Yeroo baay’ee nageenya biyyaa kan mirkaneessu mootummaa qofa akka ta’etti fudhatama. Waan uumameerraa ka’uun yaadni “Maaliif mootummaan tarkaanfii hinfudhatu?” yaadoonni jedhan baay’inaan ni ka’u. Yaadni qoodni koo maali jedhu garuu waan dagatame fakkaata.
Rakkoon nageenyaa kutaalee biyyattii gara garaa keessa jraatus keessumaa ummanni Godinaalee Wallaggaa arfan waggoota dheeraaf rakkoo nageenyaatiin dararamaa turuun isaa beekamaadha. Mootummaanis kana sirreessuuf tattaaffii gargaraa taasisaa kan tureefi jiru ta’us hirmaannaa hawaasaa malee fixaan ba’uu hindanda’u.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadis Roobii darbe wayita Magaalaa Naqamteetti bakka bu’oota hawaasa godinaalee Wallaggaa afran irraa baba’aan dubbisanitti, kan mirkaneessan kanuma. Mariin booda yaada miidiyaa hawaasummaasaanirratti “Nagaan bu’uura waan gaarii hundaa waan ta’eef nagaa malee misoomni hin yaadamu. Ummatni keenya nagaasaa mirkaneessuudhaan fuulasaa gara misoomaatti akka deebisu gochuuf ittigaafatamummaa walootu nurra jira. Marii ummata waliin Naqamtetti gooneef uummata nan galateeffadha” jedhaniiru.
Gootonni kanneen akka Haayilee Fidaa, Leencoo Lataafi biroon walqixxummaafi bilisummaa ummata Oromoof qabsaa’aa turan Wallaggaa keessaa ba’uufi gama gootummaafi waraanaatiin yoo ta’es kan akka Abdiisaa Aagaa kaasuu akka danda’amu eeranii, Abdiisaan ummata Itoophiyaa guutuu gootummaasaatiin nama waamsiseedha. Ammas akka Itoophiyaatti Janaraala guutuu kan ta’eefi hojii qabatamaadhaan waan Itoophiyaarratti ta’e jijjiiruu kan danda’e gootni Geetaachoo Guddinaas Wallaggumaa akka ba’e kaasu.
Hawaasni naannawichaa gootummaan beekamuus seenaa gootoota kanneenii yaadachuun nageenya mirkaneessuurratti hojjechuun fuulasaa misoomatti naanneessuu akka qabu hubachiisu.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaas pirojektoonni hedduun rakkoo nageenyaatiin sakaalamuu kaasanii, mootummaanis nageenya tasgabbeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu kaasanii, rakkoo nageenyaa kana furuuf ammoo ummanni mootummaa waliin ta’ee hojjechuu akka qabu gaafataniiru.
Dimshaashumatti, nageenyi hirmaannaa ummataa malee tarkaanfii mootummaan fudhatu qofaan kan dhufu waan hintaaneef hawaasni qooda irraa eegamu ba’achuun dirqama. Yoo kana ta’e gaafileen bu’uuraalee misoomaa wajjiin walqabatanii ka’aan saffisaan deebii argachuu danda’u.
BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015
Buy semaglutide https://rybelsus.tech/# rybelsus cost
order Rybelsus