“Mariin araaraa mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru egeree Oromoof dhimma murteessaadha” – Paartiilee siyaasaa morkattootaa Oromoo

Finfinnee: Mariin mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru jidduutti taasifamu egeree Oromoofi Oromiyaaf tarkaanfii murtessaafi abdii guutuun eegamu ta’uu Paartiilee siyaasaa morkattootaa Oromoo yaadasaanii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf addatti kennan ibsan.

Dilbata darbe qaamolee waraanni Kaaba biyyattii karaa marii nagaan akka furamuuf gumaachaniif sagantaa galateeffannaa qophaa’erratti Ministirri Muummee Abiyyii Ahimad (PhD) qaama hidhatee bosona jiru waliin marii biyya Taanzaaniyaatti akka eegalamu dubbachuusaanii hordofee qaamni bosona jirus mariif qophii ta’uusaan haaldureen marii eegalamuun ni yaadatama.

Biyya kanatti, keessumattuu obboloota gidduutti albee kaasuun taate jaarraa 21ffaa madaalu akka hintaaneefi walwaraansi kunis biyya geengoo jeequmsaa keessa tursiisuurraa kan hafe injifataafi ijifatamaan akka hin jirreefi yoo jiraates nageenya waaraa akka hinfidne kan dubbatan miseensa Koree Raawwachiiftuu Hojii Paartii Kongiraasii Federaalist Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuuti.

Waggoottan arfan darban akka biyyatti, addattuu Oromiyaa keessatti nama ajjeessanii morma muranii dhiichisuun, maanguddootaafi beerran gara laafina tokko malee ajjeesuun gocha dubbachuufuu nama qaanessu raawwatamuu yaadachiisanii, garuu kun hundumtuu mudatee tibbana wayita Minstirri Muummee waa’ee marii kaasan gammachuu guddaan isaanitti dhaga’amuu ibsaniiru.

Akkasaan jedhanitti, dantaa nama dhuunfaa /dhaaba siyaasaa tokkoof Oromoo guutuun gatii kaffaluun kanaan booda dhaabbachuu qaba. Wal ajjeessuuf daboo waammachuun sirna gadaatiin aadmalee. Aangoon kan ummataa waan ta’eef akkaataan yaada wayyu ummatatti dhiyaatu mijeessuun dirqama dachaa paartii biyya bulchaa jiruuti. Maqaa qaamni bosona jiru ittiin hinbeekamne Shanee jedhee moggaasuunis mariifuu danqaa waan ta’eef irraa of qusachuun barbaachisaadha.

Karaasaatu garaagara ta’a malee kaayyoon paartilee siyaasaa Oromoo hundaa dantaa Oromoo karaa guutuun kabachiisuudha kan jedhan Obbo Mulaatuun, abbummaa Finfinnee dabalatee gaaffiilee bu’uuraa Oromoo karaa guutuun deebisuuf fiixaan ba’umsi marii kanaa daran murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Gorsaan tarsimoo ABO Obbo Ibsaa Naga’oo gamasaaniin, “Nuti durumayyuu nagaan ala dimokiraasiin akka hinjirreefi afaan qawween aangoon argamu balaa qabaachuu amannee gara qabsoo nagaatti dhufne” jedhanii, tarkaanfiin marii nagaa mootummaan Itoophiyaa fudhate tarkaanfii Oromoo boqochiisuufi dimokraasii biyyatti itichuuf shoora guddaa qabu ta’uus himaniiru.

Akka ibsasaaniiti, lola kaabaarra bu’aan argame raafama dinagdeefi badii lubbuu qofa. Oromiyaattis hojjetanii jiraachuun dhabamuun beelli hammaateera, manneen barnoota hedduun cufamaniiru akkasumas, dubartii ulfarratti osoo hinhafin badiin lubbuu hamaan raawwatameera. Kanaan boodas yoo itti fufe badii caalu dhaqqabsiisuurra kan darbe qaamni waraanaan injifatu hinjiru. Kanaafuu, mariin kun akka fiixaan ba’uuf tumsa hundaa fedha.

Paartiinsaanis dirqamasaa ba’uuf qophii ta’uu ibsanii, qaamota marii kana gufachiisuuf asiifi achi fiigaa jiran Oromoo marti dura dhaabbachuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ “Mariin araaraa mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru egeree Oromoof dhimma murteessaadha” – Paartiilee siyaasaa morkattootaa Oromoo

  1. Pingback: dul togel
  2. Pingback: treesap thc
  3. Pingback: tải go88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *