Soomni baatii Ramadaanaa utubaalee gurguddoo namni Amantii Islaamaa hordofu tokko raawwachuu qabu keessaa isa tokko yommuu ta’u, dirqama islaamaa kan quraanaa, hadiisaafi ijmaa’aan mirkanaa’ee jiruudha.
Rabbii akkana jedhe “Yaa warra amantiin dirqamni soomanaa isinirratti tahe! Akkuma warra isin duraa irrattis dirqama tahe, akka rabbii sodaattaniif jecha soomanni isinirratti waajiba ta’ee jira” Qur’aana Suuraa al baqaraah aayaata 183.
Wanti Soomana ramadaanaa rabbiin dirqama godheef akka rabbii sodaachuudhaan haalaafi amalli namaa toluun sadarkaa ol aanaa irra gahuuf yaadameeti. Ammas Rabbii “namni isinirraa baatii (ramadaanaa) qaqaabe haa soomanuu.” Suuraa al baqaraah aayaata 185.
Kanarraa kan hubatamu soomni, utubaalee Amantiin Islaamummaa irratti hundaa’e keessaa isa tokko ta’uusaati. Ummanni Islaamaa soomni ji’a Ramadaanaa keessatti dirqama akka tahe irratti waliif galanii jiran. Kanaaf namni muslimaa hundi Ramadaanni dirqama tahuu ni beeka qofaas osoo hintaane, haalootni addaa yeroo isa quunnamaniin alatti sooma ji’a ramadaanaa kana osoo addaan hinkutiin ni sooma.
Soomni hordoftoota Amantii Islaamaa keessaa warreen akkamii irratti dirqama akka ta’e yemmuu ilaallu immoo, namni fayyaa qabuufi umuriinsaa waggaa 15 ol ta’e hundi akka soomu dirqama qaba.
Haa ta’uu malee, umuriinsaa soomaaf osoo gahee jiruu haalli soomni namarratti dirqama itti hintaane jiraachuu akka danda’u hubachuun barbaachisaadha. Akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu, namni fayyaa guutuu hinqabne tokko kan soomuudhaaf hindandeenye dirqamni irra hinjiraatu. Nama daandii dheeraa deemuufi soomni itti ulfaatu tokko guyyaa haalli itti ulfaatetti sooma addaan kutuu ni danda’a. Osoo ulfaatuu soomuun dirqama miti jechuudha.
Namni osoo sooma soomaa jiruu gidduudhaan dhibeen wayii isa mudatee ykn daandii dheeraa soomuuf nama hindandeessisne imale tokko sooma addaan kutuu haa danda’u malee, guyyoota sooma itti addaan kute sana garuu erga jiini Ramadaanaa xumurameen booda ji’oottan biraa guyyaa barbaadetti sooma addaan kute sana soomee kanfaluudhaaf dirqama qaba. Yoo kana ta’uu baate soomni isaan ji’a Ramadaanaatti sooman sun guutuu hinta’u. Kana waan ta’eef namootni sababoota garaa garaatiin sooma addaan kutan yeroo isaaniif mijatetti /osoo jiini Ramadaanaa ittaanu hingeenye/ soomanii bakka buufachuudhaaf dirqama qabu.
Haalota ji’a Ramadaanaatti soomana addaan kutuudhaaf nama dirqisiisan keessaa dubartiin xuriin laguu itti dhufe ishee tokko yemmuu taatu, kun immoo fedhiishiitiin qofa osoo hintaane, osoo xuriin sun irra jiruu soomuunis ta’ee salaatuun ishee irraa hineeggamu. Kanaaf dubartiin osoo soomaa jirtuu sababa xuriin laguu itti dhufeef sooma addaan kutte takka akkuma nama kamuu guyyoota sooma addaan kutte sana ji’oota biraa keessatti soomtee bakka buufachutu ishee irraa eeggama jechuudha.
Ji’a Ramadaanaa keessatti namoota soomni irratti dirqama hintaane keessaa dubartiin deessuun ishee tokko yemmuu taatu, kunis dubartii erga deessee ji’a jahaa hinguutne, kan daa’imni harma haadhaatiin alatti nyaata biraa hineegalle qofa kan ilaallatuudha. Haa ta’uu malee dubartiin deessee ji’a jahaa ol taateefi daa’imni harma haadhaatiin alattis nyaata biraa eegale taanaan ji’a Ramadaanaatti soomuudhaaf dirqama qabaatti jechuudha.
Namoota soomni irratti waajiba ta’e ykn immoo ji’a Ramadaanaatti soomuun isaanirratti dirqama ta’eefi warreen haala addaatiin dirqama hinqabne erga ilaalleen booda immoo, Soomni Ramadaanaa kun yoom irraa eegalee fardii /dirqama akka godhame yemmuu ilaallu, kunis waggaa lammaffaa Hijraa irraa kan eegale ta’utu himama.
Ji’a Ramadaanaa kanatti guyyaa tokkoofi lamaanis taanaan dura eegaluunis ta’ee, booda turuun hindanda’amu. Kana waan ta’eefis guyyuma sirrii ta’etti ummata waliin eegalanii ummatuma kaan waliin hiikutu barbaachisa jechuudha.
Namni haalota armaan olitti ibsame kanaan sooma ji’a ramadaanaa kana soome immoo guyyaa sooma hiikkaa Id al Faxrii dursee zagaafi fixrii isarraa eegamu raawwatu malee salaata guyyaa iidaatiif hinbahu. Kunis namni tokko qabeenyuma hanga qabuu irraa namoota hiyyeessa ta’aniif qooduudhaaf dirqama qabu raawwachuu akka qabuudha.
Ji’a guutuu soomnii fixrii kennuu baannaan soomni guutuu akka hintaane waan taasisuuf, namni soome hundi ji’a ramadaanaa keessattis aadaa gargaarsaafi deeggarsaa hiyyeessaaf taasifamu hordofee hanga humnisaa danda’een akkuma gargaaraa turutti, guyyaa soomni hiikamu/Iidaatti immoo gargaarsi (faxriin) dirqama ta’a.
Walumaa galatti, ji’a Ramadaanaa keessatti hiyyeessiifi dureessi sadarkaa qabeenyaatiin osoo adda hinbaane waliin soomee waliin nyaata. Namni hiyyeessa ta’e tokko ji’a Ramadaanaa keessatti waan nyaatuufi dhuguuf tasuma hin yaadda’u. sababnisaa raahmanni ji’a Ramadaanaa bakka dhufuu hinbeekamu waan ta’eef.
Aadaan walgargaarsaafi waliif yaaduu ji’a Ramadaanaa kun immoo ji’oottuma hunda keessattuu osoo itti fufee rakkoo hawaasummaa harka qalleeyyii bifa dhaabbii ta’een kan furu waan ta’eef, osoo itti yaadamee gaariidha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015
MU88 – Link vào nhà cái uy tín mới nhất https://mu88.express
MU88 – Thiên đường giải trí với hàng ngàn slot game, mini game hấp dẫn. Nạp rút nhanh chóng, bảo mật cao và khuyến mãi khủng mỗi ngày.