Mataduree Kitaabichaa: DHALOOTA IDA’AMIUU
Bara maxxanfamaa: 2023 A.L.A, 2015 A.L.H
Baay’ina fuulaa: Miiltoo wajjin 348, miiltoofi wabiiwwan malee 339
Kutaalee kitaabichaa: Seensa, kutaalee sadii, boqqonnaawwan 10, gudunfaa, miiltoofi wabiiwwan.
Afduree kitaabichi itti barreeffame: Afaan Amaaraa
Kitaabni kun kitaabota Doktar Abiyyi Ahmad erga ministira muummee ta’anii barreessan keessaa sadeessoo (trilogy) ta’uun ummataaf kan gumaachameedha.
Kanumaaf fakkaata, kitaabota isa dursan lameenirraa maqaa “IDA’AMUU” jedhu qooddatee mataduree, “DHALOOTA IDA’AMUU” jedhuun kan maxxanfameef. “Ida’ama”un ilaalcha kitaabolee sadeen walitti hidhu yoo ta’u, hidhanni ykn guduunffaan kitaaba kanaa ammoo dhimma dhaloota qaruufi dhaala gaarii dabarsuuti.
Dhaloonni darban, waan fagoo biyyaa yaadanii dharra’anillee, jalloowwan ilaalchaafi halamalaa addaddaatiin milkaa’uu akka dandeenye: Guddina hawwanii, duubatti hafan. Badhaadhina hawwanii hiyyummaa; quufa hawwanii beela; biyya beekumsaan dursoo taate hawwanii, sadarkaan barumsaafi beekumsishee kufe; dimokiraasiifi walabummaa hawwanii, mootummoota abbaa irree; obbolummaafi walqixxummaa sabalammootaa hawwanii, ummattoota addababahan; nageenyaafi tasgabbii biyyaa hawwanii, walwaraansaafi walballeesa; tokkummaa biyyaa hawwanii, biyya bittinnaa’uuf qarreerra geesse nu dhaalchisan.
Maraammartoo fagootti yaadanii, dhihootti karaatti hafuurraa akka baanu, dhaloota qaruurratti hojjachuun barbaachisaadha yaada jedhurraa ka’eetu kitaabichi kan barreeffame. Osoo kitaabni kun mataduree kennamuuf carraa biraa qabaata ta’ee “Akkamiin Biyya Haa Baraarru? Waamichaafi Ergama Dhalootaa” kan jedhu ta’a jedheen yaada.
Biyya kana akka muummichaatti itti siqanii yoo qoratan hir’inawwan hedduu akka qabdu hubatu: walitti dhufeenyiifi kaka’umsi dhalootaa, siyaasni, dinagdeen, barumsiifi beekumsi, aadaafi duudhaaleen walumaagalatti jallinni ilaalchaafi haalamalarraa maddan bakka biyyi kun amma irra jirtuun nu gahaniiru.
Biyya rakkoolee kanneen keessa jirtu baraaruuf gartokkoo yoo tarsa’e suphanii; yoo kun jigu dagalee wayii jijjiranii; yoo garasii ibiddi qabatu, dhaamsanii hinta’u. Kitaaba kana kitaabota isa fakkaataniirra kan adda isa godhu barreeffamni gochaan dabaalaamuusaati.
Barreesssaan kan taa’ee barreesse, dubbisaatti kennee “Dirqama kiyya bahadheera” kan jedhu osoo hintaane, barreessaan kan kitaabasaa ofiin jiraatee gochaan agarsiisee “Kunoo ani kana, koottu miiltoo duula dhaloota baraaruurra deemna” jedhee dhalootaaf waamicha kan dabarsuufi kitaaba osoo daandii sanarra deemanii barreesaniidha.
Kitaabni kun nama biyya gaggeessuun waan barreeffameef, namni kitaaba kana dubbisu yaada qofa osoo hinta’iin gocha wajjinin waliin qabee akka kitaabicha dubbisu isa dirqisiisa. Barreessitoonni asoosamaas (fiction) ta’ee, al-asosamaa (non-fiction) barreessan yaadnisaanii dubbistoota bira geenyaan kitaabichi akka waan milkaa’eetti lakkaawu.
Waan barreessanis hojiirra oolchuun isaanirraa hineegamu. Takkeensaanii matuma seenessi isaan barreessan dhugaa ta’ee ykn ta’uu baatee, seenessisaanii “hojjaa” (action) dhalee ykn hindhallee dhimmasaanii miti.
Kitaabni kun kitaabilee akkasiirraa adda. Ministirri muummeen waanuma gaggeessa mootummaa keessatti hojiidhaan agarsiisantu ergaafi dhaamsa dhalootaa ta’ee dhufe. Kitaabni kun ragaa, “Jechi gocha ta’e” jedhu waan raggaasisuudha jechuudha.
Ministirri muummeen kitaabilee gaggeessa keessatti barreessanii gumaachuun, yaadota “kan barreessan, hingaggeessan” (those who write, do not lead) ykn “kan gaggeessan, hinbarreesssan” (those who lead, cannot write) jedhaman dhidhima galchaniiru.
Mummichaaf, “gaggeessuunifi barreessuun” fuullamee saantima tokkooti. Muummichi jaalala dubbisuu qabaachuusaanii kan keessatti argitaniidhaniidha. Kitaabota seenaa, hawaasaa, siyaasaa, saayinsiifi teknolojii, barruulee hogbarruu, walaloowwaniifi kaneen biroo akka dubbisaniifi, muummicha ta’eera jedhanii dubbisuurraa akka hinfagaanne kan mul’isuudha.
Dubbisanii akka ifa of keessoo ofumaa jedhanii hinteenye ammoo kitaabota yeroo gabaaboo keessatti ummataaf gumaachan ragooleedha. Amantaan barreeffamaafi kitaabotarratti qaban olaanaa akka ta’e yoo ibsan “Barreeffamni ragaafi yaadonni daangaa baraa ce’anii osoo qabiyyeesaanii hinjijjiiriin akka namoonni irraa baratan gochuuf humna guddaa qaba” jedhu.
Akkuma durii jalqabee waa’ee humna barreeffamni qabduu ibsamuutti “Homar 1 dura Homartu ture, hinbarreessine malee” jedhu waan hubatan fakkaatu. “Yeroo hinqabnu” jennee kaan keenya guyyuu guyyuun yoo waakkannu, muummichi yeroo hindhaabanne dhaabanii kitaaba kana barreessanii gumaachuun dhugumatti waan raajii nama jechisiisuudha.
Dubbisaan kitaaba kanaa tuqaalee guguddoo lakkoofsaan heddummaatan yoo dubbisu “Anaafis guyyaan tokko sa’aadhuma 24:00?” jedhee akka of gaafatu kan dirqisisuufi “Ebelu maal naa godhe?” ykn “biyyi maal naa goote?” jedhe gaafachuurraa bahee akka “Biyyaafi lafan dhihootti dhiisee deemuuf maalan gumaache?” jedhe akka of gaafatu kan isa dirqisiisuudha.
Namni kutannoo malee yeroo akka hindhabne, akkuma barreessichi biyya Ingiliz Radyardi Kipling 2 jedhu, “Guyyaa tokko keessa sa’aati 24:00 osoo hinta’iin, daqiiqaa tokko keessa sakandii 60tu jira” jennee yoo gaafanne akkuma muummichaa waa hedduu yeroo xiqqoo keessatti dalaguun ni danda’ama miira jedhuun dubbistoonni kitaaba kanaa akka guutaman gaaffii hinqabu.
Dargaggootaaf “Yeroon si jalaa dhumatee, maal eegda!” gadamoojjif ammoo “Ammallee waa gumaachuuf yeroon jira,” waan jedhu ergaa wayii dubbistotaaf dabarsa. Kitaaba kanaafi mummicha ministeeraa namni walitti qabee hubate kaka’umsi wayii keessaa waa hin dhikisne taanaan namni sun amma du’eeti.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
2 Comments to “ Yaad-Dubbisoo Kitaaba “Dhaloota Ida’amuu Afaan Oromoo Doktar Taaddasaa Leencootiin”