Waggoota dheeraadhaaf tattaaffiin dinagdee biyyattii qonnaan durfamurraa gara isa indaastiriin durfamuutti taasifamaa ture hanga har’aatti milkaa’uu dhabuusaatiin har’allee maddi sharafa alaa inni guddaafi utubaan dinagdee biyyattii qonnarratti kan hundaa’eedha.
Tarsiimoowwan guddinaafi tiraanisfoormiishiinii biyyattiin waggoota hedduuf baafattee ittiin hojjachaa turteen karooraawwan gurguddoo akka biyyaattis ta’ee kanneen barkumee akka addunyaatti bahaa turan hedduu galmaan ga’uu dandeessus, inni qonna indaastiriidhaan bakka buusuu kun karoorarra hanga har’aatti hinmilkoofnedha.
Milkaa’uu dhabuu karoora kanaatiif wantootni akka sababaatti ka’an hedduun jiraatanis, guddina dinagdee biyyattii qonnaan durfamu isa indaastiriin durfamuun bakka buusuun danda’amuu baatus baay’inni indaastriiwwan waggoota kurnan sadan darban keessatti akka baay’ataniif sababa ta’eera.
Waggoota jijjiiramaa shanan kana keessatti fooyya’iinsi dinagdee biyyattiirratti mul’achuu eegaleen seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif qamadii duraan bifa gargaarsaatiin biyyaattiif dhufaa ture baay’inaan omishanii gara alaatti erguun kan itti danda’ame yemmuu ta’u, gama biraatiin immoo baasii sharafa alaa olaanaa ta’e kan bittaa qamadiitiif oolaa ture oolfachuun danda’ameera.
Kun immoo bifa dur hinbaramneefi naannoolee kanaan dura omisha qamadiitiin hinbeekkamne keessattis qamadii baay’inaafi qulqullinaan omishuun waan danda’ameefi. Hojiiwwan dinagdee biyyattii cimsuufi hirkattummaa biyyoota alaa jalaa bahuuf waggoota muraasa darban keessatti raawwatamaniin bu’aaleen argamanis danuudha.
Kanarraa ka’uudhaanis osoo rakkooleen akka kovid 19, waraanaafi kanneen biroo jiranuu dinagdeen biyyattii sadarkaa fooyya’aarratti dhufaa jiraachutu dubbatama.
Akka fakkeenyaatti barana dinagdeen Itoophiyaa dhibbantaa 7.5 kan guddatu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad tibbana ibsanii turan.
Guddinni dinagdee galmaa’aa jiru kun immoo hanga ammaatti hirkatummaa qonnaa jalaa bahee dinagdee indaastiriin durfamutti akka ce’uuf bara darbe erga sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtu’ jedhamu eegalamee as rakkooleen indastirootaa haala gaariidhaan furmaata argataa jiraachuu Ministeerri Indastirii ni ibsa.
Ministirri Industirii Obbo Malaakuu Allabal waltajjii marii dhimmicharratti kaleessa qophaa’erratti akka jedhanitti, hojii misooma qonnaafi indastrii haala barameen ittifufaa bu’aa addaa eeguun dogoggora waan ta’eefi adeemsi haaraafi duudhaan hojii ammayyaa’aan akka uumamuuf sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtu’ dinagdee biyyattii keessatti jijjiirama qabatamaa mul’isaa jira.
Damee maanufaakchariingii biyyattii keessatti fooyya’iinsa qabatamaa fiduuf sagantaan ‘Itoophiyaan haa omishtu’ bara darberraa kaasee adeemsifamaa jira. Bu’aaleen argamaa jiranis abdachiisoodha. Jijjiramoonni galmaa’an, sosochichaa ittifufsiisuufi industiriiwwan omishtootaa waarinaan deggaruuf qaamolee qooda fudhattoota gara garaa waliin mari’atamaa jira.
Sosochichi qaamoleen gahee qaban walitti dhufeenyaan akka hojjetaniif, walittidhufeenyasaaniis cimsuudhaan dhaabbileen mootummaa damichaaf akka xiyyeeffannoo kennan taasifamuun akka injifannoo tokkootti kan ilaallamuudha jedhan.
Sosochichaan omishaafi omishtummaa damee maanuufaakchariingii guddachaa kan jiru yemmuu ta’u, hojiin kun ittifufinsa akka qabaatuuf akkasumas hojmaataan deggaramee akka gaggeeffamu taasifamaa jira.
Sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtu’ jedhuun industiriiwwan omishtootaa 200 hojii dhaabanii turan gara hojiitti deebisuun kan danda’ame yemmu ta’u, rakkooleen adda addaa kanneen damicha hojii dhorkaa turan baay’inaan kuma afur ta’anis sosochii kanaan furmaata argataniiru.
Jijjiirama damee maanufaakchariingii dhugoomsuudhaaf hojii guddaan rakkoo gama dhiheessii lafaatiin jiru furuun barbaachisaa ta’uu himanii, rakkoo gama kanaan jiru furuuf waggaa tokko keessatti hanga ji’a torbaatti lafti heektaara kuma jahaafi 624 ta’u industiriiwwan omishtootaaf kan qophaa’e ta’uu dubbatu.
Guddina damee maanuufaakchariingii kana dhugoomsuudhaaf investera hojii qabatamaa lafa fudhaterratti hojjachaa jiruuf lafa dabalataa akkuma kennan, isa lafa investimentiidhaaf fudhaterratti hojii hinhojjannerraa immoo lafa kenname deebisuun qaama sosochii kanaa yemmuu ta’u, haaluma kanaan lafa misoomaa heektaara 677.59 ta’uufi waan irratti hojjachuuf waadaa galame hinraawwannerraa deebisuun danda’amuusaas ibsaniiru.
Sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtu’ jedhu Ebla bara 2014 Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin kan eegalame yemmuu ta’u, umurii gabaabaa kana keessatti rakkoolee gurguddoo hudhaa indaastriiwwan biyyattii ta’an irra jireessaan furuun kan danda’ame yemmuu ta’u, keessattuu rakkoo galteewwan indaastriifi bu’uraalee misoomaatiin wal qabatanii mul’atan irra jireessaan furuun danda’amuusaa ragaan Ministeera Indaastriitti Sosochii ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ ni agarsiisa.
Sosochii waggaa tokkoof taasifamaa tureen hojmaata qindaa’aa ta’e diriirsuun, humnaan ykn dandeettii omishaa fooyyeessuun, naannoleen biyyattii hundi mana maree indaastirii akka hundeessan taasisuun, indaastiriyaalistootaaf iddoo hojii invastimantii barbaachisaa ta’e dhiheessuu danda’amuun, kanneen lafa kennameef irratti sirnaan hinomishnerraa immoo lafa deebifachuuniifi indaastiriiwwan haaraa gurguddoon 974 ta’an akka hundaa’aniif haala mijataa uumuun qaama cimaa hojiiwwan waggaa tokko keessatti hojjataman kanaati.
Sosochii waggaa tokkoo keessatti wantootni akka hanqinaatti ka’an immoo, qindoominni qaamolee dhimmichi ilaallatu giddutti uumame kan fedhiidhaan yeroo fedhan hirmaataa yeroo barbaadan hafan malee kan miira abbummaafi ittigaafatamummaa uumuun ta’uu dhabuunsaa, humni namaa ogummaa indaastirii gonfate jiraachuu dhabuu, hanqinni faayinaansiifi sosichii yeroo jalqabaatiif yemmuu eegalamutti akka duula yeroo gabaabaafi ittifufiinsa hinqabneetti ilaaluun hanqinoota gurguddoo hojii hanga ammaatti jiru keessatti mul’ataniidha.
Sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtu’ kun hojii duulaa yeroo tokkoo irraa gara waajjira horachuudhaan karoora waggoota 10 baafatee gara hojiitti galuun dinagdee biyyattii keessatti adeemsa haaraa kan uumu ta’uu kan himan immoo Ministir De’eetaa Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilahun, rakkoowwan indaasriiwwanii hiikamee human guutuun gara hojiitti galuunsaanii immoo dinagdee biyyattii deeggaruu cinatti lammiilee biyyattii hedduufis carraa hojii kan uumu ta’uu dubbatu.
Dameen maanufaakchariingii guddina biyya tokkoo keessatti isa murteessaa ta’eefi akka qonnaa jijjiirama qilleensaatiifi hanqina roobaatiin kan hubamu waan hintaaneef, damee kanaaf xiyyeffannoon olaanaan kennamee guddina dinagdee indaastriin durfamuutti ce’uun dhimma filannoo hinqabne ta’us ni ibsu.
Babal’inni indaastirii humna namaa keessattuu dargaggootaaf carraa hojii dhaabbataa ta’e kan uumuufi omishtoota alaa galan kan biyya keessatti omishamaniin bakka buusuudhaan bu’aalee indastiricha keessaa bahan immoo gara biyya alatti erguudhaan biyyattiif sharafa alaa dabalataa kan argamsiisu waan ta’eef sosochii ‘Itoophiyaan haa omishtu’ kana cimsuudhaaf qindoominni waajjiraalee dhimmi iaalu jidduu jiru cimuu akka qabus Obbo Nugusuun ni dhaamu.
Walumaagalatti, guddina dinagdee indaastiriin durfamu dhugoomsuudhaaf koroorriifi sochiiwwan waggoota dheeraaf taasifamaa turan sosochii ‘Itoophiyaan haa omistu’ jedhu kanaan akka galma ga’uuf qindoominni waajjiraalee dhimmi ilaaluu murteessaa ta’a.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
5 Comments to “ Sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtu’ abjuun dinagdee indastiriin durfamu dhugoomsaa jira”