“Sirni ijaaramaa jiru walqixxummaa kan mirkaneessuudha” – Jaal Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee: Sirni ijaaramaa jiru kan kaleessa dhiibame giddugaleessatti kan fiduufi walqixxummaa kan mirkaneessu malee kan biyya diigu miti jechuun Ministirri Aadaafi Ispoortiifi durataa’aa ittaanaan ABO Jaal Qajeelaa Mardaasaa ibsan.

Jaal Qajeelaan gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, sirni ijaaramaa jiru eenyummaa kan kabachiisuufi natu siibeekaa kan dhabamsiisuudha jedhu.

Finxaaleyyiin ilaalcha dulloomaadhaan oofaman walqixxummaan gadaantummaa waan ittifakkaatuuf kabajamuun eenyummaa sabootaa hinliqimfamuuf jedhu.

Kanarraa kan ka’e miidiyaalee garagaraatti fayyadamuun ololawwan adda addaa adeemsisaa jiraatanis kan fagoo isaan hindeemsisne ta’uu ibsanii, qaxxaamuraan aangoo qabachuuf shira xaxanis, sirni ijaaramaa jiru waca finxaalessummaan kan diigamu akka hintaane yaalii yeroo garagaraa taasisaa turanirraa kan hubatamu ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; sirni amma aangoorra jiru biyya keessaafi alaan abiddaan qoramaa injifannoo siyaasaafi dinagdee cululuqaa galmeessisaa jiru waan ta’eef olola finxaaleyyiin kan raafamu miti.

Waraanaafi qoqobbii biyyoota alaatiin itoophiyaarratti fe’uun mootummaa ummata bal’aan filatame laaffisuuf yaaliin taasifamus bilchinaafi ga’umsa siyaasaatiin keessa darbameera jedhan.

Miidiyaalee hordoffii ala ta’aniifi miirri jaalala biyyaa itti hindhaga’amnetti fayyadamuun olola sobaa afarsuun aangoo qabachuuf yaaliin taasifamu ilaalcha fafummaa ta’uus ibsaniiru.

Itoophiyaan kana booda ijaaramtu hunda kan hammattu, dimokiraasiin kan keessatti lafa qabate malee olaantummaa saba tokkoo kan keessummeessitu miti jedhaniiru.

Ilaalcha dulloomaa yeroon itti darbeen amantiifi haalota garagaraa dahoo godhachuun nageenya biyyaa booressuuf yaaliin taasifamu mataduree oduu uummachuuf yoo ta’een ala bu’aa tokkollee kan hinfidne ta’uus ni ibsu.

Kana booda eenummaan cabus ta’e aangoon ololaafi fonqolchaan aragamu waan hinjirreef dimokiraatawa ta’anii biyya hunda walqixa haammattu, duudhaafi aadaan mirgi ofiin of bulchuu akkasumas biyya dinagdeen humnoofte ijaaruuf tokkoomuun dirqama ta’uu dhaamu.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ “Sirni ijaaramaa jiru walqixxummaa kan mirkaneessuudha” – Jaal Qajeelaa Mardaasaa

  1. Pingback: mdma rolls royce
  2. Pingback: obeng bet
  3. Pingback: bdsm models

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *