Tarree shororkeessaarraa haqamuu ABUT: Tarkaanfii nageenya itichuuf fudhatame

Nagaa gadheen, waraanni gaariin hinjiru. Nagaan yoomiyyuu gaariidha. Waraanni yoomiyyuu gadheedha. Utuma mo’annaan jiraatteellee waraanni gadheedha; waan namni ajjeefamuuf.

Faayidaan nama ajjeesaa argamu hinjiru. Waraanni hinxumuramne akka bishaan gingilchaati. Dirqama ta’ee waraanni jalqabamnaan ammoo dafee goolabamuu qaba.

Ta’uu baannaan akkuma bishaan gingilchaan budduuqsanii bakka tokkoo gara biraa geessuun hindanda’amneeti. Calluma jedhanii waraana geggeessaa jiraachuun hindanda’amu.

Waa’eedhuma waraanaa keessa naannofna yoo ta’e, waan yaadne milkeessuu hindandeenyu. Waan tokko ittifufsiisuuf waan biraa dhiisuu qabna. Nagaafi badhaadhina ittifufsiisuuf waraana dhaabuu qabna. Kanaaf jecha waraana dhaabuu akka filmaata duraatti kan fudhatamu.

Nagaan cimsamee kan barbaadamuuf waan irraa buufatamuufi. Fakkeenyaaf biyya keenya yoo fudhanne nagaarraa kan buufattu Itoophiyaafi ummatashiiti. Nagaan bu’aaqabeessa. Nagaa kan jibbu daldaltoota waraanaati. Nagaan yeroo hunda nu barbaachisa jechuun waa’ee mi’aa nageenyaa ibsan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad al tokko.

Tarkaanfiin Manni Marii Bakka Bu’oota Ummata Roobii darbe ABUT (TPLF) waggoota lamaaf tarree shororkeessaa keessa ture kaasuuf fudhate waliigaltee nageenyaa Onkoloolessa darbe Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti mallatteeffame daran kan cimsuudha.

Akka Komishinarri Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa jedhanittis, tarkaanfichi waliigaltee nageenyaa heera biyyattii bu’uureffateefi haala faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuun irra gahame itichuu keessatti shoora olaanaa qabaata.

Tarkaanfii mana marichaa kana hordofees Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Obbo Geetaachoo Raddaa pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay taasisuun muudaniiru.

Waliigaltee nageenyaa mootummaafi garee ABUT gidduutti uumame lafa qabsiisuuf, namoota miidhaman deeggaruufi haalatti warri yakka raawwatan ittigaafataman akkasumas tokkummaan ummatootaa cimuu danda’u mijeessuuf itichuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata.

Kana malees ummanni Naannoo Tigraay tajaajila maluuf akka argatuuf darbees mana marichaatti teessoo argatee dhimma biyyasaarratti walqixa akka murteessuufi hirmaatu gochuu keessatti ABUT tarree shororkeessaa keessaa haquufi pirezidaantii mootummaa yeroo naannichaa hoogganu muuduun tarkaanfii sirriifi nageenya dheebotame dhugoomsuu keessatti iddoo olaanaa qabuudha.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Tarree shororkeessaarraa haqamuu ABUT: Tarkaanfii nageenya itichuuf fudhatame”

  1. Pingback: read

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *