Asallaa: Biyya waggoota dheeraaf qamadiin alaarraa galaa turetti, omisha qamadiin guddina dinagdee utubuu danda’uun abjuu fakkaatus dubbichi garuu dhugaa qabatamaa lafa jiru ta’ee jira.
Itoophiyaan dur omisha bunaafi warqii alatti erguun sharafa alaa argattuun qamadii bittee fayyadamti. Amma garuu qamadii omishtee sharafa alaa argachuuf carraaqqii guddaa taasisaa jirti. Qamadiin sharafa alaafi nyaatarra darbee jireenya qonnaan bultoota hedduu jijjiiraa jira.
Nutis wayita hojiif gara godina Arsii deemne omishni qamadii qabatamaan jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraa jiraachuu waan argine isiniif dhiyeessuu barbaadne.
Qonnaan bulaa Hundee Fayyisaa jiraataa Godina Arsii aanaa Heexosaa ganda Kaatar Gannati. Qonnaan bulaan kun Kolleejjii Pooliitekniikii Leenjii Ogummaafi Tekniikii Qananiisaa Baqqalaarraa eebbifamee hojii dhabuun gara maatiitti deebi’ee hirkattummaan jiraachaa ture.
Jireenya hirkatummaa jalaa ba’uuf inisheetiivii misooma baadiyyaa mootummaan diriirseetti fayyadamuun omisha qamadii jallisii bonaa omishuu erga eegalee waggoota sadii dabarseera. Yeroo dabarse kana keessatti omishaafi omishitummaan qonna qamadii bonaa isa gannaa caalaa bu’a qabeessa ta’uu muuxannoo horateera.
Qonna qamadii jallisii bonaa lafa sangaa tokko yookiin kurmaana hektaararra callaa qamadii kuntaala 13 argachaa jira. Galii omisha qamadiirraa argateen hirkattummaa maatii jalaa ba’uun jireenya mataasaa geggeeffachuuf karra saaqeeraaf.
Omishni qamadii jallisii bonaa bu’aaqabeessa ta’us xaa’oo yuuriyaafi keemikaalotaa farra ilbiisotaa yeroon qaqqabuu dhabuun, daldalli fedhii dhiyeessitootaa osoo hintaane fedhii daldaltootaan hogganamu, yeroo qonnaafi sassaabbii midhaanii gatiin tiraakiteraafi kombaayinaraa qaala’uun garuu qonnaan bultootaaf rakkoo hamaadha. Rakkoon kunneen yoo kan furamtu taate omishaafi omishitumman qonnaan bultoota aanichaa daran dabaluun hinshakkisiisu.
Haaluma walfakkaatuun, qonnaan bulaan ganda Torban Ushoo, Abbabaa Shawaa qonna qamadii bonaa utuu hin eegaliin qonna muduraafi kuduraa muraasaa qofaa omishaa turan. Qonna gannaarraa omishni argatan gadaanaa waan ta’eef maatiisaaniif midhaan nyaataa dhiyeessuun danqaa ture.
Amma garuu qonna qamadii bonaa qotuun qamadiirraa simbirroo eegaa jiru. Waggoottan sadan darbanitti qonna bonaa sangaa tokko (kurmaana hektaararraa) callaa qamadii kuntaala 12 ol argataa jiru. Omisha qamadii bonaa booda rakkoon midhaan nyaataa isaan quunnamee hin beeku.
inisheetiivii misooma baadiyyaa mootummaan diriirse giddugaleeffachuun qonna qamadii bonaa aanaalee 23 keessatti lafa hektaara kuma 117 irratti geggeeffamaa jira kan jedhan ammoo Ittigaafatamaa waajjira qonnaa godina Arsii Obbo Gannaa Mahaammad.
Bu’aa hanga ammaatti qonna qamadii bonaarraa argameen qonnaan bultoonni godinichaa fayyadamoo ta’uun jireenyisaanii jijjiiramaa jira. Omishni godinichaa nyaatan of danda’uurra darbee karoora alergii kuntaala kuma 200 gumaacheera.
Wayita ammaa aanaalee gammoojjii qamadiin sassaabamaa jiru keessatti hektaararraa callaa kuntaalli40 omishamaa kan jiru yoo ta’u waliigalaan callaa qamadii kuntaala miliyoona afuriifi kuma 500 sassabuuf karoorfame milkeessuun ni danda’ama.
Omishni qamadii bonaa godinichaa ilaalcha ogeessaafi qonnaan bulaa jijjiiruun omishaafi omishitummaan akka dabalu taasiseera. Paampii bishaan harkisu kuma afurii ol qonnaan bulaa bira ga’e, tartiiba omisha facaasuufi makaruu hordofee kombaayinaroonni 172 tiraakitaroonni 481 bakkaa bakkatti naanna’anii tajaajila kennuun inisheetiivii misoomaa tumsaa jiru.
Qonnaan bultoonni qamadii kuntaala tokko omishuuf baasii hanga qarshii kuma lamaatti baasanii ammaan tana hanga qarshii kuma sadiifi isaan olitti gurgurataa jiru. Rakkoon walitti hidhatiinsa gabaatiin walqabatee omishaafi omishtummaarratti wanti dhiibbaa uumuu hinjiru. Bara kanatti hanqina xaa’oo furuuf xaa’oo uumamaa dhibbantaan 98n meetirkiyuubii miliyoona sagaliifi kuma 900 qophaa’eera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
6 Comments to “ Qonnaan bultoota godina Arsii omishni qamadii bonaa jireenyasaanii jijjiire”