Shaampiyoonaan Atileetiksii Oromiyaa Ebla 15 eegalama

 Finfinnee: Madda atileetotaa kan taate Oromiyaan sadarkaa naannoorra dabartee biyya maqaa waamsisuun, biyyarras dabartee gurraacha Afrikaaf faajjii injifannoo taatee waamamaa jirti.

Irreessaa Abbabaa Biqilaa miila qullaan Roomirratti fiiguun injifannoo boonsaa galmeessiseen hanga har’aa gurraachota Afrikaaf fakkeenyummaan ka’aa jira.

Irreessaa Abbabaan atileetota handhuura Oromiyaarraa dhalachuun ga’umsa nidandeenya jedhu hojiitti hiikee agarsiise waan ta’eef dhaloota duuba jiru kanaaf fakkeenya gaariidha. Har’as atileetonni hedduu Oromiyaarraa madduun abdii biyyaa ta’aa jiru.

Dorgommiin Atileetiksii Oromiyaa 14ffaa Ebla 15-20 bara 2015 irraa eegalee Magaalaa Asallaatti adeemsifamuuf jedhu atileetota ga’umsa qabaniifi qabxii olaanaa galmeessisuun naannichaafi biyyattii bakka bu’uun dorgommiiwwan sadrkaa biyyaa, ardiifi Addunyaarratti hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uu Federeeshiniin Atileetiksii Oromiyaa beeksise.

Koorniyaa lamaaniinuu atileetonni dorgommicharratti hirmaatan filatamanii qophii barbaachisu taasisaa kan jiran yoo ta’u, atileetonni kunneen fiigicha gabaabaa meetira 100 hanga 3000 irratti kan hirmaatan ta’u.

Dorgommichi Istaadiyeemii Assalla atti kan geggeeffamu yoo ta’u, Bulchiinsi Magaalaa Assallaas dorgommichaaf qophii barbaachisu taasisaa jira. Kilaboota atileetiksii dorgommicharratti hirmaatan gidduutti morkii cimaan kan adeemsfamu ta’uufi qabxii olaanaan kan galmeessifamu ta’uunis eerameera.

Atileetonni yeroo ammaa Itoophiyaa maqaa waamsisaa jiran hedduunsaanii Oromiyaa keessaa madduun alaabaa biyyattii addunyaarratti kan olkaasan yoo ta’u, guddaattoonni duuba jiranis gootumma kana dhaaluun wabii biyyaa ta’uu akka qaban Federeeshinichi dhaameera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Shaampiyoonaan Atileetiksii Oromiyaa Ebla 15 eegalama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *