Seenaa Itoophiyaa keessatti jaarraan 19ffaan bara dukkanaa, bara qorqalbiin sabaafi sablammii itti jaame, bara abbaan lafaa lafasaarratti abbummaa dhabee; ciisanyaa itti ta’e, warri aangoo of harka galchatanimmoo irboo safarsiifachaa ofii ciisanii nyaachaa harqoota gabrummaa boquu lammiileetti fe’uun olaantummaa saba tokkoo, amantii tokkoofi aadaa tokkoon biyya hiraarsaa turaniidha.
Sirni sirna nyaatee wareegama qaaliifi obsa fixachiisaa hedduu booda barri ofiin of bulchuu hiree ofii ofiin murteeffachuu 1883 heerarra taa’een jijjiiramoonni jajjabeessoon haa galmaa’an malee akkaataa yaadameen hojiirra oolmaarratti rakkoo hamaa keessa ture.
Yaada deemsa keessa sirrata jedhuun guyyaan lakkaa’amus biyyi sabootashii walqixxummaan keessummeessuu dhabuun miidhamaa turte hiraarsaafi saamicha jalatti kufuun warraaqsi walirraa hincinne dhohee ilaalchiifi sirni waaroo tokkummaatiin haguugamee hubaatii qaqqabsiisaa ture hundeedhaa diigameera.
Har’a mootummaan jijjiramaa qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa aarsaa qaalii qeerroofi qarreen kaffalaniin aangootti erga dhufee waggoota shan lakkoofsiseera.
Gaazexaan Bariisaas Itoophiyaa kaleessaafi har’a ija Hayyuu Siyaasaatiin maal fakkaatti isa jedhuuf Ministira Aadaafi Ispoortii, Jaal Qajeelaa Mardaasaa waliin turtii taasise akkaataa armaan gadiitiin dhiyeesseeraa, seenaa dubbisaa.
Bariisaa: Itoophiyaa kaleessaafi har’aa akkamiin ibsitu?
Jaal Qajeelaa: Waa’een Itoophiyaa seenaa dheeraa qaba. Jaarraa 16ffaa duubatti deebinee ilaaluus nugaafata. Jaarraa 16ffaan ilmaan sabaafi sablammiileefi ummattoota Itoophiyaatiif jaarraa dukkanaa, jaarraa ilaalcha doofummaatiin saboonni itti hiraarsaa jala turan; qorqalbiin eenyummaasaanii kan itti miidhameedha jechuun ni danda’ama.
Ilaalchi siyaasaa doofaafi dulloomaan sun erga awwaalamee bubbuleera. Har’a biyya fefederalizimiin sabdaneessaa keessatti daraaree ija godhachuun dhandhamamaa jiru keessa jirra, kun jijjiirama guddaadha.
Bariisaa: Jaarraaa 16ffaa sana keessa qorqalbiin sabootaafi sablammiilee akka miidhamu kan godhe maal fa’i? Keessumaa kan Oromoo?
Jaal Qajeelaa: Dhugaa dubbachuuf jaarraan sun yeroo dukkanaati. Abbaan lafaa lafasaarratti abbummaa dhabee maqaan ciisanyaa jedhamu itti moggaafamee mootiif irboo safaraa ofii beela’aa ture.
Lafa akaakayyuu, akaakileefi habaabileesaarraa dhaalerratti abbummaa dhabee ofii qotee, haamee dhahee moototaaf irboo safara. Kanaan alas lafasaafi onasaarraa buqqifamaa harqoota gabrummaa jalatti hiraarfamaa tureera.
Bariisaa: Miidhaan sirni jaarraa sana keessa ture qorqalbii sabootaafi sablammootaarraan gahe akkamitti ibsama mee?
Jaal Qajeelaa: Saamicha qabeenyasaarra qaqqabuun ala eenyummaasaa ganamaa jechuunis Oromoon Oromummaasaa dhiisee eenyummaa ormaa akka gonfatu ta’ee mirga afaan ofiitiin dubbachuu, amantii fedhan hordofuu qabeenya ofiirratti abboomuu dhabuun kan ormaa itti fe’amee sirna doofaafi ilaalcha dukkanaa’aa baatee biyya bulchuun ukkaamsaa jala tureera.
Bariisaa: Hammam qorqalbiin eenyummaansaa sirna tureen miidhamus ijaaramaafi kabajamuu walabummaa Itoophiyaa keessatti qooda Oromoon ba’ataa ture akkamiin ibsitu?
Jaal Qajeelaa: Itoophiyaan jaarraa 16ffaa qorqalbii Oromoo, Oromummaafi kan saboota biraa haa jaamsituyyuu malee ijaaramaafi walabummaashii tiksuu keessatti ga’ee leencaa kan taphatu Oromoodha.
Omishaafi omishtummaa guddisuu keessatti yoo fudhatte, walabummaa biyyaa tiksuu fakkeenyaaf waraana Adwaarratti yoo ilaalte Oromoon shoora guddaa taphateera.
Ajajoonni waraanaa yeroo sana turan hedduun Oromoota. Lubbuusaanii hinwaakkanne. Jibba sirni moototaa Oromoof qabu sana of duubatti dhiisuun fardaafi lafoon addatti ba’anii loluun walabummaa gurraachotaatiif calaqqee kan ta’e injifannoo Adwaa lafeesaaniin dhaabanii dhiigasaaniin katabanii dhaalootaaf olkaa’uun har’a ittiin boonaa jirra.
Bariisaa: Kan ajjeese osoo taa’uu kara deemaan dhadhaa dibatee mataa filatee garmaama jedha Oromoon. Jaalalli Itoophiyaanummaa afaaniin, sirbaan moo wareegama qaaliin ibsama? Ragaa seenaafi olola ture akkamiin ibsitu mee?
Jaal Qajeelaa: Dhugaadha. Seenaan Itoophiyaa hedduun dabeeti kan barreeffame. Kanaaf sababa kan ta’emmoo dhiibbaafi jibba sirnoonni darban sabaafi sablammiileef qabaniidha.
Kun ta’us lola Adwaarratti gaggeeffame qofa fudhannee osoo ilaallee eenyu Itoophiyaaf jaalala sirrii qaba isa jedhu baruun hinulfaatu. Gootonni Oromoo hedduun har’a gootota Adwaa jedhamuun maqaan dhahamu hedduunsaanii waakkii lubbuu malee kiiloomeetiroota dheeraa imaluun seenaa rirmi hin nyaanne hojjetanii walabummaa Itoophiyaa gurraachotaaf fakkeenya taatee kabachiisuun darbaniiru.
Luba Magarsaa Badhasaa, Xaayituu Bixuul, Raas Gugsaa Walee, Baalchaa Abbaa Nafsoo, Habtagiwoorgis Dinagdee (Abbaa Malaa), Abbichuufaa maqaa dhahuun danda’ama.
Isaan kunniin ijaarama Itoophiyaafi kabajamuu walbummaasheef waakkii tokko malee dhiibbaa sirni dukkanaa’aa isaanirraan gahaa ture booddeetti dhiisanii Itoophiyaa har’aa kana nutti kennaniiru. Kanaaf gaafa waa’ee ijaarama Itoophiyaa kaasnu kan qooda guddaa ba’ate gama loltummaanis, aartiinis Oromoo ga’ee leencaa fudhata.
Bariisaa: Jaarraan 16ffaa Oromoo, sabaafi sablammootaaf bara dukkanaa qorqalbiin eenyummasaa itti miidhame ta’us kabajamuu walabummaa biyyasaatiif aarsaa qaalii kaffaluun biyya Itoophiyaa jedhamtu ijaareera. Itoophiyaan kun kabajamuun eenyummaa Oromummaaf bakka kenniteettii?
Jaal Qajeelaa: Hammam jaalala biyyaaf wareegama qaalii kaffalee biyyattii kabachiisuus sirni dhufee darbu marti Oromoorratti kan hojjetu malee Oromoof takkaa kan hojjete hinturre. Wayita sirni Minilik kufee Iyyaasuun aangoo qabatu Oromoofi Oromummaan ija godhata jedhamee yaadamus shiraan isa ajjeessisuun mul’ata Oromoo jaamsanii turan.
Lij Iyyaasuun du’us qabsoon Oromoo duubatti hindeebine. Atse Hayilasillaaseen aangootti dhufus ilaalcha dulloomaa sana keessaa ba’uu waan hindandeenyeef hiraarsi Oromoofi Oromummaarratti raawwatamaa ture cimee ittifufus qabsoon fincila diddaa gabrummaa bifuma sanaan babal’ataa kufaatii sirnichaatiif sababa ta’eera.
Bariisaa: Erga Dargiin gara aangootti dhufee Oromoonis ta’e sabaafi sablammiin kabajamuu eenyummaasaaniif qaawwa argataniiru?
Jaal Qajeelaa: Hamma tokko lafti qonnaan bulaaf kan jedhu hojiirra ooleera. Irboo safaruun, lafa ofiirratti ciisanyaa ta’anii ciisee nyaataa sooruun hafeera.
Ta’us gocha sirnoota dukkanaa atseewaniirraa kan hinxinnaanneen Dargiinis afaaniin lallabuu bira darbee kabajamuu eenyummaa sabootaafi sablammootaarratti hojii hojjete hinqabu. Dhiqaa sirna darbee waan ta’eef Oromummaafi Oromoon akka mataa ol hinqabanne taasisaa tureera.
Bariisaa: Erga Dargiin kufee booda sirni ADWUI kabajamuu mirga sabaafi sablammiileef hammam hojjeteera jettu?
Jaal Qajeelaa: Dhugaa dubbachuuf sabaafi sablammiileen mirga afaan ofiitiin barachuu, mirga daangaa bulchiinsaa naannoo qabaachuu, caasaasaa eeggatee mootummaa naannoo qabaachuu, amantii fedhan hordofuu argataniiru.
Jiraachuun sabaafi sablammiilee baay’ee kan baramellee sirna sana keessa ture. Ta’us sirnichi olaantummaa ABUTn kan hoogganamu waan ta’eef saamichi, hanni, sarbamni mirga namoomaa hedduu qaqqabaa tureera. Keeyyatoonni heerarra haa taa’an malee hojiitti hiikamanii arguun gaaffii namoota hedduu ture.
Sababuma kanaan dhiittaan mirgaa, ajjeechaan ilmaan sabaafi sablammii kabajamuu mirgasaaniif qabsaa’aniifi firoottansaaniirratti qaqqabaa ture suukanneessaadha.
Kun ta’us qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa qeerroofi qarreen Oromoo kallattiilee afraniin taasisaniin sirni ni jiga jedhamee hin yaadamne hurraa’ee daaraa botoroo ta’eera.
Bariisaa: Mootummaan jijjiiramaa erga biyya hogganuu eegalee waggootni shan lakkaa’amaniiru; haalota waggoota kaneen keessatti mul’atan akkamiin ibsitu?
Jaal Qajeelaa: Nuti paartii morkattootaati. Yeroo dheeraaf dhiibbaa sirna Wayyaaneerraa kan ka’e dirree qabsoorra turre. Jijjiirama dhufe hordofnee gara biyyaa dhufne. Kun kan nama gammachiisudha.
Kanamalees paartiileen morkattootaa akka sirna darbee bakkeetti kan dhiibaman osoo hintaane hojii hoggansaa keessattillee ABO dabalatee qooda akka fudhatan taasifamaniiru. Jalqabbiin jiru kan nama kakaasuudha. Miira waljifachuu osoo hintane waliin hojjechuu kan nugonfachiise waan ta’eef jijjiirama imala gaariirra jiruudha jechuun nidanda’ama.
Bariisaa: Kanneen mootummaan aangoorra jiru sirna tokkee deebisuufi, jedhan turaniiru. Isin maal taajjabdan?
Jaal Qajeelaa: Kun olola. Jaarraa kana keessa ilaalcha mootummaa tokkoo, amantii tokkoo, aadaa tokkoo afaan tokkoo ijaaruun waan yaadamu miti. Mootummaan jijjiiramaa kun federaalizimii sabdaneessaafi dimokiraasii dhugaa lafa qabsiisuuf kan hojjetu ta’uu qabatamaan agarsiisaa jira.
Bariisaa: Agarsiistuuwwan federaalizimii sabdaneessaa mootummaan lafa qabsiisaa jiru maal fa’i; kan sirni darbe ittifayyadamaa turerraa adda ta’e jiraa?
Jaal Qajeelaa: Sirni Wayyaanee heera barreessee waraqaarra kaa’uun ala hojiitti kan hiikee muraasa. Sabaafi sablammiileen hedduu mirga murteeffannaa hiree sadarkaa naannootti ijaaramu gaafatanii hinmilkoofne kanuma dura turetu waggaa 30 guutuu jajamaa ture.
Mootummaan jijjiiramaa erga gara aangootti dhufee as gaaffii ummataa giddugaleeffachuun naannoleen sagal turan amma gara 11tti guddataniiru. Kun sirna jijjiiramaa kanaan kan milkaa’eedha.
Kanaaf sirni jijjiiramaa mootummaa Doktar Abiyyiin durfamu federaalizimii sabdaneessaafi isa dhugaa kan lafa qabsiisu sabaafi sablammiileen qabeenyasaniirratti abbummaa akka qabaatan, afaansaanii akka guddifatan, aadaa, amantii fedhan akka hordofaniif kan hojjetuudha malee sirna mootummaa tokkee ijaaruuf kan kaayyeffate miti.
Bariisaa: Ga’umsa mootummaan jijjiiramaa kun siyaas dinagdeefi hawaasummaa Itoophiyaa gama maran cimsuuf qabu akkamiin madaaltu?
Jaal Qajeelaa: Ga’umsa siyaas dinagdeefi hawaasummaa mootummaan jijjiiramaa kun qabu ibsuuf mudannoowwan waggoota shan keessatti as mudataniifi akkaataa itti keessa darbamaa jiru qofa ilaaluun gahaadha.
Waraana Itoophiyaa kaabaatti mudateen walqabatee raafama guddaatu ture. Kanarrattis dhiibbaafi qoqqobbiin dinagdee akkasumas kan siyaasaa biyyoota lixaatiin Itoophiyaarraa qaqqabaa ture daran hamaadha.
Mootummaan jijjiiramaa kun ga’umsaafi bilchina akkasumas kutannoo siyaasaa cimaa waan qabuuf keessaafi alaan abidda keessa taa’ee mul’ata fi ergama qabatee ka’e milkeessuuf kan hojjetaa ture yoo ta’u, isas injifannoon keessa tareera.
Akkuma warqiin abidda meeqa keessa darbee miidhagee bahu sirni jijjiiramaa kunis keessaaafi alaan rakkoolee isa mudatan qolachaa Itoophiyaa hunda hammattu, hunda walqixa keessummeessitu ijaaruuf sochii taasisaa jiruun injifannoowwan guguddaan galmaa’aniiru.
Bariisaa: Mirga ofiin of bulchuu sabaafi sablammiileen gaafataa turaniifi sadarkaa naannootti akka ijaaramaniif yeroo eeyyamni kennamu Itoophiyaan diigamte bittinnoofte kan jedhan jiru isaan kana akkamiin ibsitu?
Jaal Qajeelaa: Sabaafi sablammiileen mirga ofiin of bulchuu mootummaa naannoo mataasaanii qabaachuun tokkummaa Itoophiyaa cimsa malee hinlaaffisu.
Itoophiyaan kan diigamtu yoo mirgi sabaafi sablammiilee kabajamuu dhabeedha. Murni ani sii beeka jedhu yoo dhalateedha. Kanaafuu federaalizimiin sabdaneessaa abbaa walqixxeessaati malee bittinneessaa miti.
Bariisaa: Hoggansi Doktar Abiyyi biyya bulchuu hindandeenye aangoo gadhiisuu qaba sagaleen jedhu dhaga’ama ture. Akka paartii morkataatti mee maal jettu, dhuguma Doktar Abiyyi hoggansarratti hangas mara komatamuu?
Jaal qajeelaa: Kun bololaa aangoo qabaachuurraa madde malee komii kan kaasisu hinjiru. Akkuman dura sii kaase hogganaan akkasaatti abidda keessa taa’ee biyya ittifufsiisu hinjiru.
Keessaa waraanaan alaa qoqqobbiin irratti murtaa’ee hammam mogolee buusuuf yaalamus hinmilkoofneefi ga’umsa siyaas dinagdeetiin agarsiisaniin badhaasa biyyattiif argamsiisaniiru. Kanaaf rakkoon jiraachuu danda’a. Ta’us injifannoon galmaa’aa jiru cululuqaafi kan nama jajjabeessuudha malee aangoo akka gadhi dhiisu kan taasisu miti.
Bariisaa: Dhimmi bololaa aangoo kun yeroorra yerootti ka’aa jira. ‘Gadi nuu dhiisaa, biyya diigamte baraarraa’ jechaa jiru isaan kun maal yaadaniiti?
Jaal Qajeelaa: Finxaalessummaafi miirri Oromoon biyya bulchuu hinqabu jedhu babal’ateera. Kun gabaabaatti jibba Oromoof qabaachuusaanii kan agarsiisuudha. Yoo nuti yoo hinbulchine biyyi ni diigamti yaanni jedhu yoomuu nu hintarkaanfachiisu.
Yoo dhibe siyaasa bishaan hinkaasneefi gabaan hinbarbaanne qabatanii burjaaja’uurra haala qabatamaa biyyattii jechuunis Itoophiyaan biyya sabaafi sablammii ta’uu; akka durii sirna mootummaa tokkee, amantii tokkee, afaan tokkeen bulchuun akka hindanda’amneefi ilaalchi doofaa akkasii awwaalamuu beekuu qabu.
Bariisaa: Warri waan Oromoon biyya bulchuu hindandeenye aangoo nuuf dabarsaa jedhan sirna dulloomaafi ilaalcha dukkanaa’aan oofamu waggoota dheeraa dura awwaalame kaasuuf kaka’u jedhamaatii kanarratti hoo maal jettu?
Jaal Qajeelaa: Jaarraa 21ffaa keessa teenyee duubatti deebinee sammuu jaarraa 16ffaatiin Itoophiyaa ijaarra jedhanii yaaduun fafummaafi haala yeroo Itoophiyaa wallaaluurraa kan maddeedha
Har’a ilaalcha akkasii calaqqisiisuu jechuun sirnoota doofaa jaarraa 16ffaa keessa turanirra fooyya’uu dhabuudha. Kun waan ta’eef warreen siyaasa naafaa akkasii qabatanii deeman of haaromsuu qabu; dhaloonni ilaalcha siyaasaa dukkanaa’aa akkasiitiif gurra qabus hinjiru.
Bariisaa: Dheebuu aangoof gururi’uurraa kan ka’e yaliin fonqolcha mootummaarratti gaggeessuu taasifamuu mootummaan yeroorra yerootti kaasaa ture, murnoonni kunniin wacaafi sirbaan mootummaarratti fonqolcha gaggeessuun aangoo qabachuuf; ga’umsa mootummaa wajjin walbira qabaa nuu kaasaa.
Jaal Qajeelaa: Mootummaan jijjiiramaa yeroo gara aangootti dhufee kaasee yaaliin fonqolchaa baay’ee gaggeeffamaa turuun ifadha, murnoonni kun kallattiilee gara garaan Oromoon biyya bulchuu hindanda’u yaada jedhuun hokkora uumanii aangoo dhuunfachuuf yaalii gara garaa taasisaniiru.
Kun ta’us mootummaan jijjiiramaa kun wacaafi sirbaan olola miidiyaatiin aangoorraa fonqolchamu akka hintaane qabatamaan agarsiiseera. Fonqolchi milkaa’uu dinnaan ciminasaa waan arganiif aangoo nuu gadhiisi yaada jedhuun dhageessisaa turaniiru.
Lij Iyyaasuu ololaan itti malanii ajjeesanii aangoo dhuunfataniiru. Ilaalchi kun keessasaanii jira. Haata’uutii jaarraa 21ffaa keessa taa’anii ilaalcha siyaasaa dulloomaa jaarraa 16ffaa barnoota ammayyaatiin hindeeggaramneen olola afarsuun, boo’uun, wacuun eessaanuu isaan hinga’u. Kaleessi har’a miti kaa.
Bariisaa: Akeekni gaaffii aangoo gadhiisii kanaa maalinni jettu? Moo akkuma gaaffii gaafateera jedhamee odeeffamuufiifi, laata?
Jaal Qajeelaa: Akkas jedhee gaafate jedhamuuf yoo ta’een ala kun waan maayii baasu miti. Gabaabumatti mootummaan jijjiiramaa amma aangoorra jiru wacaan olola miidiyaan kan kufu waan hintaaneef boo’icha keessaa ba’anii callisanii hojiisaanii osoo hojjetan wayyaaf.
Bariisaa: Duulli siyaasa Oromoo dadhabsiisuuf taasifamu dheebuu aangoof gururi’uun ala iyyi miidiyaa finxaaleyyii daangaa darbes hamaadha. Gama kanaan mootummaarraa maltu eegama?
Jaal qajeelaa: Miidiyaaleen ilaalcha finxalessummaatiin guutaman hedduun olola qabatamaa hintaaneefi jibba sabaafi sablammii gidduutti buusuun ilaalcha Oromoo ‘baalagizee’ jedhuun gadi qabuuf yaalii taasisaa jiru. Kanamalees mootummaa xiqqeessuuf duula bananiiru.
Miidiyaaleen naamusa, danbiifi seera ittiin bulmaataa qaban keessaa bahuun alseerummaadha. Kanamalees naamusa miidiyaa cabsuu waan ta’eef daangaa seeraa keessa socho’uu akka qabaniif hordoffiin gama mootummaatiin taasifamuu qabu cimuu qaba.
Hawaasni keenyas miidiyaalee finxaalessummaa lallabaniifi boohanii boochisanirraa of qusachuu qaba. Isaan kunniin farra ummataati. Farreen nageenyaa ilaalcha hawaasa walitti buusu baatanii deeman daldaltoota siyaasaa waan ta’aniif mootummaan callisaan bira darbuu hinqabun jedha.
Bariisaa: Injifannoowwan yeroo ammaa gama siyaasaafi dinagdeetiin argamaa jiran daran cimsuuf tarkaanfiin waldhabdee araaraan furuu Itoophiyaa kaabaatti hojiirra oole ija godhachaa jira. Isin kana akkamitti ilaatu?
Jaal qajeelaa: Biyya akka biyyaatti ittifufsiisuuf inni jalqabaa nageenya waaraa mirkaneessuudha.
Dhimma araaraan furamuu danda’utti waraana kaasuun siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa lammiilee hubuu waan ta’eef araarri furmaata guddaadhan jedha.
Gama kanaan rakkoo Itoophiyaa kaabaatti mudate furuuf tarkaanfiin araaraa fudhatameefi bu’aan galmaa’aa jiru mootummaa Itoophiyaa kan galateeffachiisuudha. Tarkaanfiin waldhabdee araaraan furuu kun ammallee gabbachuu mala yaada jedhun qaba.
Bariisaa: Qaamolee hidhatanii bosona keessa socho’aa jiraniin ummanni Oromoo gatii kaffalaa jira. Qe’eefi qabeenyasaarraas buqqa’eera. Kanneen aarsaa lubbuu kaffalanis hedduudha. Dhimmi kun ammallee yaaddessaa ta’aa jiraatii rakkoon kun akka furamuuf eenyurraa maaltu eegama?
Jaal Qajeelaa: Kan ajjeesus kan du’us qe’eefi qabeenyi golgolaa’us kanuma keenya. Kun nama gaddisiisa. Haadha Oromoo jireenya daandiirraatiif saaxilamte, abbaa Oromoo kadhaaf daandiitti ba’e, kan manni jalaa gubate, qabeenyi jalaa barbadaa’e caalaa wanni nama dhukkubu hinjiru.
Waldhabdeen kun araaraan akka xumuramu mootummaan hojiitti seenuun dubbatama jira. Kun hatattamaan osoo milkaa’ina argate nama gammachiisa.
Kan bosona jirus qaamuma keenya. Garaagarummaan siyaasaa jiraachuu mala. Isammoo otoo mariidhaan furuun danda’amuu waraana kaasuun gatii nukaffalchiiseera.
Kanabooda qaamni bosona jirus waamicha mootummaa dhaga’ee ilaafi ilaameefi mariin waldhabdee furuun akkuma keenya biyyasaaf hojjechuu qaba. Walumaagalatti mootummaarraas ta’e ABO Shaneerraa wanti eegamu yoo jiraate dhimma walisaan dhabsiisu mariin furuu Oromoon qe’eefi qabeenyasaatti ititee akka jiraatu gochuudha.
Bariisaa: Warra walnyaatu gidduudhaa waa nyaatu isa jedhu akka hintaaneef qaawwi qaamota kana lamaan gidduutti uumamu warra aangoof gururi’uuf haala hinmijeessuu?
Jaal Qajeelaa: Oromoon walitti bu’uun orma malee eenyuunuu hinfayyadu. Duris fudhannee yoo ilaalle finxaaleyyiin Oromoo gargar qooduun qaxxaamuraan nurratti daraaraa turte. Seenaan sun amma siyaasa itti dammaqameedha. Oromoonis kana beekee garaagarummaa jiru dhiphisuu qaba.
Finxaaleyyiin erga mootummaan jijjiiramaa kun hundaa’ees Oromoof ciisanii hinbulle; yaaliiwwan gara garaaa taasisaniiru. Sun milkaa’uufii didnaan har’a aangoo kadhachuutti taa’aniiru. Kun nuu galtee guddaa of eeggannoon itti nubarbaachisuudha.
Bariisaa: Fuulduratti Itoophiyaa akkamii arguu barbaaddu?
Jaal Qajeelaa: Fulduratti Itoophiyaa walqixxummaan sabaafi sablammii ittimirkanaa’e, mirgi ofiin ofbulchuu itti lafa qabate aadaan waldanda’uu, walkabajuu kan itti gabbate, garaagarummaan miidhagina ta’uu beekuun tokkummaasheetiif dhaloota waliin hiriiru, biyya dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan of geesse arguun fedha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015
5 Comments to “ “Jaarraa 21ffaa keessa teenyee ilaalcha jaarraa 19ffaa calaqqisiisuun Itoophiyaa har’aa wallaaluudha” – Jaal Qajeelaa Mardaasaa, Ministiraa Aadaafi Ispoortii”