Finfinnee: Roobni arfaasaa hanga xumura Caamsaatti cimee waan itti fufuuf omishaalee jallisii bonaa ga’an qixa sirriin sassaabamuu akka qaban Institiyutiin Metiworolojii Itoophiyaa beeksise. Sassaabbiin`omishaalee jallisii bonaa bakkeewwan tokko tokkotti sababa roobaan boodatti harkifachaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiiyaas ibseera.
Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaatti Raawwachiisaa Olaanaan Hojii raaga haala qilleensaafi dursanii akeekkachiisuu Doktar Asaamminoo Tashoomaa Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, rooba arfaasaa hanga xumura baatii Caamsaatti cimee akka itti fufuu odeeffaannoon raaga haala qilleensaa ni mul’isa. Omishaalee jallisii bonaa ga’an rooba kanaan akka hinmancaaneef of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’us ni akeekkachiisu.
Naannoo Somaalee, Godina Gujii, Booranaa, Naannoo Sidaamaafi Mootummaa Naannoo Saba, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa Guraandhala 30 irraa eegalee rooba xiqqaa hanga giddugaleessaa akkasumas, bakkeewwan tokko tokkorratti roobaa olaanaa argachaa jiraachuus yaadachiisaniiru.
Odeeffannoo buufata metiworolojii 70 irraa sassaabameen baatiiwwan Guraandhalaafi Bitootessaa keessa roobni guddaan roobuu himanii, rooba hanga xumura Caamsaatti itti fufu kanaan ya’a laggeenii gabbachuun dhiyeessii bishaaniifi nyaata beelladaa kan fooyyeessuu ta’us sassaabbii omishaalee bonaa, keessattuu Omisha qamadiirratti dhiibbaa waan uumuuf gamanumaan itti qophaa’uun barbaachisaa ta’uu dhaamsa dabarsaniiru.
Uwwisi rooba arfaasaa baatii Guraandhalaafi Bitootessaa ture gaarii ta’us rooba arfaasaa bara darbeen yommuu walbira qabamu kan barana rooba guddaa walittifufiinsa qabu ta’uu eeranii, rooba hanga ammaatti roobeenis kutaalee biyyaattii rooba arfaasaa argachuu malan hundumaa keessatti roobaa xiqqaarraa haga guddaatti argachuusaanii ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Qindeessaan Misooma Inisheetiivii qamadii bonaa Obbo Xahaa Muummee gamasaaniin, bakkeewwan rooba arfaasaa argatan tokko tokkotti rooba guddaa roobaa jiruun sassaabbiin omisha qamadii duubatti harkifataa jiraachuu himanii, ta’us duulaafi kombaayinara jiru fayyadamuun atattamaan akka sassaabamuuf kallattiin taa’ee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Haga ammaattis lafa hektaara kuma 585fi 899 qamadii sassaabuun callaa kuntaala miliyoona 17 fi kuma 893 argachuun danda’amuu eeranii, bara kanatti waliigalaan omisha qamadii bonaa lafa hektaara miliyoona tokkorraa callaa kuntaala miliyoona 38fi kuma 500 argachuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
8 Comments to “ Roobni arfaasaa cimee waan ittifufuuf omishni ga’e sassaabamu qaba jedhame”