Harka walii diriirsuun keenya baranas itti fufuu qaba

Tajaajila lammummaa waggaa waggaadhaan sadarkaa biyyaatti labsamuun manneen harka qalleeyyii kumaatamaan ijaarameera; haaromfameera. Kana malees deeggarsi garagaraa qarshii miliyoonota hedduun lakkaa’amu namoota hanqina humnaafi maallaqaa qabaniif taasifameera.

Ganni dukkanni roobaafi cabbii makatee roobu manneen baay’ee diiguun namoota bakkeetti akka hinbaafneef kaka’umsa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)tii hojiin waggoota sadan darban raawwatame kan nama jajjabeessuudha.

Bara kanas ganni dafee seenuusaatiin walqabatee torban kana hojiin tajaajila lammummaa ganna kanaa ifaan labsameera. Doktar Abiyyiifi Gennee Zinnaash Taayyaachoos torban kana hojicha ifaan eegalsiisaniiru.

Doktar Abiyyis, roobni cimaan torbee darbe argine akka hundumti keenya kutaalee hawaasaa rakkataniif harka keenya diriirsinu nubarsiisuu qaba. Sagantaan waggaa waggaadhaan lammiilee humna hinqabneefi rakkoorra jiraniif mana ijaaruufi haaressuu jalqabameera. Hundi keenyayyuu carraaqqii waggaa waggaan taasifamu kanarratti akka tumsinun dhaama” jechuun ergaasanii dabarsaniiru.

Duudhaa Oromummaa kan ta’e tajaajilli lammummaa hojii naannoon Oromiyaa itti milkaa’e keessaa isa ijoodha. Aadaafi duudhaa ganamaa Oromoon ittiin wal gargaaraa ture irraa kan madde kenni tajaajila lammummaa boqonnaa sammuu dhala namaaf kan laatu yoo ta’u, kan gargaares kan gargaarames gammachuu sammuu guddaa qabaata.

Ummanni Oromoo aadaa walgargaarsaa kan har’a jalqabe osoo hintaane, aadaafi duudhaa ganamaa dhalootaan qabuudha waan ta’eef, sirna isaa ganamaatti deebi’uun waan qabuun wal bira dhaabbachuun wal deeggaruun murteessaa ta’uu waamichi mootummaa naannichaa ni mul’isa.

Ummanni bal’aan sirna jabaa yeroo ammaa mootummaan ijaaraa jiru keessatti qooda isaa bahachuun rakkoo hawaasummaa walootiif Buusaa Gonofaa keessatti miseensa ta’uun waldeeggaruu akka qabus waamichi dhiyaateera. Sabni akka sabaatti wal beekuu caalaa waliif beekuun waan argate kunuunfachaa caalmaatti waan dhabe guuttachuuf tokkummaan waliin dhaabbachuufi cichanii hojjachuun ergama qaama hundaa ta’uus ni hubachiisa.

Kanaafuu, hunduu duudhaasaa ganamaafi ibsama Sirna Gadaa kan ta’e walgargaaruufi waldeeggaruutti deebi’uun harka qalleeyyii, manguddootaafi namoota sababa addaddaan deeggarsa barbaadan cinaa dhaabachuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Harka walii diriirsuun keenya baranas itti fufuu qaba”

  1. Pingback: saipay789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *