Hayilee Sisaay: Dargaggoo carraa hojii uummachuun yeroo gabaabaa keessatti of jijjiire

Dargaggoo Hayilee Sisaay jedhama. Dhalataafi jiraataa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Wucaalee, Magaalaa Muka Xurriiti. Jalqaba yeroo yaada loon furdisanii gabaaf dhiheessuun jiruufi jireenyasaa fooyyeessuuf karoorfatu qarshiin inni harkaa qabu kuma 100 kan hincaalle ta’uu dubbata.

Maallaquma sanaan jabbilee xixiqqoo bituudhaan nyaata isaaniif barbaachisu hunda isaaniif dhiheessuun furdisuu kan eegale dargaggoon kun, jabbileen xixiqqoon inni bitee guddisaa ture sun waggaa lamaan booda gurguddatanii maallaqa fooyya’aatti akka gurguraman abdii qabaachaa akka ture hima.

Haaluma yaadeenis bu’aa jalqaba achirraa argateen loon dabalataa kan furdisu osoo hintaane mana loon itti horsiisu kan ijaare Dargaggoo Sisaay, bakki bultiifi jireenya loonii waan hundaa caalaa isa dursi kennamuuf ta’uu dubbata.

Dargaggoon kun akka jedhutti, bu’aa jalqaba horsiisa loonii irraa argate sanaan erga mana loonii ijaareen booda horsiisa marsaa lammataatiif liqii gaafatee qarshii liqii kuma 300 argateen ammas jabbilee xixiqqoo gabaa irraa bitee hojii furdusuutti fufe. Dargaggoon kun qarshii liqiin argateen hojii loowwan furdisuu kana adeemsa keessa bara 2014 irraa eegalee horii baay’ee furdisuu eegale. Bara darbe sangoota 16 nyaataafi kunuunsa isaaniif barbaachisu taasisuudhaan furdisee gabaadhaaf dhiheesseera.

Sangoota hanganaa yeroo tokkotti waan isaaniif barbaachisu hunda guutaniifii furdisuun hojii dadhabbii guddaa qabu ta’us, liqiin argate sun haamilee waan itti horeef hojii guddaa kana raawwachuu danda’eera kan jedhu dargaggoon kun, bu’aa achirraa argateenis mana jireenyaa ijaarrachuu danda’eera jedha.

Hojii loon furdisuu kana yeroo eegalu qarshii ittiin sangoota bitee furdisu waan hinqabneef jabbiilee bitee guddisuu kan jalqabe Dargaggoo Hayileen, boodarra jabbiilee xixiqqoo bitanii furdisuurraa gara loowwan bitanii horsiisuutti ce’uun faayidaa guddaa argachuu jalqabeera. Bu’aa inni hojii loowwan furdisuu kanarraa argachaa jirus yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu dubbata.

Sangoonni Hayileen furdisee yeroo ammaa gabaaf dhiyeessaa jiru gatiin ka’umsaa inni xiqqaan qarshii kuma 80 yemmuu ta’uu himee, inni giddugaleessi hanga qarshii kuma 150tti gurguramaa jira. Inni guddaafi furdina addaa qabu immoo hanga qarshii kuma 200 oliitti gurguraman mooraa keessaa kan qabu ta’uu dubbata.

Hojiin amma kutannoodhaan itti gallee hojjachaa jirru kun yeroo gara yerootti jijjiiramaafi bu’aa guddaa naaf agarsiisaa jira kan jedhu Dargaggoo Hayileen, yeroo ammaa kaappitaala qarshii miiliyoona afuritti dhiyaatu horateera. Bara 2016tti ammoo kaappitaalasaa qarshii miiliyoona torbatti guddisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu hima.

Namni hojii tokko hojjatu yeroo muraasa booda bu’aa argachaa dhufa. Haata’uu malee namootni baay’een bu’aawwan xixiqqoo yeroo muraasaaf argamaniin sobamanii hojiisaanii hamileefi fedhii guutuun akka yeroo jalqabaatti xiyyeeffannaa itti kennanii hin hojjetan. Haalli kun kufaatiif waan nama saaxiluuf bu’aawwan hojii keessatti argaman dhandhamachaa, gara fuula duraatiif immoo karooraawwan caalaatti nama onnachiisaniifi nama hojjachisiisan baafachaa itti fufuun barbaachisaa ta’uu dubbata.

Hojii hojjechaa jiru caalaatti babal’isuun namoota biroofis carraa hojii bal’aa uumuuf of amansiiseefi karoorfatee hojjachaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, dargaggoonni ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’anii carraawwan hojii argamanitti fayyadamanii hojjechuu qabu. Yeroo hedduu hojiiwwan tuffatamanii bira darbamantu bu’aa argamsiisa. Kanaaf dhaamsi ani dargaggootaaf dabarsu inni guddaan hojii kamiyyuu utuu hintuffatin hojjechuu akka qabaniidha.

Hojii argatan tuffatanii isa biraa barbaachuurra hojii argatan sana harkatti qabatanii isa caalaa fooyya’aa ta’e immoo cinaan barbaadachuunis ni danda’ama. Kanaaf dargaggootni dhaabbilee barnootaa garaa garaarraa eebbifamanii ba’an hojii mootummaa eeggachuu osoo hintaane, hanga carraa argatanii qacaramaniittillee carraa hojii jirurratti bobba’anii ofiifi maatiisaaniitiifis boqonnaa sammuu kennuu akka qaban gorsa.

Fakkeenyaaf ani hojii mootummaa dadhabbii meeqaan barbaadanii argachuu mitii osoo “Kottu si qacarraa” naan jedhaniiyyuu tasuma hinbarbaadu. Hojii dhuunfaa ofii uumanii hojjachuu caalaa waanti faayidaa guddaa qabuufi bilisummaa sammuus namaaf kennu hinjiru jedha Dargaggoo Hayileen.

Kana waan ta’eef dargaggootni Yunivarsiitiiwwan garaa garaarraa eebbifamanii carraa hojii qacarrii mootummaa hinargatin jiran akka carra dhabeessatti of ilaalanii of abaaruu osoo hintaane, akka carra qabeessatti of ilaalanii fedhiifi dandeettii keessoosaaniitti uumamaan jiru caqasuun hojii dhuunfaasaanii uummachuuf utuu carraaqanii yeroo gabaabaa keessatti of danda’anii jiraachuu danda’u jedha.

Dandeettii uumamaan qabanitti fayyadamuun hojii keessa ofii jirurratti bobba’anii hojjechuun hirkattummaa maatii jalaa baanee of dandeenyee akka jiraannu kan nu taasisuudha. Anis muuxannoon hojii kanarraa argadhe ofiikoof qofa itti fayyadamuu osoo hintaane hiriyyootni koo yeroo ammaa Yunivarsiitii barachaa jiran ganna ganna yeroo boqonnaasaaniitti na bira dhufanii hojii kana akka ilaalaniifi barnoota guddaa akka irraa fudhatan taasisaan jira jedha.

Dargaggoonni hedduun dhaabbilee barnootaa adda addaarraa eebbifaman qacarrii hojii mootummaa barbaachuu dhiisanii fakkeenya koo hordofuudhaan iddoowwan garaa garaatti hojii akka kiyyaa kana hojjachuudhaaf kanneen qophaa’aa jiran jiru.

Hojiin gufuu hinqabne immoo eessayyuu hinjiru. Ani sadarkaan amma irra jirurra ga’uuf bu’aa bahii hedduu keessa dabeera. Maallaqan nyaata loonii ittiin bitullee dhabeen rakkachaa ture. Gufuuwwan hojii keessatti na muudatan immoo barnoota naaf ta’an malee na gufachiisanii duubatti na hindeebifne. Kanaafuu namni kamuu gufuu hojii keessatti isa muudatuuf harka kennachuu hinqabu jedha.

Walumaagalatti, yeroo hojii mootummaa qacaramuudhaaf carraan dhiphoo ta’e jiruufi maallaqni qacaramuudhaan argatan sunuu jiruu namaa hinfooyyeessine kanatti dargaggootni akka Hayilee Sisaay hojii ofii uummachuudhaan yeroo gabaabaa keessatti miiliyeenara ta’aa jiran kun mul’achuunsaanii dargaggoota biroof fakkeenya gaarii waan ta’aniif, dargaggoonni barnoota xumuranii hojii barbaachaaf magaalota keessa naanna’an hedduun qe’eetti deebi’anii carraa hojii tuffatanii ykn irra utaalanii dhufanitti fayyadamuu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Hayilee Sisaay: Dargaggoo carraa hojii uummachuun yeroo gabaabaa keessatti of jijjiire

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *