- Tarkaanfiin humna addaa naannolee caasesuuf fudhatame tarkaanfii yerooti
Finfinnee: Rayyaa ittisa biyyaa saboota, sablammootaafi Ummatni biyyatti hundi keessatti of argan ga’umsaan ijaaruu danda’uun bilchinaa olaanaa ta’uu Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Birgaader Janaraal Hayiluu Gonfaa ibsan.
Wayita raayyaan ittisa biyyaa ijaaramaa turetti humna addaa fayyadamuun mirkanaa’uu ijaarsa raayyaa ittisa biyyaa hordofee rifoormiin humna addaa taasisuun wayitaawaafi sirrii ta’uus himaniiru.
Itaamaajoor Shuumiin raayyaa ittisa biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa tibbana ibsa kennaniin, rakko biyya mudate qolachuu keessatti qoodni humna addaa naannoolee olaanaa ta’uu eeranii, waldorgommiifi wal cigaada naannolee giddu jiru hanbisuufis ta’e raayyaa ittisa biyyaa cimaa ijaaruuf humna addaa irra deebiin ijaaruun akka barbaachises hubachiisaniiru. Humni addaa caaseffamuu akka qabus gaaffiin ummata biraa irra deddeebiin ka’uu turuus yaadachiisaniiru.
Birgaader Janaraal Hayiluun Kibxata darbe yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, rifoormii raayyaa ittisa biyyaa keessatti taasifameen raayyaa ittisa biyyaa ga’umsa loltummaa qabuufi kan dura saba tokko qofaan dhuunfatamee ture sun hafee hirmaannaan lammiilee hundaa mirkanaa’eera. Rifoormii tarsimaawaa taasifame kanaanis wanti hirmaannaa daangessu ga’umsa dhabuu qofa.
Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaarra darbee nageenya gaanfa Afrikaa akkasumas addunyaa tasgabbeessuuf raayyaa ga’umsa qabuufi dhugaa ba’ameef ta’uu dubbatanii, yeroo dhihoo as garuu murni dheebuu taayitaan waadame qaaniifi ga’umsa tokko malee raayyaa ittisa biyyaa cilee dibaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa ololaafi qajeelfame abbaa fedheen kan ijaaramuufi gara fedhetti oofamu warri itti fakkaatu jiraachuu kan qeeqan hayyuun kun, raayyaan ittisaa qajeelfamaafi naamusa mataasaan gaggeeffamuun aggaammii biyyarratti taasifamu adda durumaan kan qolatu malee ajandaa ololaafi gandummaan kan yeroosaa qisaasessuu akka hintaane jala sararaniiru.
Akka Birgaader Janaraal Hayiluun ibsanitti, raayyaa ittisa biyyaa ga’umsa loltummaa qofaan osoo hintaane teknoloojiifi barnootaan yayyabamaa jira. Meeshaalee ammayya’oo waliinis kan wal simedha. Fedhiirratti hundaa’ee humni addaa naannolee wayita raayyaa ittisaatti makaman caalaattuu jabaachaa deema. Humni addaa kun raayyaa ittisa biyyaan alattis bakka fedhe hundatti biyya waan tajaajiluuf mormii finxaaleyyiin kaasaa jiran kan dhugaarraa fagaateefi fudhatama hinqabnedha.
Bara 1983 wayita ADWUIn aangootti dhufe raayyaa ittisa biyyaafi qaamolee nageenyaa biroo akka haaraatti ijaaruun walqabatee yeroof nageenya naannoolee kabachiisuuf akka ta’utti humni addaa bu’uura seeraa malee ijaaramuu eeranii; amma garuu ijaarsa qofa osoo hintaane rifoormii taasifameen raayyaa ittisa biyyaa sadarkaa amansiisaarra waan jiruuf waldorgommii hinbarbaachisnee naannolee gidduu jiru hambisuufis ta’e raayyaa ittisaa caalaatti cimsuuf caaseffamni eegalame kun sirriifi wayitawaa ta’uu hubachiisaniiru.
Humni addaa naannolee kunneen muuxannoo lolaafi rakkoo nageenyaa uumamu tasgabbeessuuf muuxannoo olaanaa waan qabaniif rifoormii amma taasifamu ammoo caalaatti kan isaan ga’oomsuu ta’uus dabalataan dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015
2 Comments to “ “Raayyaa ittisaa sablammootni biyyattii hundi keessatti of argan ijaaruun danda’ameera ”– Birgaader Janaraal Hayiluu Gonfaa”