Masaraa mootummaaf teessoo ummataaf sirna ta’e

Rippoortara Gaazexichaatiin

Magaalaa guddittii Oromiyaafi biyyaa akkasumas teessoo Gamtaa Afrikaa taate keessatti pirojektiiwwan guddina magaalitti gitan hedduun ijaaramaa jiru. Dheengaddas ijaarsi bifa magaalittii jijjiiruurra darbee gaaffiilee baay’eef deebii ta’u eegalameera; Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Masaraan kun heektaara kuma ja’a irratti, Korporeeshinii Ijaarsaa Siiviilii Injinariingii Chaayinaatiin (China Civil Engineering Construction Corporation – CCECC) kan ijaaramu yoo ta’u, waggaa lama keessatti kan xumuramu ta’a. Ijaarsi masaraa marsaa lamaan adeemsifamu kun, marsaa jalqabaatiin waajjira pirezdaantiifi bakkeen dhaabbii konkolaataa bal’inaan kan ijaaramu ta’a. Marsaa lammaffaatiinis ijaarsawwan waajjira kaabinee, galmoota addaddaafi kutaalee tajaajila addaddaaf oolan haala seenaa, duudhaafi aadaa Oromoo ibsuun kan ijaaraman ta’a.

Sirnicharratti argamuun haasaa kan taasisan pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo hammaataa keessa dhaabbatee ummata Oromoo ijaaruudhaaf, ummata Oromoo barsiisuudhaan, waan danda’e hiikuuf waan dadhabeetti immoo dhaloota guddisuuf xiiqii olaanaadhaan hojii heddu hojjetaa jiraachuu ibsaniiru. Kana keessattis hoggantooti darban hojii cimaa hojjechuusaaniitiin galateeffataniiru.

“Naannoon Oromiyaa akka salphaatti hin hundeeffamne jalqaba gaafa hundeeffamu aarsaa cimaadhaan bakka taa’an dhabanii nama dhufee hojjetu dhabanii sirna ittiin kaffalan wallaalanii dukkana keessatti hundaa’e. Biiroodhaa biirootti ari’amaa rakkoo hedduu keessa dhaabbachaa obsaan mootummaan naannichaa akka as gahu godhaniiru. Otoo isaan hinjiraanne nuyi har’a hinjirru, kanaafuu galatoomaa ulfaadha” jedhu.

Bu’aan amma argamaa jiru bu’aa qabsaa’ota kaleessaa ta’uu kaasanii, tokkummaan Oromoo sirnaan ijaaruu akka ta’e ni ibsu. Sirna ijaaruun mootummaas ta’ee paartiidhaa ol akka ta’eefi ummanni Oromoo sirna jabaa waan qabuuf waan waloo irratti tokko ta’uu akka qabu hubachiisu.

Masaraan ijaaramuuf jiru mallattoo tokkummaa ummata Oromoo ta’uusaafi seenaa ta’ee kan galmaa’u ta’uu kan himan Pirezdaanti Shimallis, ummata Oromootinis baga guyyaa iddoo murtiin Oromoo itti murtaa’u, iddoo tokkummaan ummata Oromoo itti cimu ijaarachuun isin gahe jechuun ergaa gammachuusaanii dabarsaniiru.

Dizaayiniin ijaarsa masaraa Mootummaa qulqullinaan kan hojjatame ta’uu ibsanii dhaabbanni dorgomuun masaricha ijaaruuf fudhate waggaa lama keessatti akka xumuramuuf kan waliigalan ta’uus ibsaniiru.

Uummanni Oromoo fedhii addaa hinqabu kan jedhan Obbo Shimallis fedhiin ummatichaa biyya mirgi namaa itti kabajamu, kan tokkummaafi jaalalli sabaaf sablammootaa itti mirkanaa’e ijaaruuf hojjachaa jiraachuu himu. Ummanni hiree isaa boruu har’a dinagdeen irratti hojjechuun cimsee ijaaruu akka qabus ni kaasu.

“Ummanni Oromoo warra seenaati waan ta’eef gara fiixeetti wanti deemsisu hinjiru. Akkuma kaleessa abbootiin keenya dhiigaaf lafee isaanii Adwaa irratti dhangalaasuun maqaa biyya kanaa ol kaasan nutis har’a seenaa haaraa hojjachuun mirkaneessuu qabna. Seenaa qamadii alaa galchuufi kadhachuu hambisuun dinagdee cimaa ijaarachuu qabna. Wacni bitaa mirgaa hafarfamu tokkummaa keenya kan cimsudha. Dhimma tokkummaa keenya cimsu irratti waloomaan hojjanna” jedhu.

Qabsoo Oromoo kan balleesse ariitii waan ta’eef, obsaan hojjachuun murteessaa ta’uu eeranii, wanti hundi amma ta’u qaba ilaalcha jedhu keessaa bahuun dinagdee Oromoo cimsuuf itti fufiinsaan hojjachuu akka barbaachisa dhaamu. Walumaagala masaraan ijaaramu kun hiika teessoo mootummaa ta’uurra darbe qaba. Kanaaf fiixaan ba’iinsasaaf hunduu tumsuu qaba.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Masaraa mootummaaf teessoo ummataaf sirna ta’e”

  1. Pingback: cat888
  2. Pingback: cartel vape
  3. Pingback: cam tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *