Finfinnee: Abbootiin amantii Kiristaanaa kabaja Ayyaana Du’aa ka’uu gooftaa Yasuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniin, amantootni hundi dhiifamaafi araara buusuu Kiristoos fakkeenya taasifachuu akka qaban hubachiisan.
Abbootiin amantii kunneen hordoftoota amantii kiristaanaatiin baga ayyaana du’aa ka’uun isin ga’e jedhaniiru.
Paatriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas akka jedhanitti, ayyaanni du’aa ka’uu ayyaana injifannoo ta’ee osoo jiruu har’a wayita namootni walajjeessaa ayyaana du’aa ka’uu kabajan argina; kun matumaa sirrii miti. Kanaafuu, hojii cigaasisaa hundarraa fagaachuufi waldhabbii badii lubbuuf sababa ta’aa jiru mariin furuu keessatti kiristaanotni adda duree ta’uun garaa dhiifamaafi araaraa Kiristoos hordofuu qabu.
Phaaphaasiin Waldaa Kaatoliikii Itoophiyaa Qulqulluu Kaardinaal BirhaanYesuus gamasaaniin, ayyaanni du’aa ka’uu guyyaa misiraachoo dhala namaa hundumaa waan ta’eef hordoftooti amantichaa namoota utuu addaan hinbaasiin jaalalaafi nagaan ayyaaneffachuu qabu jedhanii, lammiilee sababa garagaraan rakkatan, beel’aniif arjoomuun jibbaa dhabamsiisuun misiraachoo du’aa ka’uun bakka buusuun ayyaneffachu akka qaban hubachiisaniiru. Walitti bu’iinsi bakkeewwwan tokko tokkotti mul’atu mariin furuun carraaqqiin akka taasifamuufi waldattiinis dirqamashee ba’uuf qophii ta’uus dubbataniiru.
Kiristoos cubbuu dhala namaa fannoorratti baatee du’uun Waaqaafi nama walitti araarsee, warra isa miidhaniifis dhiifama taasisuu alatti du’a mo’ees injifannoo labse kan jedhan ammoo Pirezidaantii Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yasuusii Itoophiyaa Luba Doktar Yonaas Yiggazuuti.
Kiristaanotni wayita ayyaana du’uufi du’aa ka’uu Yasuus yaadataniifi kabajan garaagarummaa sabaafi amantii tokko malee dhala nama kan ta’e hundatti gaarummaa, jaalalaafi araara mul’isuun dirqama amantii ofii ba’achuu akka qaban himanii, waldittiin jaalalaafi araaraa lallabuun dabalata lammiilee balaa uumamaafi namtolcheen rakkoof saaxilaman deggaruufi dhaabuuf mootummaa cina hiriirtee dirqamashee akka baatus dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Pirezidaantin Gamtaa Waldoota Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo akka dubbatanitti, Itoophiyaa keessatti kan hinmadoofne hinmiidhamne hinjiru. Haa ta’u malee, sadarkaafi akaakuun midhamaa tokkorraa tokkotti gargari. Godaannisa kana haquuf waliin jiraachuuf garaa dhiifamaa qabaachuun barbaachisaadha. Jaalalaafi hariiroo gaarii Yasuus dhala namaatti argisiise Itoophiyaanota gidduutti hundee godhachuu qaba.
Jaalalli injifataa ta’uu kaasanii, yoo jaalalli warra siyaasaa, abbootiifi namoota dhuunfaa jidduu jiraate rakkina biyyattii keessatti mul’atu furuun salphaa ta’uus ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriifi Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 7 Bara 2015
4 Comments to “ Dhiifama gochuufi araara buusuu Kiristoos amantootni hundi fakkeenya godhachuu qabu”