Aadaafi duudhaan Oromoo ganamaa dhugaarratti hundaa’a

Inistitiyuutiin Qo’annoofi Qorannoo Oromoo Labsii 242/2014n kan hundaa’e yoo ta’u, dhimma afaan, aadaa, aartiifi seenaa Oromoorratti xiyyeeffatee qo’annoofi qorannoo bal’aa adeemsisaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa inistitiyuutichi dhimma afaan, aadaa, duudhaa, aartiifi seenaa Oromoo karaa gadfageenyaan qo’achuufi wiirtuu beekumsa Oromoo taasisuuf bara darbe kan hundeesse yoo ta’u, inistitiyuutichis ergama itti kenname milkeessuuf hojiilee jajjabeessoo raawwachaa jira.

Inistitiyuutichatti, Dursituun Garee Qorannoo Aadaafi Seenaa Aadde Haliimaa Edoo gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Finfinneen qe’ee Oromoo Tuulamaa, Gullallee, Galaaniifi Abbichuu turte. Bakka biraadhaa warri dhufan Oromoo Finfinnee jiraachaa ture tooftaafi humnaan irraa dhiibanii Finfinneen keenya jedhanii kan morman jiru. Magaalaa Finfinnee garuu seenaadhaanis ta’e ragaa dhugaatiin kan Oromoofi Oromiyaati. Seenaan Hundeeffama Magaalaa Finfinnee qo’annoofi qorannoon deggaramee barraa’ees Finfinneen Oromoo ta’uushee mirkaneessa.

Akkasaan jedhanitti, Finfinnee keessatti aadaafi seenaan Oromoo akka beekamuufi babal’atuuf hojiilee raawwatamaa jiraniin bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aa jiru. Dhalataan Oromoo Finfinnee keessa jiraatus afaan, aadaafi seenaa Oromoo beekuufi guddisuu, ittiin jiraachuufi dagaagsuurratti dammaqee hojjechuu qaba. Ayyaanni Irreechaa waggaa 150 booda Magaalaa Finfinneetti deebi’uunsaas jijjiirama guddaadha. Inistitiyuutichis yunivarsitootafi hayyootaa seenaafi aadaa waliin ta’uun aadaafi Seenaa Oromoorratti qo’annoofi qorannoo bal’aa adeemsisaa jira jedhu.

“Qo’annoofi qorannoon Seenaan Oromoo Harargee, Afran Qalloo, Ituufi Humbannaa irratti adeemsifamaa ture xumuramee maxxansaaf qophaa’eera. Seenaan Gootota dubartoota Oromoofi gahee dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qabanis qoratamaa jira. Sirni Gadaa dubartoota malee guutuu ta’uu akka hindandeenye qorannoodhaan adda baheera. Seenaa gootonni Oromoo waraana Adwaarratti galmeessisaniifi gahee Oromoon ijaarsa biyyaafi qaroomina Gaanfa Afrikaaf gumaaches qoratamaa jira” jedhu.

Seenaan Oromoo Raayyaafi Walloos qoratamaa jira kan jedhan Aadde Haliimaan, yeroo baay’ee sabni Amaaraa Oromoo Raayyaafi Walloo garasaatti harkisa. Dhugaan jiru garuu ummanni Raayyaafi Walloo Oromoodha; isaanis Oromoodha ofiin jedhu; nutis seenaa qabatamaarratti hundaa’uun Oromoodha jennaan. Qo’annoofi qarannoon seenaa dinagdee Oromoos adeemsifamaa jira. Inistitiyutichi seenaa siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa Oromoo kan bara duriifi giddugaleessaas qo’achaafi qorachaa jiraachuu eeru.

Oromoon saba aadaafi duudhaa bal’aa qabuu ta’uu kaasanii, sirni Gadaa ammoo dugugguruu aadaa Oromoo ta’uufi aadaa Oromoo Sirna Gadaatiin ala ilaaluun akka hindanda’amne himu. Aadaafi tumaalee hedduun Sirna Gadaa keessatti waan ibsamaniif Sirni Gadaa akka toora xiyyeeffannoo tokkootti fudhatamee gadfageenyaan qo’atamaafi qoratamaa jiraachuu himanii, beekumsa xabboo, falaasamaafi ilaalcha Oromoorrattis qo’annoofi qo’annoon geggeeffamaa jiraafi utuu saayinsiifi teknolojiin akkasitti hinbabal’atiin dura beekumsi Oromoon maddisiisaafi meeshaalee inni hojjechaa ture, qorichoota aadaa Oromoon ittiin nama dhukkubsate wal’aanaa turerrattis qo’annoofi qorannoon geggeeffamaa jiraachuu dubbatu.

Haala itti Oromoon nama walitti bu’e araarsaafi dursee walitti bu’iinsa ittisaa turerratti akkasumas aadaan fuudhaafi heerumaa, nyaataa, uffannaafi dhugaatii Oromoorrattis qo’annoofi qorannoon adeemsifamaa jiraachuu kaasanii, aadaa Oromoon saba biraa guddifachuun, moggaafachuun, lallabachuun, meendhichaan firoomuun waliin jiraatu ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha akkamii qaba kan jedhus qoratamaa jiraachuu dubbatu. “Duudhaan Oromoo akka simintootti Itoophiyaa kan walqabsiise waan ta’eef gadfageenyaan qoratamaa jiraachuu dubbatu.

Nyaata aadaa Oromoo keessa kan yeroo dheeraa turu, yeroo gabaabaa turuufi fayyummaaf oolu jira. Nyaatni aadaa Oromoo calaqqee ummatichaa waan ta’eef dhaloonni amma jiru nyaata aadaa Oromoo beekee dhaloota ittaanutti akka dabarsuuf hojjetamaa jiraachuus ni himu. Uffannaafi faaya aadaa Oromoorrattis qo’annoofi qorannoon adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u yeroo ammaa damicharratti jijjiiramni guddaan jiraatus hanqinaalee tokko tokko qabaachuu eeru.

“Uffannaa aadaa Oromoo keessatti ruufa mataatti kan maratu Abbaa Gadaafi Qaalluudha. Ruufa Abbaan Gadaafi Qaalluun mataatti maratu uffannaa dubartootaarratti hodhuun garuu darbee darbee ni mul’ata. Akka aadaa Oromootti yeroo baay’ee Elellaan kan godhatu ijoollee dubaraafi dhiiraati. Gaafa jilaa ammoo Elellaan caacuutti ni godhama. Elellaan kun yeroo ammaa uffannaa dhiirota gurguddoorratti darbee darbee ni godhama; kun safuufi sona uffannaa aadaa Oromoo cabsuu waan ta’eef sirrachuu qaba” jedhu.

Yeroo ammaa aadaan fuudhaafi heerumaa Orom duroo, Naqatni, Aseennaan, Sabbatmariin badaa dhufuu kan kaasan Aadde Haalimaan, yeroo ammaa garuu aadaan fuudhaafi heerumaa Orom duroo kun aadaa biraadhaan faalamee waan badeef har’a walfuudhanii bor wal hiikuun babal’achaa jiraachuu himu. Rakkoo wal hiikuu fuudhaafi heeruma keessatti mul’achaa jiru furuudhaaf ammoo aadaa fuudhaafi heerumaa Orom duroo ganamaatti deebi’uun barbaachisaa ta’uu kaasu.

Akka ibsa dursituu garee tanaatti, sirnoota darban keessa afaan, aadaa, duudhaa, aartiifi seenaa ofii guddifachuufi dagaagfachuun hindanda’amu ture. Namni Oromoo ta’e tokko ani Oromoodha jedhee Afaan guutee dubbachuun dura bitaafi mirga ilaallata. Qabsoo ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biyyattii biroo waliin taasisaa tureen seenaafi aadaasaa karaatti deebifachuu danda’eera; mirga afaansaatiin dubbachuu, barachuu, barreessuufi dubbisuus argateera. Oromoon yeroo ammaa seenaafi aadaasaa bilisa ta’ee qorachaafi beeksisaa jira; bakka dabee turetti sirreessaa jira. Kun jijjiirama guddaadha. Hojiilee gama kanaan hanga ammaatti raawwatamaniin bu’aawwan jajjabeessoon kan galmaa’an ta’us ammayyuu hojiilee hedduun ni hafu.

“Sirnoota darban keessa Oromoon Finfinnee keessatti afaaniifi aadaasaa utuu hinbeekiin kan guddatu danuudha. Kana jechuun Oromoo ta’ee dhalatee afaan, aadaa, duudhaa, aartiifi seenaa Oromoo barachuufi ittiin jiraachuuf carraa waan hinqabneef nama biraa ta’ee guddachaa ture. Yeroo ammaa dhalataan Oromoo Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin akka baratu ta’eera. Kun dhalataan Oromoo tokko Finfinnee keessattis aadaa, afaan, aartii, seenaafi eenyummaasaa beekee akka ittiin boonuufi itti jiraatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba” jedhu.

Dur Magaalaan Finfinnee hanguma babal’achaa deemtu afaaniifi aadaa Oromoo dhiibaafi balleessaa deemaa turuu yaadatanii, yeroo ammaa garuu Oromoon Finfinnee keessa jiraatu afaan isaatiin akka baratu, aadaa, aartii, seenaafi eenyummaasaa beekee akka ittiin jiraatu, guddifatuufi babal’ifatu ta’uu himu. Oromoon Finfinnee keessatti abbaa qe’ummaasaa mirkaneessaa jiraachuufi barnootni Afaan Oromootiin kennamuu eegaluunsaa Oromoofi Oromummaa daran akka tiksu dubbatu. Maatiinis ijoolleesaanii afaan, duudhaafi seenaa Oromoo beekanii akka guddatan akka taasisaniif abdii guddaa kan itti horu ta’uu himu.

Akka Aadde Halimaan jedhanitti, hojiileen gama hundumaan biyyattii keessatti raawwatamaa jiran cimanii akka itti fufaniif nageenyiifi tasgabbiin jiraachuun murteessaadha. Nageenyi akka jiraatuuf ammoo dhugaan jiraachuu qaba. Dhugaan jiraannaan namni walitti hinbu’u. Aadaafi duudhaan Oromoos dhugaarratti hundaa’a. Sirna araara Oromoo keessatti jaarsoliin dhugaa jiru baasanii walitti araarsu. Dhugaan ifatti ba’uu baannaan akka ibidda dibamee gaaf tokko dhohee ba’a. Nagaa buusuuf dhugaarratti waliigaluun barbaachisaadha. Maatii keessattillee namni waldhabe yoo dhugaan bahe garaa qulqulluu walitti araarama. Dhugaan kan Waaqaati, dhugaadhaan hojjennaan araarri salphaadha. Nageenya buusuuf duudhaa Oromoo ganamaa (dhugaatti) deebi’uu qabna. Dhugaatti deebi’uuf dhugaa barbaaduu qabna.

Maatiin, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliifi maanguddoonni biyyaa dhaloonni ammaa aadaa, duudhaa, safuu, aartii, seenaafi eenyummaa Oromoo beekee akka guddatuuf gahee isaanirra eegamu bahachuu, fedhii dhuunfaa isaanii keessaa bahanii akka aadaafi duudhaa Oromootti jiraachuufi ijoollee mara akka ilmaansaaniitti ilaaluu qabu. Ijoollonni ykn dhaloonni ammaas Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, jaarsolii biyyaa akka abbaafi haadhaatti ilaaluufi waan isaan jedhan dhaga’uufi hojiirra oolchuu akka qaban yaadachiisu Aadde Haliimaan.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

10 Comments to “ Aadaafi duudhaan Oromoo ganamaa dhugaarratti hundaa’a”

  1. Pingback: sahabatqq login
  2. Pingback: Webb Schools
  3. That is a really good tip especially to those fresh to the blogosphere.
    Simple but very precise info… Appreciate your sharing this one.
    A must read article!

  4. Pingback: fenix168
  5. Pingback: poker online
  6. Pingback: More Bonuses

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *