Finfinnee: Kanaan booda Itoophiyaa keessatti cilee nama dibuunis ta’e nama ajjeesuun aangoon qabatamu akka hinjirre Durataa’aan Paartii Kongiraasii Biyyaalessa Oromoo duraniifi Gorsaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannawaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Tolasaa Tasfaayee ibsan.
Obbo Tolasaan ibsa Roobii darbe addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, seenaa biyya kana keessatti walharkaa fuudhiinsi aangoo walballeessuurratti fuulleffataa ture. Dargiin Hayilasillaasee ajjeessuun, ADWUI’n ammoo Dargii dhabamsiisuun aangoo qabachuufi walharkaa fuudhiinsi angoo karaa nagaan kan raawwatame bara mootummaa ammaa qofa ta’uu himu.
Haa ta’u malee, Finxaaleyyiin yeroo ammaa aadaa boodatti hafaa ture saniin aangoo qabachuuf yaaliin taasisaa jiran tooftaa kanaan dura biyyattii keessatti hojiirra oolee bu’aa malee hafe ta’uu yaadachiisanii, ajjeechaa tibbana Durataa’aa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashixilaarratti raawwatames akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Akkasaan jedhanitti, jijjiirama hunda hammate kana sakaaluuf qaamotni walqixxummaan sabummaafi amantii isaan dhukkubsu da’oo eenyummaafi amantiitiin goolii garaagaraa uumaa jiru. Hoggansa cilee dibuu, abaaruufi yoo milkaa’efis ajjeessuurra kan boodatti jedhan miti. Ummattoota gidduutti summii jibbaafi shakkii facaasuun goolii uumamuun aangoo qabachuun galmasaanii jalqabaati.
Ammaantana finxaaleyyiin teessoo gamtaa Afrikaafi dippiloomatota idil addunyaa Finfinnee dabalatee biyyi kun nageenya akka hinqabaanneef humnoota badii leenjisanii bobboossuufi meeshaalee waraanaa seera alaa raabsaa jiraachuunsaanii taatee qabatamaa yeroo garaagaraatti saaxilame ta’uu ibsanii, gochi kunis ifaajjii yaadasaanii humnaan hawaasarratti fe’uuf taasisan ta’uus ni kaasu.
Itoophiyaa sabaafi sablammoota 80 ol hammattee kana keessatti obbolummaafi walqixxummaan fedhii hundaa ta’uu kan dubbatan gorsaan kun, wayita mootummaan mirga hundaa karaa guutuu ta’een kabajuuf deemu kanatti mormiin taasifamaa jiru walqixxummaa jibbuurraa akka maddu himaniiru.
Boqonnaan du’aafi ajjeechaan aangoo walharkaa fuudhuufi walitti dabarsuu asirratti goolabamuu qaba jedhanii, wabii jireenyaafi fedhii ummattoota biyyattii tajaajiluun dirqama mootummaa waan ta’eef tarkaanfiin olaantummaa seeraa eegalame cimee akka itti fufuufi ummatni mootummaa cina akka hiriiru gaafataniiru.
“Jijjiirama argame ummattoota qabatamaatti dhandhamataa jiran miti addunyaanu ragaa ba’aa jira. Gaaffiilee ummattoota biyyattii kan ta’an misooma, nageenyaafi diimokiraasii mirkaneessuuf kutannoon hojjetamaa jira. Mootummaa kanas kan filate ummattootuma kunneen. Akka qaamoleen badii jedhan kanatti, biyya mitii gandi mootummaa filate kana mormes hinjirus,” jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015
3 Comments to ““Jaarraa kanatti cilee namatti dibuufi nama ajjeesuun aangoon qabamu hinjiru” – Obbo Tolasaa Tasfaayee”