Finfinnee: Oromiyaatti riifoormiin bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti bara 2013 irraa eegalee taasifamaa jiruun bu’aawwan jajjabeessoo galmaa’aa jiraachuu Biiroon Lafaa Oromiyaa beeksise. Hoggantoonni mootummaa olaanaa, Afayaa’iifi miseensonni Caffee Oromiyaa kaleessa hojiilee riifoormii biirichaa daawwataniiru.
Hogganaa Ittaanaa Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Gammachiis Tamasgeen sagantaa daawwannichaarratti akka jedhanitti, lafti qabeenya guddaa dhimma siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa of keessaa qabu waan ta’eef seeraan bulchuufi ittifayyadamuun qisaasama, saamicha, hanna, ijaarsaafi qubannaa seeraan alaarra bilisa gochuun dhaloota ittaanutti dabarsuu barbaachisa. Riifoormiin bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti taasifamaa jiru rakkoolee lafaan walqabatanii turan hedduun qabatamaan furaa jira.
Biirichi kenniinsa tajaajila lafaan walqabatan ammayyeessuuf ragaalee kuma 20 ol ta’aniifi tokkoon tokkoonsaanii fuula 120 ol qaban iskaan gochuun dijitaalawaa taasisuusaa himanii, ragaan kun dijitaala ta’uunsaa abbaan dhimmaa tajaajila si’ataafi qulqullina qabu akka argatu taasisuudhaan komiiwwan kenniinsa tajaajilaan walqabatanii turan daran hir’iseera; yeroos qusateera, rakkoo faayilli baduu, keessaa hir’achuufi itti dabalamuun walqabatee ture hambiseera jedhu.
Abbaan dhimmaa duraa duubasaa eeggattee akka tajaajilamuufis sistamni toora eegsisuufi abbaan dhimmaa bakka kamitti dhimmasaa akka raawwatatu agarsiisus hojjiirra ooluu himanii, sistamni hogganaan biiroo taa’ee hojjettootasaa ittiin to’atus hojiirra ooluu himu. Biirichi saamicha, hanna, qubannaafi ijaarsa seeraan alaa lafarratti raawwachaa ture ittisuuf bara darbe irraa eegalee kaadaastarri lafa baadiyyaafi magaalaa hojiirra oolaa jiraachuu himanii, kunis bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeesuu keessatti gahee olaanaa qabaachuufi raawwiinsaas baadiyyaatti milkaa’aa ta’uu ibsu. Magaalaatti ammoo lafti baay’een seeraan ala qabamuu, ragaa lafaa foorjidiin jiraachuufi lafti baay’een ragaa waan hinqabneef rakkisaa ta’uufi kaansa qindoomina qaamolee biroos kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.
Kaadaastarri lafa baadiyyaa hojiirra ooluusaatiin qonnaan bulaan waraqaa ragaa qabiyyee lafaa akka argatu taasisuun lafasaa qabsiisee baankiirraa qarshii liqeeffatee hojiilee invastimantii gara garaa irratti akka hirmaatu taasisaa jiraachuus himaniiru.
Rakkoo bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa furuudhaan akka naannoo Oromiyaatti ‘Regional Geospatial Laboratory’ hojiirra oolaa jiraachuu himanii, teknolojiin kun ragaa lafaafi lafaan walqabatu iddoo lafichi itti argamu waliin kan ibsuufi waggoota dheeraa dura maal akka fakkaatu kan agarsiisuu ta’u Obbo Gammachiis himanii, hojiin kunis saatalaayitiifi diroonii fayyadamuun kan hojjetamu ta’uufi akka naannoleettis ta’e biyyaatti kan jalqabe Oromiyaa ta’uu eeraniiru. Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluu
akka jedhanitti, lafti qabeenya keenya isa guddaa omishaafi omishtummaa keenya guddisuu keessatti gumaacha olaanaa qabu waan ta’eef mootummaan naannoo Oromiyaas rakoolee lafaan walqabatan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuuf hojiifi kenni tajaajilaa teknoloojiin akka deggeramu taasisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hannaafi saamicha lafarratti raawwatamu hambisuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechaa jiraachuu himanii, tajaajilli lafaan walqabatee kennamus dijitaalawaa taasifamaa jira. Raawwiin kadaastara lafa magaalaa hojiirra oolchuurratti jiru gadaanaa waan ta’eef xiyyeeffannaa addaatiin kan irratti hojjetamu ta’uus eeraniiru.
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan akka jedhanitti, daawwannaa keenya har’aatiin hojii Biiroon Lafa Oromiyaa qabatamaan hojjechaa jirru argineerra. Hoggantoonniifi ogeessonni biirichaas qindoominaan hojjechaa jiraachuu argineera.
Riifoormiin bulchiinsaafi itti fayyadama lafaa erga hojiirra ooluu jalqabee qabatamaan bu’aawwan gurguddoon galmaa’aa akkasumas jijiiramoonni jajjabeessoonis mu’lachaa jiru. Rakkooleen bulchiinsaafi ittifayyadama lafaan walqabatanii jiranis furamaa jiru.
Rakkoolee bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti mul’atan karaa waaraa ta’een furuuf seerotaafi qajeelfamoota ba’an teknolojiin deggaramuun akka hojiirra oolan taasisuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjechuu barbaachisu ta’uu himanii, waanti hojjennu hundinuu lafarratti waan ta’eef hojiin riifoormii lafaarratti eegalame kana caalaa cimee itti fufuufi hanga sadarkaa gadiitti babal’achuu akka qabu himaniiru.
Hoggantoonni olaanaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa hojiilee riifoormii Biiroo Lafa Oromiyaa daawwatan akka jedhanitti, hojiileen bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuuf raawwatamaa jiru jajjabeessaafi daran cimee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015
4 Comments to “ Oromiyaatti riifoormiin bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti taasifamaa jiru jajjabeessaadha”