkf isaa ibsata.
Oromoonis waggoota dheeraadhaaf haalota garagaraatiin aartiitti fayyadamuun aadaafi eenyummaasaa, jaalalaafi jibbasaa, injifannoofi quuqqaasaa hunda ibsataa ture. Kunis hawaasa keessatti bifa bittinnaa’een darbees bifa qindaa’een ammoo baandiidhaan gurmaa’uun ibsataa ture.
Kana keessatti Baandiin Biiftuu Oromiyaa eenyummaafi aadaa Oromoo waggoota 30n darban Oromiyaarra darbee Itoophiyaatti mul’isaafi beeksisaa ture akka fakkeenyaatti eerama. Baandiin kun hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin walqabatee hundaa’ee hojii kan eegale yoo ta’u, aartistoota kumaatamaan lakkaa’amanis biyyattiif gumaacheera.
Kanuma sababeeffachuun tibba kana sirni beekamtiifi galateeffannaa qophaa’ee naannolee biyyattii addaddaa keessatti konsartiin adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, sagantichi akka waliigalaatti Oromiyaa, Adaamaatti cufiinsa kan argatu ta’a. Nutis dhimma kanarratti Hogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO) fi Ittigaafatamaa Damee Aadaa Obbo Biraanuu Buxee dubbisneerra.
Akka isaan jedhanitti, baandichi mootummaa naannoo Oromiyaa waliin yeroo tokko kan hundeeffame yoo ta’u, mootummaa naannichaa hundeessuu keessattis ashaaraan baandichaa olaanaa ture. Roorroo sirnoota darban keessa ummata Oromoorra ga’aa tures fonqolchamee akka hafu taasisuurratti sochiifi qabsoon taasisaa ture sadarkaa olaanaa kan qabuudha.
“Baandiin Biiftuu Oromiyaa kaayyoon hundeeffamasaa aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo beeksisuu, ummanni sadarkaa sadarkaadhaan dammaqee akka guddatu, mirgasaatiif akka qabsaa’uufi eenyummaasaa akka kabachiifatu taasisuu keessatti hojii guddaa hojjeteera. Kanaanis bu’aalee guguddoon galmaa’aniiru. Akka fakkeenyaattis, mootummaan Oromiyaa afaan, aadaa, duudhaafi safuusaatiin akka gaggeeffamu taasisuu keessatti hojii olaanaa hojjeteera” jedhu.
Akkasumas, yeroo gaaffiin Oromoo hindeebinetti gaaffii ummata Oromoo qabachuun, weellisaafi walaleessaa qabsaa’aa turuu himanii, gaaffii abbaa biyyummaa akka biyyaatti ummanni Oromoo qabu akka deebi’us ittifufiinsaan sadarkaa sadarkaadhaan qabsoo gaggeessaa turuufi yeroo ammaattis milkaa’ee ummatichi gaaffii afaan, aadaa, duudhaafi seenaasaa eegsifachuurra darbee sadarkaa abbaa biyyummaasaa mirkaneeffaterra qaqqabuu kaasu. Kana keessattis gaheen Biiftuu Oromiyaa olaanaa ta’uu himu.
Baandichi akka baandiitti hundaa’ee hojii aartii hojjechuun cinaattis amaataroota dargaggoo lafaa dhufan yoo xiqqaate waggaatti amaataroota 300 ol bilisaan Giddugala Aadaa Oromootti leenjii kennuun dandeettii ogummaa aartiisaanii akka gabbifataniifi biyyaaf gumaachan taasisaa jiraachuus himu hogganaa ittaanaan kun. Leenjisuu qofa osoo hintaane bakkeewwan jiranitti ofitti fudhachuun tajaajila irraa eegamu akka kennan taasisuu keessatti ga’een taphataa ture olaanaa ta’uu ibsu.
Waliigalaan dameewwan aartii sirba, shubbisa, fiilmii, sululuqii, walaloo bobbocaafi akaakuu aartii hundaan hawaasa bira ga’ee ummata bohaarsaafi bashannansiisaa barsiisaa tureera, ammas itti jira jedhu.
Oolmaa baandiin kun mootummaafi ummata naannichaatiif gumaache kunis sirnaan yaadatamuu kan qabu ta’uu kan himan Obbo Biraanuun, kanuma sababeeffachuun sagantaan beekamtiifi galateeffannaa qophaa’uu dubbatu.
Kana sababeeffachuunis hundeeffama waggaa 30ffaa baandichaa naannolee biyyattii garagaraatti konsartii tokkummaa, jaalala, michoominaafi obbolummaa naannolee Hararii, Somaaleefi Affaar akkasumas, Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti mataduree, “Aartiin Tokkummaa sabdaneessmmaa biyyaalessaaf” jedhuun adeemsifamaa jiraachuu himanii, fuuldurattis naannoo Kibbaafi magaalota Oromiyaa lama, Shaashamanneefi Adaamaatti konsartichi adeemsifamuun sagantichi kan goolabamu ta’uu eeru.
Konsartichis naannoo Somaalee, Magaalaa Jigjigaarraa kan eegale yoo ta’u, ittaansuun Dirre Dhawaa, Harariifi Affaar Loogiyaatti adeemsifamuufi sagantichis daran milkaa’aa ta’uu kaasu. Konsartichis agarsiisa aartii qofa osoo hintaane jaalala, tokkummaafi obbolummaa sabootaa cimsuu keessatti qooda olaanaa akka qabu ibsu.
Akka ibsa hogganaa ittaanaa kanaatti, baandiin kun riifoormiidhaan akka ijaaramuufi dhaloota haaraafis mijataa akka ta’utti mootummaan kallattii kaa’ee hojjetaa jira. Kunis yeroo gabaabaa keessatti kan raawwatamu ta’a. Baandii Biiftuu sadarkaa Oromiyaatti ummata Oromoo giddugaleeffachuun hundaa’us Oromoofi Oromummaa beeksisuu keessatti qofa osoo hintaane Itoophiyaa utubuufillee gaheen ba’ataa ture olaanaa yoo ta’u, kanas sadarkaa Gaanfa Afrikaatti guddisuuf kan hojjetamu ta’a. Akkasumas caasaa of danda’ee, ogummaadhaan cime, meeshaa ammayyaatiin sadarkaa guddinni teknolojiin yeroon barbaadu qabu taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Ummannis kaleessa waan irra tureefi bakka amma irra jiru hubachuun baandii calaqqee ummata Oromoo ta’e kana bira dhaabachuufi kunuunsuu keessatti gahee irraa eegamu akka ba’atu dhaamu.
Hogganaan BATO Obbo Huseen Fayyisoo gamasaaniin waltajjii Magaalaa Dirree Dhawaatti adeemsifamerratti akka dubbatanitti, mootummaan naannichaa konsartiin kun akka qophaa’u gaafa murteessu tokkummaan obbolummaafi sabdaneessummaan akka cimu yaadee ta’uu kaasanii, kanas afaaniin osoo hintaane qabatamaadhaan agarsiisaa jiraachuu himu.
“Ummanni Itoophiyaa biyya tokko waliin qaba. Biyya kanas utubanii, ijaaranii badhaadhinatti ceesisuuf nageenya mirkaneessuun dirqama. Kanas aadaafi duudhaa ummataa dhalootarraa darbaa dhufe jabeeffachuuni. Biyyi yeroo ammaa tokkummaa akka barbaaddu beekamaadha.
Kunis walitti sirbuudhaan osoo hintaane aadaafi duudhaa qabnu mariidhaan cimsachuun barbaachisaadha. Qaamota tokkummaa ummataa diiguuf socha’an irratti hunduu tokkummaan irratti qabsaa’uu qaba. Aartiinis misooma, tokkummaa, biyya ijaaruufi waa hunda keessatti qooda waan qabuuf damee kana cimsuun murteessaadha” jedhu.
Biiftuun Oromiyaa waggoota 30n darbanitti tokkummaa biyyaa eegsisuuf qabsoo eegaluu kaasanii, nageenya amansiisaa fiduufi ummata tokkoomsuurratti hojii olaanaa hojjechuu himu. Kanaaf ayyaanni hundeeffama baandichaa yommuu kabajamu ummanni yoomiyyuu caalaa tokkummaasaa kabajuun ta’uu akka qabu dhaamu.
Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakim Muluu gamasaaniin haasaa waltajjii Magaalaa Hararirratti taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa, seenaafi eenyummaa ummata Oromoo dhugaa baasuuf, seenessawwan jallatanii barraa’an qajeelchuufi sirreessuuf xiyyeeffannaa addaa kennee hojjataa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafis haala sadarkaa ummatichaa gituun inistitiyuutii cimaa ijaaruun yeroo waggoota lama hinguunne keessatti bu’aa olaanaa argamsiisuu himu. Yeroo gabaabaa kanattis qorannoowwan 62 qorachuun seenaa, aadaafi aartii ummatichaa gaggeessee ifatti baasuu kaasu.
Aadaafi seenaan ummatichaa ifatti akka ba’u gochuu keessattis hojiin Baandiin Biiftuu hojjete akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu kaasanii, kanas fuulduratti cimsanii ittiin hojjechuuf kallattiin kaa’amuu dubbatu.
Walumaagala Baandiin Biiftuu waggoota kurnan sadan darbanitti aartiidhaan aadaa, duudhaa, eenyummaafi seenaa ummata Oromoo beeksisuu keessatti gahee olaanaa kan ba’ate yoo ta’u, kunis sadarkaa biyyooleessaatti akka beekamuuf hojiin eegalame cimee ittifufuu qaba jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19 Bara 2015
3 Comments to “ Biiftuu Oromiyaa: Baandii aadaafi eenyummaa Oromoo ibsuun waggoota 30 lakkoofsise”