Qabsaa’otaafi artiistoota gurguddoo gadameessa Oromoo keessaa bahanii ummata Oromoof oolmaa guddaa oolaniin maqaa gaariifi seenaa boonsaa dhalootarraa dhalootatti darbu horatan keessaa tokko kan ta’e qabsaa’aafi artiistii jaalatamaafi kabajamaan Zarihun Wadaajoo Abbaa isaa Obbo Wadaajoo Goobanaafi Haadha isaa Aadde Zawdituu Makkoo Soolan irraa Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamtee keessatti A.L.I bara 1952 dhalate. Ijoollummaasaatiin roorroo ummata Oromoorratti raawwatamaa ture keessa jiraatee Hadhaa isaa dhandhamee argaa guddate.
Gama barnoota idileetiin barnootaa sadarkaa 1ffaa Magaalaa Naqamtee mana Barnootaa Li’ilti Tsahaay jedhamaa tureefi yeroo ammaa mana barumsaa Biqiltuu Leeqaa jedhamuun beekamuufi Magaalaa Gimbii Mana barnootaa Dajjaazmaach G/ Igzi’aabiheer keessatii, barnoota sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinnee Mana Barnootaa Addis Katamaa keessatti barate.
Qabsaa’aafi Artiistii hangafni Zarihun Wadaajoo uumaa isaatiin kennaa artii guddaa nama qabu waan tureef ijoollummaasaatiin walaleessuufi Wellisuudhaan ijoollee wajjiin baratan boharsaa kan ture yemmuu ta’u kennaa aartii kana dhawaataan gabbifachaa guddate.
Gaafa wasiila isaa bira barachuuf Mandii dhaqe haala fokkisaa arge waasilasaarratti argee bu’uura gochuudhaan “የጉቦ ጣጣ ከመንዲ ይውጣ:” dhaadannoo jedhuun dargaggoota hiriira baasee ejjannoo cimaa farra hojmaata badaa irratti qabu ijoollumaasaatiin agarsiiseera. Qabsoo farra gabrummaa, cubnqursaafi saamichaa maatiisaa keessatti jalqabe.
Akkaatuma Kanaan, A.L.I bara 1968 Magaalaa Naqamteetti hawwisoon Guddattuu Wallaggaa jedhamu artiistota konyaa ja’a keessaa walitti boba’aniin hundeeffamuun artiistii fedhiifi dheebuu artii guddaa qabu kanaaf carraa guddaa uume. Haalli kunis daandii imala jireenya isaa murteesse baneef.
Artiisti Zarihun Wadaajoo hawwisoo kana keessatti makamee hojii artii bifa idileetiin jalqabuudhaan yeroo gabaabaatti beekamaafi jaalatamaa ta’e. Artiistoota akka Ilfinash Qannoo, Abbitaw Kabbadaa, Salamoon Danaqafaa wajjiin ta’e walleelee jaalatamoo baasuufi weellisuudhaan dinqisiifannaa argatee ummaataaniis “guddadhu” jedhamee eebbifame.
Zarihun, Hawwisoo ykn Baandii kana keessatti wallee ykn sirba isaa kan jalqabaa “Koottaa harama haramnaa” jedhu Ummataaf dhiheesse.
Koottaa harama haramnaa midhaan keenya keessaa
Tuufoo bubuqqifnaa cophasaa balleessaa
Lafa harama baayyee mee midhaan ilaalaa
Hidda qaqallattii akka hidda kalaalaa, jedhe
Walleen kun wallee ergaa cimaa qabuufi artiistichiis ergama guddaa sagalee ummata Oromoo ta’ee umurii guutuu saba keenya tajaajilu qabatee mirgaafi bilisummaatiif, dagaagina aartii, afaaniifi aadaa Oromootiif qabsaa’auuf kutatee ka’e ta’unsaa kan agarsiise ture.
Artiisti Zarihun bara dukkanaa, bara Oromummaan hiikkaa dhabe sana keessatti bakkalcha dukkana ibsu ta’ee akkuma hojii artii jalqabeen sagantaa Bulchaan Godina Wallaggaa Miseensi Dargii irratti argamee tokkorratti sodaa tokko malee “Koottaa harama haramnaa” jedhee sirbuudhaan sagalee ummataa dhageesise.
Itti dabaleetiis:-
Injiraan mataa koo Maalumaaf na nyaattaa
Si obseen dadhabee folloqseen sii gataa
Wallee jedhuu sirbuudhaan gootummaa olaanaan warra cunqursaafi saamichaan dhiiga ummaata keenyaa xuuxaa turan ofirraa fonqolchuuf Oromoon qabsaa’uu akka qabu walaloo cimaan ergaa guddaa dabarse.
Gootichi Oromoo qabsaa’aafi artiistii gameessi Zarihun Wadaajoo sababii walaloowwan kunneeniin akka yakkamaatti ilaalamee akka hidhamu taasifame.
Erga mana hidhaa keessa turee ba’e booda hojii isaa itti fufuudhaan artiistota Wallagga bakka bu’uudhaan agarsiisa aartii Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti ji’a Amajjii bara 1969 mana Tiyaatira Biyyaaleessaa (ብሔራዊ ቲያትር) keessatti qophaa’erratti hirmaate.
Agarsiisni aartii Oromoo godinoota Oromiyaa jaha gaafas kutaa biyyaa jedhamanii waamamaa turan keessaa walitti baba’an irratti hirmaatan kun yeroo sana gaazexaa Bariisaa Afaan Oromootiin sabboonota Oromootiin dhuunfaan maxxanfamaa tureef galii walitti qabuu yaada jedhuun qabsaa’ota Oromoo hangafootaan kan qophaa’eefi seenaa Oromoo keessatti yeroo jalqabaatiif artiistonni Oromoo iddoo adda addaa irraa walitti dhufanii Aadaa isaanii itti agarsiifatan, sirboota aadaafi ammayyaa ergaa cimaa qabaniin sirna gabrummaa kan itti balaaleeffatan, fedhii walqixxummaa, haqaafi bilisummaa ummata Oromoo ifatti mul’isan itti dhiheessan waan tureef guyyaan lamaan agarsiisni itti gaggeeffame sun guyyoota lamaan bilisummaa jedhamee yaadatama.
Artiisti Zarihun Wadaajoo artiistota sagantaa seenaqabeessa kanaarratti hirmaachuuf carraa argatan keessaa tokko ta’uudhaan wallee isaa Jaalatamaa “Koottaa harama haramnaa” jedhu wallisuufi geerrarsa ajaa’ibaa onnee nama kakaasu dhiheessuudhaan sagalee kilooleefi sochii qaamaa hawwataan ummata keenya yeroo sana galma Tiyaatira Biyyaatti argaman gammachuu olaanaan sochoose, Dandeettii isaatiis sadarkaa olaanaan agarsiisuudhaan dinqisiifannaafi beekamtii olaanaa gonfate.
Artiistonni Oromoo agarsiisa ji’a Amajjii bara 1969 Finfinneerratti gaggeeffame kana irratti hirmaatan gara godinaatti yeroo carraan isaanii qabamanii mana hidhaatti darbatamuu ta’e. Artiisti Zarihun Wadaajootiis artiistota sagantaa kanarratti hirmaatanii yeroo Naqamtee gahan poolisiidhaan qabamanii hidhaman ja’a keessaa tokko ta’uudhaan mana hidhaa seenee dararaafi rakkoo adda addaatiif saxilame. Warra wajjiin hidhaman Artiistii Abbitaw Kabbadaafi Artiisti Ilfinash Qannoofaa wajjin mana hidhaa turanii eega bahan booda Naqamtee keessa jiraachuun waan isaan sodaachiseef gara Finfinnee godaananii dhaabbilee muuziiqaafi tiyaatiraa adda addaa keessatti hojii kan jalqabaman ennaa tahu Zarihun Wadaajootiis Raas tiyaatir keessatti hojii aartii itti fufe.
Bifa kanaan artiistummaan hojjachaafi sagalee ummataa ta’ee tajaajilaa eega ture booda gaafa Sirni Dargii kufee jijjiiramni mootummaa taasifamee as Artiisti Adam Haarun waliin ta’uudhaan Baandii Booranaafi Bareentumaa hundeessee hojjateera. Baandii bilisummaa, gadaafi baandilee biro wajjinis hojjetee jira. Sababii quuqama ummataaf qabu muuziiqaan ibsuusaatiin, akkasumas karaa adda addatiin roorroo falmachuunsaatiin dararaa guddaa keessa darbee jira. Mootummaa dabreen Magaalaa Amboofi Dhidheessaatti yeroo dheeraaf hidhamee miidhaa guddaan irra gahaa tureera. Erga hidhaa bahe badaas Finfinnee keessa jireenya tasgabhii hinqabne hadhaa’aafi xaxamaa keessa jiraachuuf dirqamee rakkoo hamaa keessa darbee jira.
Haa ta’u malee, rakkoo kamiifuu osoo hinjilbbiifatiin ergama dhalootaan isaaf kenname wallisuu, sagalee ummataa dhageessisuu, qabsaa’uufi qabseessuu cimsee itti fufuudhaan seenaa boonsaa raawwatee jira.
Artiisti Zarihun Wadaajoo Artiistota Oromoo hangafoota sabboonummaa Oromoo dagaagsuuf, Oromoo tokkoomsuuf, dammaqsuufi onnachiisanii qabsoof kakaasuuf, afaan, aadaafi seenaa Oromoo dagaagsuufi mul’isuuf akka waliigalaattis Oromiyaan har’aa tun akka dhugoomtu gochuuf artiidhaan fayyadamanii qabsaa’aniifi qabseessan keessaa isa tokko ture.
Goota gootaa olii, artiistii kaayyoo ummata Oromoo mataa ol qabuutiif kutatee qabsaa’e ture. Artiistii muuziiqaa meeshaa qabsoo godhatee umriisaa guutuu Oromoof hojjateedha. Nama haalaafi yeroo ilaalee, faayidaaf bulee kaayyoosaa dagatu osoo hintaane qabsaa’aa rakkoon kamuu of booda hindeebifne goota onnee sibiilaa ture. Artiisti Zarihun ejjannoo isaa cimaa kanaan ummataaf of kennanii qabsaa’uu jechuun maal akka ta’e nama jireenya isaa keessatti qabatamaan agarsiise barsiisaa dhalootaa, aduu dukkana ibse, nama ummataaf dhalatee ummataaf jiraateedha. Goota gootummaansaa sadarkaa barbaadamuun hinhimamneefidha.
Nama jaalala ummataatiin cichee qabsoof of kenne, nama jireenya gaarii jiraachuu danda’u dhiisee, gammachuufi qananii jireenyaa mataasaafi maatiisaa mirgaafi haqa ummataatiif jecha moggaatti dhiisee umuriisaa guutuu mirga Oromoofi, sabaaf sablammoota cunqurfamoo Itoophiyaa hundaaf of kennee qabsaa’e abbaa seenaa boonsaati. Ummannis baay’ee kan ittiin boonuudha.
Zarihun Wadaajoo qabsaa’aafi Artiistii ummataafi, biyyaasaa baayyee jaalachuudhaan beekamu ture. Yeroo baay’ee akka biyyaa ba’ee biyyaa ambaatti godaanee jiraatu waamichaafi haalli mijaa’an isaaf uumamaa kan tureefi daawwannaaf Ameerikaa kan dhaqe ta’us biyyaa bahee jiraachuu hinbaarbanne, asumaa biyyaa keessa taa’ee ummataa wajjin jiraatee Oromummaa dagaagsuuf qabsaa’uu filate. Bara hadhaa’a Oromoo mana hidhaatti guuruun baay’ate keessatti Raayyaa Abbaa Maccaafi Tsagaayee Dandanaafaa wajjiin biyyaa baanee mana hidhaa hinbal’ifnu asuma teenyee mana hidhaa dhiphifna jedhanii walii galan.
Haala kana walaloo isaatiin akkana jedhee ibsee jira
Hin rakkate naan jedhuu
Hin badeefaa naan jedhuu
Hin joorefaa naan jedhuu
Yoon joorees maal abbaasaa
As darbee achi darbu akka namaa hinwallallee
kaayyoo koo qulqulluutu miila koo na sakaalee
jechuudhaan ummataa wajjin jiraatee aadaafi aartii Oromoo guddisuufi haqaaf qabsaa’uu malee jireenyaa qananii dhuunfaasaa akka hinbarbaanne ibsee jira.
Kanuma wajjinniis ergamni dhalootaa inni qabsaa’uuf dhaloota eenyummaasaatiif quuqamu, qabsaa’uufi biyyaasaa ijaaree guddisu horachuu akka ta’e wallee isaa “Ani hinduune dhalootaan guddisa” jettuun ifatti agarsiisee jira.
Tokkummaan meeshaa guddaa milkaa’inaa ta’uusaa hubachuudhaaniis ummanni Oromoo gandummaan, amantiifi fageenyaa teessuma lafaatiin akka wal hinqoodnee, garaagarummaa siyaasaatiin walsassakaalee diinaaf karaa akka hinbanne, tokkummasaa waa hunda dursee akka sibilaatti walitti ititee akka cimu irra deddeebi’ee barsiisaa tureera. Wallee isaatiinsii, “Ani ilma kutaa mitii kutaan na hinwaaminaa” jechuudhaan faayidaa tokkummaa cimsee dhaamaa ture. Yoo tokkoomne cimna, yoo tokkoomne kabajamna, yoo tokkoomne kayyoo waloo milkeessina ergaa jedhu dhalootaaf dhaamee jira. Akkasumas, Ilfinash Qannoo wajjin “Nu waliin dhaadannaree walmalee maal qabnaree jechuudhaan ammas tokkummaa irratti xiyyeeffatee tokkummaan utubaa dagaagina Oromummaa akka ta’e cimsee dhaameera.
Artiisti Zarihun Wadaajoo akka artiistiitti, artiistii ogummaa cimaan badhaafameefi kennaa uumamaan argate daran cimsuuf kutatee hojjachuudhaan hangafummaa ol’aanaa gonfachuu dandaa’eedha.
Umurii isaa keessatti bu’aa bahii jireenyaa hadhaa’aafi xaxamaa hundaa dandamatee, kutannoon rakkoo hunda injifatee sirboota 120 ta’an ummataaf dhiheessee jira.
Kan malees, Zarihuun Wadaajoo artiistoota hiriyootasaatiif walalooofi yadaloo sirbaa kennuudhaanis artiistii arjummaan beekamu ture. Fakkeenyaaf Abbitaw Kabbadaa, Hirphaa Gaanfuree, Artiisti Shaambal Balaayinaafi artiistoota birootiifiis walleelee hawwatoo baay’ee jaalatamoo ta’an gumaacheera.
Artiisiifi qabsa’aa Zarihun Wadaajoo akka ogummaatti yemmuu ilaalamu walaloowwan isaa jechamootaafi fakkeenyota ciccimoo adda addaatiin kan miidhagan, ergaa dafee laphee nama seenuufi nama hawwatu kan dabarsan, yemmuu tahan sirboonni isaa dhageeffatamanii kan hinquufamne, baay’ee hawwatoofi daangaa yeroo diiganii bara baraan dhalootarraa dhalootatti darbuu kan danda’aniidha.
Walleeleen isaa kan qabsoo qofaa miti jaalala leellisu, tokkummaa dhaadheessu, jiruufi jireenya sabaafi biyyaa akka daawwitiitti agarsiisuu.
Kana malees sirba Aadaa Oromoo Maccaa biratti baayyee beekamuufi har’a ummata Oromoo hunda biratti hedduu jaalatamu “Hiyyaaseen hiyyoodha, kan Mudhii Shittoodha” jedhu baay’ee miidhagsee wallisuufi artistoonni hedduun walharkaa fuudhanii akka sirbaniif wallee waliigala Oromoo akka ta’u aartistii taasise ture.
Akka waliigalaatti qabsa’aafi artiisti Zarihun Wadaajoo ummata Oromoo mara aantummaa olaanaafi kutannoo cimaan waggoota 45 guutuu tajaajileera. Aartii Oromoo dagaagsuufi sabboonummaa Oromoo ol guddisuudhaan, guddina aartii Itoophiyaa keessatti shoora gaarii gumaachuudhaan, Oromoofi Oromiyaan sadarkaa har’aa kanarra akka gahan gochuufi dhaloota finiinaa biyyasaa guddisuuf xiiqiidhaan hojjachaa jiru horachuu keessatti qooda boonsaa gummaacheen, fakkeenyummaa hunda galeessaafi ashaaraa cululuqaa dhiisee darbeen bara baraan yaadatamaa, kabajamaafi dhaadheeffamaa jiraata.
Artiistiin kabajamaafi jaalatamaan kun haadha warraa isaa qabsooftuu Addee Olaantuu Gammachuufi ijoollee isaa dubra lamaafi dhiira tokko dhiisee dhukkuba yeroo dheeraa isa mudateen biyya keessaafi biyya alaatti yaalamaa eega tureebooda Ebla 15 Dilbata darbe biyya Hindiitti umurii isaa waggaa 66 tti boqateera.
Inni maatii isaa caalchiisee ummata Oromoo filachuudhaan nama aartii keenya guddisaa qabsaa’ee qabseessaa ture waan ta’eef amaanaa guddaa hundi keenyaa dagachuu hinqabne nurratti dhiisee darbeera. Amaanaa kana osoo hindaganne cimsinee itti deemuufi maatiisaa bira dhaabachuu qabna.
Haadha warraasaa, ijoolleesaa, firootaafi hiriyootasaa, akkasumas jaallattootafi dinqisiitota isaa akka waliigalaattiis ummataa Oromoo hundaaf jajabina, hawwina. Artiisti Zarhuun Wadaajoo oolmaa guddaa nuu oolteef galatoomi, nagaan boqodhu.
(Kan barreesse Artiisti Mohaammad Qophee)
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
9 Comments to “ Zarihun Wadaajoo: Qabsaa’aafi Artiistii Gameessa Oromoo”