“Dhangala’uun dhiigaa tokkummaafi obbolummaa dhugaan goolabamuu qaba” – Pirofeesar Tasammaa Ta’aa

Finfinnee: Waggoottan afran darban dhangalaatii dhiigaan seenaa gurraachi obboloota giddutti galmaa’ee araara dhugaafi tokkummaan goolabamu akka qabu hayyuun seenaa Pirofeesar Tasammaa Ta’aa hubachiisaniiru.

Hayyuun kun, yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waggoottan afran darbanitti godaannisa seenaa gaddisiisaatu Oromoo gidduutti galmaa’e. Jijjiiraman walqabatee tokkummaan Oromoo akka sibiilaa jabaatu osoo eegamuu, meeshaa waliin kan araaraan deebi’es kan hafes qabaa gaarii dhabee walwaraansaaf karra saaquusaan badii guddaan qaqqabeera.

Jijjiiramaan walqabatee, keessattuu gara jalqabaatti Oromoo sababa garaagaraan dhiibaman, Qeerroo alaafi keessaa falmachaa turan akkasumas sabaafi sablammoota hammachuuf fageenyi deemame seena biyyattii keessatti taatee jalqabaa ta’uu eeranii, jijjiiramni abdatame kun akka yaadameefi abdatameen itti fufuu dadhabuun, addattuu namoota qabsoorra turan biratti muffii uumuu yaadachiisaniiru.

“Jijjiiramni gara jalqabaa sun anaafuu isa jalqabaafi dheebuu koo barootaa waan tureef abdii guddaa natti horee ture. Jijjiirama kana tarkaanfachiisufis waanan danda’uu gumaachaan ture. Haa ta’u malee, araarri ABO waliin taasifame fiixaan ba’umsa dhabee inni gara biyyatti deebi’es lammatti qoodamee, inni alatti hafes barbaacha dhabuun raafamni siyaasaa hamaan ta’e abdii koo laaffiseera,” jedhu.

Mootummaan waldhabbii badiisa hamaaf sababa ta’e kana karaa nagaan goolabuuf gara bal’ina taasisaa jiru kan dinqisiifatan ta’uu eeranii, nagaa buusuu keessatti kaayyoon dhibbantaan shallagamu waan hinjirreef qaamni hidhatee bosona jirus karaa walakkaatti as adeemee mootummaa akka simatu, gaafataniiru.

Qarannoon taasisaniifi jireenya jiraatan keessatti ifaajjiifi hawwiinsaanii Oromoon tokkoomee arguu akka ta’eefi waa’een tokkummaa kun Artisti Zarihuun Wadaajoofaa dabalatee dheebuu namoota lubbuun jiraniifi darbanii akka ta’e yaadachiisanii, garuu marii amma eegalameen umurii gabaabduu qaban keessatti Oromoo garaagarummaa tokko malee gaaddisa Oromummaan jalatti hiriiru arguuf abdii guutuu horachuu dubbataniiru. Marii araaraa kanaan waan dabee tooratti deebisuu, warra hidhaman hiikuu, tokkummaafi jaalala Oromoo labsuun hundaa ol qooda mootummaa ta’uu qabas jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti, seenaa keessatti Oromoon saba jabaafi sodaatamaa waan ta’eef yoo waliisaa ta’e malee kan isa cabsu hinturre, hin jiraatus. Oromoon Tuulamaa waggoota 400 oliif diina of irra faccisee boodarra Oromoo akkasaan cabe. Oromoon weerara alagaa qolachuun biyya kana itichuu keessattis gahee leencaa qaba. Himamuufii baatus Kaabaafi Kibba, Bahaafi Dhiha biyyattii akka simintootti kan walitti qabe Oromoodha. Kanaafuu, Oromoon ala Itoophiyaan mana diigamedha.

Oromoon sirnaafi safuusaatiin waliisaafuu miti nama biroofuu daran of eeggata kan jedhan Hayyuun kun, yoo waraanatti ba’u illee “Gurra duudaa nama hinajjeesan,” jechuun gaaratti ol ba’ee diinni isa akka baqatu yookiin akka qophaa’u dursee akka akeekkachiisus eeraniiru.

Marii nageenyaa mootummaafi qaama hidhate bosona jiru jidduutti Taanzaaniyaatti tibbana taasifamaa tureen dhimmoota ijoorratti wal hubannoon akka uumameefi marii ittaanu keessatti waliigalteerra ni ga’ame jedhamee akka eegamus ibsamuun ni yaadatama.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 28 Bara 2015

Recommended For You

132 Comments to “ “Dhangala’uun dhiigaa tokkummaafi obbolummaa dhugaan goolabamuu qaba” – Pirofeesar Tasammaa Ta’aa

  1. Pingback: foger vapes
  2. top online pharmacy india [url=https://indianpharm1st.com/#]top 10 online pharmacy in india[/url] indianpharmacy com

  3. ed causes and treatment [url=https://drugs1st.store/#]dog antibiotics without vet prescription[/url] medicine for ed

  4. reputable indian pharmacies [url=http://indianpharm1st.com/#]indianpharmacy com[/url] buy prescription drugs from india

  5. Пин Ап Казахстан [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино[/url] пины

  6. sweet bonanza [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza nas?l oynan?r[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  7. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexican mail order pharmacies

  8. Pingback: morfin piller
  9. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican drugstore online[/url] mexican drugstore online

  10. ed tablets [url=https://canadiandrugsgate.com/#]Canada pharmacy online[/url] prescription drugs without doctor approval

  11. buy prescription drugs from india [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Best online Indian pharmacy[/url] Online medicine home delivery

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *