Finfinnee: Maraanmartoo jeequmsa siyaasaa biyyattii maqsuuf sirna dimokiraasii dhugaa hunda hammate hundeen gad dhaabuun furtuu cimaa ta’uu miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota gameessi Oromoo Doktar Diimaa Nagoo beeksisan.
Qabsaa’an kun imala jijjiiramaa waggoottan afran darban keessatti injifannoo, gufannaafi mufannaa turan ilaalchisee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf addatti yaada kennaniiru.
Imala jijjiiramaan, keessattuu waggoottan jalqaba biyyoota ollaa waliin hariiroo dippiloomaasii jabaa taasifameen diinummaan Eertiraa waliin ture haala ajaa’ibaan jaalalaan goolabamuu yaadachiisanii, tattaaffiin waldhabbii biyyoota ollaa gidduu ture furuus firii naqatee Ministira Muummee Doktar Abiyyi badhaasa noobelii nagaa adduunyaa akka badhaafamaniif ka’umsa ta’uu himaniiru.
Naannoolee biyyattii hunda dhaqanii ummata dhaggeeffachuufi dirree dimokiraasii bal’isuuf hidhamtoota siyaasaa gad lakkisuufi uggura miidiyaaleerra ture maqsuun hojiiwwan gaggaarii bara jalqabaa hojjetaman ta’uus Doktar Diimaan yaadachiisaniiru.
“Haa ta’u malee, hariiroo alaafi keessaarratti hojiin manaa bal’aa jiraachuu akeektuwwan garagaraatu jira. Biyyootni Dhihaa kanaan dura waggaa tokko keessatti dhimma Itoophiyaa waltajjiiwwan 13 ol ta’uun akkuma jirutti ta’ee ammaan tana ABUT waliin araarri bu’us gamtaan Awurooppaa deggersa Itoophiyaaf kennuuf yaade ammayyuu akka gad hinlakkifne. Kaawunsiliin mirga namoomaa mootummoota gamtoomanii miidhaa namoomaa waraana Kaabaa walqabatee hirmaannaa Itoophiyaa malee qorachaa wayita jiru kanatti gamtaan Awurooppaas ta’e Ameeriikaan akkuma ammaa kan callisan yoo ta’e bu’aan qorannoo sun biyyarratti miidhaa qabaachuu mala” jedhaniiru.
Gama biraatiin, mootummaan waggoota jijjiiramaa gara jalqabaatti waadaa misoomaafi dimokiraasii hedduu ummataa seenu himanii, ta’us wal diddaa siyaasaan waraanni Kaaba biyyattiitti mudate qabeenyaa hedduu gaafachuun alatti xiyyeeffannoo mootummaa qabatee waan tureef dheebuun misoomaafi dimokiraasii uumameefi haalli qabatamaan lafarra jiru walsimuu dhabuun mufii har’aaf ka’umsa guddaa ta’uu dubbataniiru.
Akka Doktar Diimaan jedhanitti, ammaan tana hawaasni biyyattii fedhii walmormuu garagaraa calaqqisiisaa jira. Kun biyya sabdaneettii taateef yaaddoo osoo hintaane waanuma eegamudha. Dhimmi ijoon garuu garaagarummaa kana qixa sirriin bilchinaan hogganuu danda’uudha. Dheebuun dimokraasiifi misoomaa kan gangalachaa as ga’e ta’us gaffii amma ka’uuf furmaata kennuun dirqama mootummaa biyya bulchaa jiruuti.
Maraanmartoo jeequmsa siyaasaa kana keessaa ba’uuf furtuun sirna dimokiraasii sagaleen hundaa itti dhaggeeffatamuufi aangoon siyaasaa sagalee ummataa qofaan walharkaa fuudhamu diriirsuudha kan jedhan hayyuun kun, mormii gama heeraan jiru furuufis heera ummatni biyyattii irra jireessi irratti waliigale hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru. Galma yaadame bira ga’uufis Koomishinii Marii Biyyaalessaa tumsuufi utubuun dirqama hundaa ta’uu qabas jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015
4 Comments to “ “Maraanmartoo jeequmsaa siyaasaa biyyattiif furtuun dimokiraasii dhugaa gad dhaabuudha” – Doktar Diimaa Nagoo”