“Hawaasni finxaalessummaa akka balaaleffatuf walqixxummaafi olaantummaa seeraa kabajuun fala” – Doktar Roobaa Pheexiroos

Finfinnee: Hawaasa ilaalchaafi gocha finxaalessummaa saaxilu uumuuf walqixxummaafi olaantummaa seeraa kabachiisuun fala duraa ta’uu Hayyuun Seeraa, Misooma Nagaa Yunivarsitii Dirree Dhawaa ibsan.

Hayyuun yunivarsitichaa Doktar Roobaa Pheexiroos yaada dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, dimookraasii sabdaneessaa dagaagsuun bu’aa adeemsa yeroo dheeraa keessatti dhufu ta’u eeranii, hawaasin ilaalchaafi gochaa finxaalessummaa saaxilee akka balaaleffatuuf ilaalchota waloominaa, walqixummaafi olaantummaan mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

Finxaalessummaan ilaalcha “kan koo qofatu caalaa” ifa garagaraan mul’ate nagaa biyyaa akka booressu himanii, Ilaalchi kunis xiinsammuufi qorqalbii nama tokkoorraa ka’ee babal’achuun gara gareetti akka ce’u ibsu. Gareen ilaalcha kana horatees hawaasa biratti fudhatama argachuuf waan quuqame fakkaachuun hammeenyummaafi jibba akka labsuufi yoo milkaa’uufii baate hookkara kaasaa, kanaan yoo milkaa’uufii didemmoo gara haleellaatti ce’uun nagaafi tasagabbii akka booressu ibsu. Bara rifoormiin biyyaa geggeeffamerraa eegalee hamma ammaatti biyya keessaafi alaatti wanti deemaa jiru amala finxaalesummaan akka walfakkaatus ni kaasu.

“Finxaaleyyiin jalqaba sifaarsuun akka torbaan qabaa booda garagalee si miidha. Yaada miidhama hawaasaa giddugaleeffate calaqisiisu keessa dhokachuun olola geggeessu. Faallaasaa ammoo ilaalcha waloominaafi walqixxummaa kan diigu qabatanii socho’uun xumurarratti walitti deebi’anii walmiidhuun amala finxaaleyyiiti” jedhu.

Akka ibsa hayyuu kanaatti, finxaalesumman ilaalcha giddugaleessummaafi sabdaneessummaa dimookraatawaatti hinamanne, qaawwaa siyaas dinagdee hordofuun wiirtuu siyaasa biyyaarratti xiyyeeffachuun gochaafi ilaalcha haammeenyummaafi hookkaraa raawwatamaa jiruudha. Kanaafis, walqixxummaafi olaantummaa seeraa mirkaneessuun fala atattamaa yoo ta’u, dimookraasii sabdaneessaa dagaagsuun adeemsa keessa jijjiirama fida. Mootummaanis maddoota ilaalcha finxaaleyyii gogsuun hawaasni bal’aan yaada finxaalessitootaa akka hinhordofne taasisuu qaba.

Dabalataanis, mala walitti bu’iinsi ittiin furamu jaarsolii biyyaa, abbootiin amantii ilaalcha waloominaafi nagaa fiduun yaada mo’ataa uumuuf akka hojjetan taasifamuu akka qabu kan kaasan Doktar Roobaan, qaamoolee walitti bu’iinsa leellisan waloomina akka leellisan taasisuurratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu himu.

“Ummanni gochaa finxaalessaa baatu jiraachuu hinqabu. Yeroo mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessu mootummaa bira dhaabbachuudhaan dirqama irraa eegamu ba’uun irra jiraata. Haaluma walfakkaatun, midiyaa biyya keessaafi alaan finxaaleeyyiif sagalee ta’anirratti tarkaanfii barbaachisaan fudhatamuun ilaalcha dimookraasii sabdaneessummaa, waloominaafi walqixxummaa cimsuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba” jedhu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ “Hawaasni finxaalessummaa akka balaaleffatuf walqixxummaafi olaantummaa seeraa kabajuun fala” – Doktar Roobaa Pheexiroos”

  1. Pingback: bệnh HIV
  2. Pingback: https://vhnbio.com
  3. Pingback: view coupons

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *