“Bitootessi 24 seenaa Itoophiyaa keessatti guyyaa injifannoo guddaadha” – Obbo Habtaamuu Kaasaa

Mootummaan jijjiiramaa kun qabsoofi aarsaa guddaa Qeerroofi Qarreen, hayyoonniifi ummanni Oromoofi Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa taasisaniin gara aangootti kan dhufe Bitootessa 24 bara 2010 ture.

Dhagaan Bu’uuraa Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa kaa’amee ifatti hojii kan eegales Bitootessa 24 bara 2003 ture. Waggaa 5ffaan mootummaa jijjiiramaafi waggaan 12ffaan ijaarsi hidhichaa bor waan ta’eef guyyaan kun seenaa Itoophiyaa keessatti guyyaa seenaqabeessaafi guyyaa injifannooti jechuun ni danda’ama.

Guyyaa kana sababeeffachuun Gaazexaan Bariisaa dheengadda bu’aawwan mootummaa jijjiiramaa kana keessa galmaa’aniifi kallattii gara fuulduraarratti xiyyeeffatee Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaatti, Hogganaa Ittaanaa Damee Industiriifi Ekisteenshinii Obbo Habtaamuu Kaasaa wajjin gaafdeebii taasiseera.

Dhagaan bu’uuraa Hidha Laga Abbayyaa kan kaa’ame Bitootessa 24 bara 2003 yoo ta’u, mootummaan jijjiiramaa kun gara aangootti kan dhufe ammoo Bitootessa 24 bara 2010. Isaanis kanaan walqabsiisuun Bitootessi 24 seenaa Itoophiyaa keessatti guyyaa injifannooti jedhu.

Bor guyyaa Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa ifatti hojii eegale waggaa 12ffaasaafi waggaa 5ffaa mootummaan jijjiiramaa kun gara aangootti dhufe waan ta’eef Itoophiyaafi ummata biyyattiif guyyaa seenaqabeessa yoomiyyuu hindgatamneedha jechuun ibsu.

Akka isaan jedhanitti, mootummaan jijjiiramaa kun gara aangootti erga dhufee as akka biyyaattis ta’e naannoo Oromiyaatti bu’aawwan guguddoon gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin galmaa’aniiru. Bu’aawwan kunneen wareegamaafi aarsaa qabsaa’onni keenya kaleessa kaffalaniin kan argame waan ta’eef injifannoo keenya tikfachaa jijjiirama caaluuf hojjechuu qabna.

Mootummaan jijjiiramaa kun akka dhufuuf keessumaa bara 2008 hanga 2010tti aarsaawwan gurguddoon manneen barnootaa, yunivarsitootaafi dhaabbilee gara garaa keessatti kaffalamaa tureera. Mootummaan jijjiiramaa kun akka dhufuuf qabsoon ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biyyattii waliin taasisaa ture gahee olaanaa qaba. Keessumaa ummanni Oromoo jijjiiramni kun akka dhufuuf aarsaa guddaa kaffaleera. Aarsaan kaffalamaa ture kan itti firii godhate Bitootessa 24 bara 2010 ta’uu dubbatu.

Jijjiiramoonniifi bu’aawwan waggoota shanan darban gama hundaanuu biyyattiitti galmaa’an Oromoon biyya gaggeessuu akka danda’u sirriitti addunyaatti beeksisaniiru. Geggeessummaa Oromootiin biyyi dinagdeenshee burkutaa’uu bira darbee idaafi mindaa hojjetaa mootummaa kaffaluu dadhabdee turte deebisee ijaaraafi pirojektii ijaarsa hidha Laga Abbayyaa madda hannaafi komii ta’ee turetti abdii kan hore mootummaa jijjiiramaa kana.

Hojiilee gurguddoo waggoota shanan darban keessa raawwatamaniin dinagdeen biyyattii cabiinsa guddaa keessa tureefi hededa boollaarra geessee turte gara tooraatti deebisuun danda’ameera. Waggoota shanan darban rakkooleen siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee baroota dheeraaf walirra tuulamaa turan hedduun kan furaman ta’uufi furamaa jiraachuu dubbatu.

Waggoota shanan darban sirni federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu sadarkaa barreeffamaarra darbee qabatamaan hojiin mul’achaa jiraachuu kan himan Obbo Habtaamuun, jijjiiramoonni waggoota shanan darban keessa mul’atan Itoophiyaan biyya taatee akka itti fuftu taasisuun gaaffileen ummataa irraa jalaan deebii akka argatu taasisaa jira. Bitootessi 24 barri 2010 guyyaa itti boqonnaa kaleessaa cufnee walqixxummaafi ida’amuun tarkaanfii gara fuulduraa itti jalqabneedha jedhu.

Waggoota shanan darban gama damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaatiin bu’aawwan guguddoon galmaa’aniiru. Rifoormiiwwan dhaabbilee adda addaatti adeemsifamanis bu’aalee guguddoon akka galmaa’an taasisaniiru. Gama qonnaatiinis qamadii alaa galchuun hafee alatti erguun danda’ameera. Kun biyyattiitti seenaa addaati jedhu.

Gama barnootaatinis Manneen Barnootaa Bu’uura Borii Oromiyaa keessatti ijaaraman yoo ilaallu seenaan ajaa’ibaa galmaa’eera kan jedhan Obbo Habtaamuun, manneen barnootaa bu’uura borii kumaatamaan lakkaa’aman hirmaannaa ummataatiin ijaaramaniiru.

Dhaloonni hinbaranneefi dinagdeedhaan of hindandeenye eessayyuu ga’uu waan hindandeenyeef barnootaafi dinagdee naannichaas ta’e ummataa cimsuufi ijaaruurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Manneen barnootaa bu’uura borii ijaaramanis bu’aawwan waggoota shanan darban galmaa’an keessaa adda durummaan eerama.

Jijjiiramichi gaaffiilee ummanni Oromoofi saboonniifi sablammoonni biyyattii biroon gaafachaa turanirraa jalaan deebi’aa jiraachuu himanii, mirga dimokraasii lammiilee deebisuufis karaa dheeraan deemameera. Namoonni ilaacha siyaasaatiin hidhaman hedduunis gad lakkifamaniiru jedhu.

Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa sirna ADWUI keessa sadarkaa dhaabbachuurra gahee tures mootummaa jijjiiramaa booda qulqullinaafi ariitiin hojjetamaafi abdii ummataafi biyyattii dhugoomsaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa ijaarsi hidhichaa %90 irra gaheera. Ijaarsa hidhichaa humni elektirikii ga’aan akka jiraatu taasisuun hojiilee damee ivastimantiifi manifaakcheriingii akka babal’atan taasisuun carraa hojii bal’aa uumuu, humna elektirikii gara biyyoota ollaatti gurguruun galii sharafa alaa argamsiisuun dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Dargaggoonni, hayyoonniifi ummanni keenya jijjiiramni kun akka dhufuuf aarsaa guddaa akkuma kaffalan jijjiiramicha itti fufsiisuufis aarsaa isaanirra eegamu kaffaluu akka qaban yaadachiisanii, keessumaa dargaggoonni jijjiirama aarsaa guddaa itti kaffalanii fidan utubanii fuunduratti tarkaanfachiisuufi ceesisuu ammas taanaan aarsaawwan guguddoo kaffalaa jiru. Keessumaa ejjennoofi tokkummaa dargaggoonni Oromiyaa jijjiiramicha utubuufi ittifufsiisuuf taasisaa jiran abdachiisaadha jedhu.

Hirmaannaa dargaggoonni raayyaa ittisa biyyaafi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannichaas ta’e biyyattii eegsisuu keessatti qaban jajjabeessaafi fakkeenyummaa guddaa kan qabu ta’uu himanii, dargaggoonni utuu nuyi jirruu biyyattiin diigamuu hinqabdu jechuun dambalii guddaa uumee fedhiisaatiin raayyaa ittisa biyyaatti makamuun nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa waan jiruuf dhaloonni kunis seenaa mataasaa galmeessisaa jira jedhu.

Geggeessummaan biyyaa dinagdeefi teknolojiidhaan yoo hinutubamne siyaasa qofaan karaa dheeraa deemuun waan hindanda’amneef hawaasa madda dinagdee qabu horachuuf mootummaan xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jira.

Hojiileen gama damee qonnaa, manufaakcheriingii, konistiraakshiniifi tajaajilaatiin raawwatamaa jiran dargaggoonni carraa hojii bal’aa akka argatan taasisuurra darbee dinagdee ummataafi biyyattii utubuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru. Hojiileen gama kanaan raawwatamaa jiran sirnichi akka ittifufu taasisuu keessattillee gumaacha olaanaa akka qabu dubbatu.

Waggoota shanan darban hojiileen carraa hojii uumuuf raawwataman jajjabeessaa ta’anis lakkoofsa dargaggoota hojidhabeeyyiifi carraa hojii argatanii waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu ammayyuu kan hafu ta’uu eeranii, keessumaa dameen qonnaa dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumeera.

Aadaan hojii dargaggootaas jijjiiramaa dhufeera. Mootummanis dargaggoota damee hojii qonnaarratti bobba’aniif tiraaktara, kombaayinaroota, motoora paampii bishaanii, lafa qonnaafi galteewwan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf barbaachisan dhiyeessaafii jira.

Kun dargaggoonni bal’inaan gara hojii qonnaatti akka galan taasiseera. Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa ittifufiinsaan furuun ammayyuu gaaffii mootummaan xiyyeeffannaa guddaa kenneefii irratti hojjechaa jirudha. Dargaggoonnis injifannoo gama siyaasaatiin fidan dinagdeedhaan irra deebi’uuf irree jabeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hojiilee waggoota shanan darban raawwatamaniin bu’aawwan gurguddoon galmaa’anis rakkooleen jijjiiramicha gufachiisuuf mudatanis hedduudha. Waraanni, hongeefi rakkoon nageenyaa qormaatawwan gurguddoo mudataniidha.

Jijjiiramoonniifi bu’aawwan gama hundaan galmaa’aa jiran rakkooleefi qormaatawwan mudataniin utuu hingufatiin ititanii gara fuulduraatti akka tarkaanfataniif tokkummaan ummataafi dargaggoota naannoofi biyya keenyaa murteessaadha. Tokkummaa yoo qabaanne, rakkoo keenya mariifi ilaafi ilaameen furachaa kan deemnu taanaan abadan diinni keenya nu cabsuu hindanda’u.

Ummanni Oromoo saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii waliin ta’uun biyyattii ijaaruu keessatti gahee angafaa qaba. Kanaafuu jijjiirama gufuuwwaniifi ibidda keessa dhaabbachuun galmaa’e kana ittifufsiisuuf ummanni Oromoo tokkummaan gahee hangafummaasaa bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hiriira tokkorra dhaabbannee hiree ummata keenyaa deebisuufi gaaffiileen ummataa ammayyuu hindeebine irraa jalaan deebii akka argatan taasisuun ce’umsaafi tarkaanfii keenya gara fuulduraaf daran murteessaadha kan jedhan Obbo Habtaamuun, ummanni Oromoo saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii waliin tokkummaafi jaalalasaa jabeeffachuu akka qabus yaadachiisaniiru. Sirni Gadaa, aaadaafi duudhaan Oromoos Oromoo ganamaas kanuma kan agarsiisu ta’uu himaniiru.

Dargaggoonni Oromoo jijjiiramoota gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin akka naannichaattis ta’e biyyaatti galmaa’aa jiran kara fuulduraattis cimanii akka itti fufaniifi dinagdeedhaan akka utubamaniif carraawwan hojii naannicha keessa jiran hundatti sirnaan fayyadamuufi halkanii guyyaa hojjechuu akka qaban gorsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ “Bitootessi 24 seenaa Itoophiyaa keessatti guyyaa injifannoo guddaadha” – Obbo Habtaamuu Kaasaa

  1. Pingback: try these out
  2. Pingback: live naked girls
  3. Pingback: go to this site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *