Finfinnee: Addunyaa haalaafi amalaan jijjiiramni saffisaa mul’atu kana keessatti kaayyoo ganamaatti cichuun uumama addaa ta’uu nama gaafata. Fedhiifi ejjennoon namaa yeroo waliin jijjiiramuun taatee uumamaa ta’us fedhii ofii daangessanii maqaa gaarii horachuun taatee namoota muraasaa qofa. Keessattuu, namoota siyaasaa addunyaa kanaa baay’eesaanii wayita ilaallu ejjennoonsaanii ganama akka tokkotti waaree booda bakka birootti argina. Umurii gabaabaa jiraatan keessatti hojii dhalootatti darbu hojjechuun akka danda’amu bu’aa ce’iin qabsoo Artisti Zarihun Wadaajoo fakkeenyummaa gaariidha.
Qabsa’aan kun “Injiraan mataa koo maalumaaf na nyaattaa, siif obsee dadhabee folloqseen si gata,” jechuun umurii dargaggummaasaa kaasee sirna cunqursaan injiranitti fakkeessuun saba qabsoof dadammaqsaa ture. “Tukaaniin na nyaattee dhiigakoos na xuuxxee. Isheen kaan ni cittee isheen kaan ni duutee. Jabaadhaa yaa jamaa qaata nuu barite,” jechuun Artisti Zarihun bara 1966 kufaatii sirna abbaa lafaa aartiisaa rasaasa caaluun kan ibse artistii faajjii qabsoo Oromoo akka ta’e kan dubbatan Ministira Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaati.
“Ani dhugaasaan himaa maalgodhuufan irra dibaa qonna fakkaataaree beela’uun ta dhibbaa,” jechuun sirna abbaa lafaa irra jireesa ummataa beelaafi cunqusaaf saaxile artistii hadheeffatee balaaleffate ta’uus yaadachiisanii, umurii gabaabaa keessatti hojii gaariin siidaa barabaraa dhaabbachuun akka danda’amu dhalootni isarraa kanarraa barachuu akka qabus gorsaniiru.
“Qabsoon bu’aa ce’ii qabdi; kanumaafi kan Artisti Zarihun ‘Ani hinduune dhalootan guddisa,’ kan jedheef. Oromoo haalli kamuu danqee boodatti akka hindeebisne inni ragaadha. Ilmaan qabsaa’ota guddisaa jijjiirama qabsoo Zarihuunfaan har’a argame gootummaa tikfachuun dirqama dhaloota ammaati,” kan jedhan ammoo Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraamaani.
Artisti Zarihun Wadaajoo garuu dargaggummaasaa hanga gaafa du’asaatti nama onnee sibilaa haalaan hinjijjiiramne ta’uusaa heddu keenyaaf gaaffii guddaadha. Bara dargaggummaasaa erga qabsoof manaa ba’ee booddee jedhee kan hinbeeknedha. Pirezidaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa Obbo Dirribii Damisee kanuma ragaa ba’u.
Bara 1969 baandii Biqiltuun Wallaggaafi Afran Qalloo walta’uun galma Tiyaatiraa Biyyaalessaatti wayita hojiisaanii dhiyeessanitti Artisti Zarihun sirbasaa “Kottaa aramaa aramna midhaan keenya keessaa,” soda tokko malee nama haala ajaa’ibaan dhiyeessedha. Oromoo yaadaafi xiinsammuun faffaca’ee hidhaa garbummaa ofirratti cimsaa jirus sirba tokkummaa cimsu sirbuun nama tokkummaa har’aaf bu’uura buusedha, jedhu Obbo Dirribiin.
“Qabsoo Oromoos ta’e qabsoo saba kamuu keessatti namootni dantaa dhuunfaan sossobamanii (amooleen) akkasumas ulee sirna cunqusaan kaayyoo ganamaa dagatan heddu argineerra. Bara Dargiis ta’e bara Wayyaanee uleenis amooleenis nama dadhabe goota fakkaattii hinqabne,” jedhu Obbo Dirribiin. Saba Waggaa 150 burjaajii hamaa keessa seenee of dagate of barsiisuuf ifaajuun qormaata guddaa turus Artisti Zarihuniifi fakkaattiwwansaa obsaafi kutannoon itti milkaa’aniirus jechuun dinqisiifataniiru.
Bara 1991 wayita ABOn chaartara keessaa ba’e Artisti Zarihuun hiriyootasaa kanneen akka Yoseef Gammachuufi Obboleettiisaa Baqqaluu Gammachuufaa waliin ta’uun qabsoo hidhannoof gammoojjii Mogor seenuu kan ibsan Obbo Dirribiin, achitti waraanni mootummaa isaanitti marsuun Baqqaluu Gammachuu galaanatti of darbuun wayita achitti lubbuun darbu Artisti Zarihuniifi Yesoof Gammachuu harka diinaa bu’uun dararri hamaan akka irra ga’eefi Yoseef Gammachuu darara sana dandamachuu dadhabee akka lubbuun darbes himaniiru. Artisti Zarihun mataa gogaa irraa aadanii du’aafi jireenya gidduu nama jiru akka kosiitti karchallee/mana hidhaa Ambootti darbatan.
Artisti Zarihun carraa biroo waan hinqabneef osoo hintaane roorroofi jaalala Oromootu qabsootti hanbise. Akkuma artistoota Oromoo kamuu biyyoota alaa hedduu deemee daawwatus hanga jireenya gidiraa biyya abbaasaa kan isa gammachiisu hinarganne. Wayita biyyatti “AS fiige achi fiiguus akka namaa hinwallaallee, kaayyoo koo ganamaatu miilla koo na sakkaale,”jedhee kan geerareefis kanumaaf” kan jettuu ammoo haadha warraa Artistii kanaa Aadde Olaantuu Gammachuuti.
Egaa maal godhu, Ebli 15 barri 2015 qabate gara biyyaatti qaarite. Dirreen miidiyaa hawaasaa hundi gaddaafi oduu gaddaan akka malee dhiphate. Hanga reeffii gara biyyaatti dhufutti firaafi aantiin, jaallattoonni aartii ummatni Oromoo goota ofii akka jiraatti simachuuf oliifi gadi jechaa turan. Simatees erga manasaa Buraayyuutti boqochiisee booda Ebla 18 bara 2015 nagaa dhumaa itti dhaamee, boo’ee mankaraaree gaggeessaa goota taasiseeraaf.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 21 Bara 2015
viagra vs cialis bodybuilding: canadian drugs gate – pharmacy medications
purple pharmacy mexico price list: mexican pharmacy – mexican mail order pharmacies
can i order clomid for sale: clomid purchase online rex pharm – buying generic clomid tablets
dapoxetine price [url=https://priligymaxpharm.com/#]Priligy tablets[/url] buy priligy
prednisone 5 tablets: prednisoneraypharm – prednisone 50 mg canada
prednisone drug costs: buy prednisone – prednisone prescription drug
how to buy amoxicillin online http://prednisoneraypharm.com/# prednisone
purchase amoxicillin online [url=https://amoxilcompharm.com/#]amoxicillin 500 mg cost[/url] amoxicillin 500
amoxicillin 500 mg price http://clomidrexpharm.com/# where buy generic clomid online
amoxicillin 250 mg capsule: Amoxicillin Com Pharm – purchase amoxicillin online without prescription
prednisone 50 mg tablet canada [url=https://prednisoneraypharm.com/#]prednisone ray pharm[/url] prednisone medicine
prednisone 5 mg cheapest: prednisone 500 mg tablet – 5 prednisone in mexico