Duudhaan kennuu kan guyyuu ta’uu qaba

Wangeelliifi Quraanni amantoonni lammilee harka qalleeyyii akka deggaraniif fakkeenyaan barsiisa. Gooftaa Yasuus Kiristoosis ta’u Ergamaan Mohaammad namoonni yommuu lafa kanarra jiraatan kan qaban irraa qooduun namoota dadhaboo, maanguddoota, harka qalleeyyii, daa’imman maatii hinqabneefi haala garagaraan rakkoof saaxilaman akka gargaaran barsiisu.

Gochaa eebbifamaa kanas namoonni haala garagaraan ni raawwatu. Keessumaa yeroo ayyaanoonni waggaa kiristaanaas ta’u islaamaa gaa’an aadaan walgargaaruu yookiin maaddii qooduu kun bal’inaan mul’ata. Yeroo dhihoo asis mootummaan xiyyeeffannaa addaa itti kennuun hawaasa hirmaachisuun hojii kana raawwata jira.

Ganna mana harka qalleeyyii ijaaruufi haareessuu, daa’imman mana barnootaatti sooruu, wiirtuulee sooraa banuun lammilee harka qalleeyyii nyaachisuufi yeroo garagaraatti maaddii qooduun ni taasifama.

Ayyaana Faasikaafi Iida Alfaxiir boriifi torban dhufu sababeeffachuunis Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa lammilee harka qalleeyyii 220 ta’aniif maaddii qoodeera. Bulchiinsi Magaalaan Finfinnees akkasuma namoota kuma 256 ta’aniif maaddii qoodeera. Biirooleen, kutaaleen magaalaa, waajjiroonnifi dhaabbileen addaddaas gocha eebbifamaa kana raawwataniiru.

Kennuun boqonnaafi sammuu namaaf dabalee eebba namaa fidu kun garuu yeroo ayyaanaa qofa ta’uu hinqabu. Guyyuu yommuu nuti lama sadii nyaannu tokko kan dhaban, yommuu nutis huccuu geeggeeddarannu irratti tarsa’ee lafa hodhan kan dhaban, yommuu nuti faashinii kophee hordofnu miilaan deemanii qoreen kan waraanaman, yommuu nuti hospitaaloota qananitti yaalamnu, dawaa bitachuu dadhabanii du’asaanii kan eeggatan baay’eedha.

Kanaaf namoota naannawaa keenya jiran dabalachuun waan qabnurraa qooduu aadeeffachuu qabna. Dhukkubbiin lammiilee keenyaa nutti dhaga’amuun rakkoosaanii qooddachuu qabna. yoo kana goone Waaqnis nu eebbisa, tollis ijoollee keenyatti darba. Kennuuf sooreessa ta’uun ulaagaa waan hintaaneef, kan argannee irraa qooduu yookiin hiruu ibsama namummaa keenya taasifachuu qabna.

BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ Duudhaan kennuu kan guyyuu ta’uu qaba”

  1. Pingback: ไก่ตัน
  2. Pingback: 토찾사

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *