Finfinnee: Araarri walitti bu’iinsa waggoota afurii ol booda mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru jidduutti yaadame kutannoon jiraannaan kan barfate akka hintaane Gaazexessaa Abdii Fiixee hubachiise.
Taatee qabatamaa amma argaa jiruun miidiyaaleen biyyattii tokko tokko tooratti deebi’uu baannaan gaaga’ama guddaa uumuu akka malanis yaaddoo qabu ibseera.
Gaazexessaa Abdiin yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kenneen akka jedhetti, waldhabdee Oromiyaa keessatti mudateen gaaga’amni ummata Oromoorra ga’e nama kallattiin gaaga’ama sana qooddachaa jiruuf hammam ulfaataa akka ta’e tilmaamuun rakkisaa ta’uu baatus isa alaala jiruufuu daran suukanneessaadha.
Gatii biyyattiin sababa kanaaf kaffalaa jirtus gatii akka salphaatti ilaalamu miti kan jedhu gaazexessichi, gufachuun omishaafi omishtummaa, mancaatiin qabeenyaafi badiin lubbuu akkuma jirutti ta’ee investearoonni biyya alaafi keessaa hojii misoomaarratti akka hinhirmaanne danqaa guddaa uumuu yaadachiiseera.
Hundaa ol, garuu araarriifi dhiifamni goodannisa sana hunda waan haquuf dhimmi ijoon araara yaadame milkeessuu ta’uus eereera.
Akka Gaazexessaa Abdiin jedhutti, godinaalee Oromiyaa rakkoon nageenya jirutti waa’een omishaafi omishtummaa, guddina gaaffii miti; gaaffii guddaan dhimma lubbuun jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.
Walshakkiifi walamantaa dhabuu yoo ta’e malee sababni waldhabdeen uumame araaraan hingoolabamneef kan hinjirre ta’uu eeree, harkifachuun amma mudates walshakkuurraa kan madde ta’uu hinoolu amantaa jedhu akka qabus ibseera. Araarri yaadame kan milkaa’u dantaa gartuu yookiin nama dhuunfaa eegsisuurra kan ummata bal’aarratti yoo fuuleffate qofa ta’uus himeera.
Gara aangootti dhufuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin walqabatee jijjiramni waggaa shan hincaalletti Itoophiyaatti mul’achuu eegale waan ormi waggaa 150 keessatti hojjechuu hindandeenyedha kan jedhu Gaazexessaa Abdiin; ta’us qaawwaa keessoo ormaaf karra saaquun ammaan tana jijjiirama, mootummaa jijjiiramaafi ummata bal’aa walitti abaaruun mul’ataa jiru kun Oromoon akka dhaabbatee of ilaaluu taatee akeeku ta’uus dubbateera.
Magaalaadhuma Finfinneellee yoo fudhanne jedha Abdiin, bara 2019 A.L.Atti wayita gara biyyaa dhufu lafti itti boqotan hinturre. Amma garuu Finfinneen akkuma maqaashee haala adda ta’een magaalaa hawwattuu yoo taatu isaaf jijjiiramaafi taatee ajaa’ibaa ta’us qaamni taa’ee itti yaadee jijjiirama kana abaaru akka jiru arguusaatti ni gadda.
Kunis qaamni jijjiiramaa biyya kana bulchuu Oromoo keessaa ba’uusaa yoo ta’e malee yakki biraa akka hinjirres hima.
Sadarkaa kamuurra haa jiraatu, ilaalcha fedhes haa qabaatu maqaan walumatti kan jedhu gaazexessichi, araarri kun orma rifachiisuunsaa akka jirutti ta’e Oromoon biyya tarkaanfachiisuu yoo fedhe walbaqachuurra walqabachuu walmufachuurra walqusachuun dhimma filannoo hinqabne akka ta’eefi nagaa buusuun ummata sodaa nageenyaa jala jiru boqochiisuun dirqama hundaa ta’uu akka qabu jala sarareera.
Gama birootiin, miidiyaaleen biyyattii tokko tokko sabdanessummaa biyyattii lagachuun sodaa tokko malee jibbaafi walshakkii labsaa akka jiran taajjabuu kan dubbatu gaazeexessaa kun; dhumaatii sukanneessaan adda durummaa miidiyaalee akkasiitiin Ruwaandaatti dhaqqabe Itoophiyaa wanti hinmudanneef waan hinjirreef mootummaan gamanumaa ittiyaaduu qaba, jedheera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
7 Comments to “ “Kutannoon jiraannaan araarri mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru jidduutti yaadame kan barfate miti” -Gaazexessaa Abdii Fiixee”