Godina Arsiitti biqiltuuwwan nyaataafi misooma magariisaaf oolan diqaalomfamaa jiru

• Biqiltuun avokaadoo kuma 38fi 774 diqaalomfameera

Asallaa: Sagantaa misooma ashaaraa magariisaa baranaa milkeessuuf hojiin biqiltuuwwan nyaataafi misooma magariisaaf oolan diqaalomsuu hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Arsii beeksise. Biqiltuun avokaadoo omishtummaansaa olaanaa ta’e kuma 38fi 774 diqaalomfamuunis ibsame.

Waajjirichatti Abbaan Adeemsa Hojii Bunaa, Muduraafi Mi’eessituu Obbo Asraat Kaasaayee Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Aanaa Heexosaa, buufata biqiluu Shaaqii Shararaatti biqiloota nyaataafi bosoneessuuf oolan akaakuuwwan garagaraa diqaalomfamaa jiru. Akka godinaattis biqiltoota ganna dhufu dhaabuuf yaadame keessaa avokaadoo kuma 54 diqaalomsuuf karoorfameera.

Hanga ammaatti biqiltuun avokaadoo kuma 38fi 774 dhibbantaan 71 diqaaleffamuu himanii, buufata biqiltuu Shaaqii Shararaattis akaakuu avokaadoo Haasiifi Itiingaree jedhaman kuma 13fi 500 diqaaleffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Biqiloota diqaalomsuun sanyii biqiloota kunneenii fooyyessuun dandeettii dhibee dandamannaasaanii akka dabalu taasisuun omishaafi omishitummmaansaanii akka dabalu taasisa kan jedhan abbaan adeemsa hojii kun; sanyiin avokaadoon diqaaleffamaa jiru sunis yeroon firii kennuu waggaa saddeetirraa gara waggaa sadiitti kan gadbu’uu ta’uus dubbataniiru.

Inisheetiivii muduraafi kuduraa mootummaan diriirse milkeessuuf hojiin biqiltoota diqaalomsuu xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himanii; hojichis muduraafi kuduraa akaakuuwwan addaa addaa kanneen akka Gishxaa, Maangoo, Temiriifi kkf ta’uu eeraniiru.

Omishaalee garagaraa kunneen kilaastaraan omishuudhaan alergiif galtee guddaa akka ta’utti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Asraat; godinichatti qonna muduraafi kuduraa hektaara kuma torbarraa callaa kuntaala miliyoona 1.7 sassaabamuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti omisha kuntaala kuma 600 sassaabuun akka danda’ames ibsaniiru.

Inisheetiivii muduraafi kuduraa avokaadoo, gishxaa, temirii, zeeyituunaafi kkf dabalatee akaakuuwwan 12 irratti hojiin kilaasteraan misoomsuu cimee akka ittifufus dabalataan ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Obbo Gannaa Mahaammad gamasaniin, hojii ashaaraa magariisaan godinichatti hojjetamaa jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu dubbatanii; bara 2015 biqiloota miliyoona 254 dhaabuuf karoorfameera.

Yeroo ammaa biqiltuun gosa garaagaraa miliyoona 210 buufataalee biqiltuutti qophaa’aa jiran keessaa biqiltuun kuma 800 buufata Shaaqii Shararaatti qophaa’aa jira kan jedhan obbo Gannaan; sagantaa misooma ashaaraa magariisaan bosonni manca’an iddootti deebi’aa jiraachuufi qonnaan bulaanis bosona kanarraa omisha dammaafi nyaata looniif argachaa akka jiru ibsaniiru. Hojii eegumsa biyyeefi bishaanii lafa hektaara kuma 249 irrratti hojjetamaa jiras, jedhaniiru.

Biqituun kunneen akaakuu muduraafi kuduraa dishxaa, maangoo, zeeyitunaa, abukaadoo, akkasumas akaakuu bosonaarraa giraaviyaa, birbirsafi kanneen biroon buufata biqiltuu kanatti akka argaman ibsanii; dhaabbiif baatii adoolessaatti akka raabsamu himaniiru.

Gammachuu kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 30 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ Godina Arsiitti biqiltuuwwan nyaataafi misooma magariisaaf oolan diqaalomfamaa jiru”

  1. Pingback: DevOps Services
  2. Pingback: gunpowder
  3. Pingback: Coblo
  4. Pingback: aroundtravel
  5. Pingback: car detailing
  6. Pingback: Bilad Rafidain

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *