Safuu bade deebisuu, kabaja kufe kaasuufi hamilee cabe fayyisuu akeeka kitaaba DHALOOTA IDA’AMUU

Kitaabni DHALOOTA IDA’AMUU Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin afaanota sadiin, Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliiffaan barreeffame Sanbata darbe bakka qondaaltonni mootummaafi keessummoonni adda addaa argamanitti sirna ho’aadhaan eebbifameera.

Sirnicharratti hayyoonni gara garaa xiinxala kitaabichaa kan dhiyeessan yoo ta’u, nutis maxxansa kanaan xiinxala Barsiisaafi Qorataan Ogbarruufi Falaasama Afrikaa Doktar Yooseef Beekoo haala nama hawwatuun dhiyeessan akka ittaanutti isin dubbisiisna.

Duraan dursee barreessaa kitaaba, “DHALOOTA IDA’AMUU” Doktar Abiyyi Ahmadiin baga eebba Kitaaba seenawaa kanaatiin isin ga’en jedha.

Cuunfaa Kitaabaa

“Isa Kitaaba barreessu natti himi, isa adunyaa geggeessu sittan agarsiisa” jedhama.

Barreessichi Kitaaba “DHALOOTA IDA’AMUU”tiin

Seenaawwan dhaloota Itoophiyaa kaleessaa, kan har’aafi kan boru keessatti muudannoo fokkistuufi miidhagduu, tibbanni wallaalummaafi beekumsaa, taateewwan walganuufi walamanuu, barootni dukkanaafi ifaa, kufaatiifi milkaa’inaa akkasumas kanneen biroo maal akka turan/ta’an daran addeesseera.

Barreessituun ‘Emily Gaffin’ jedhamtu, “Kitaaba barreessuun, dhala godhachuun qixxeedha” jetti. Kitaaba barreessuun ciniinsu, bu’aafi ba’ii guddaa qabaachuusaa agarsiisa.

Barreessaan kitaabichaa, miidhagina bifiyyeefi bilchinaa qabiyyeetti fayyadamuun akkasumas, beekumsaafi muuxannoo ofiirraa ka’uun waa’ee dhimmoota dhalootaa dugduubaa hanga fuulduraa jiranii waa hedduu kaaseera.

Xiinxala agarsiisa falaasamaa

Kitaabichi akkuma baroota adda addaa keessatti falaasamoonni adda addaa uumaman, yaadamni haaraa IDA’AMUUs falaasamaafi beekumsa xabboo Afrikaa ta’ee ilaalamuu danda’ama. Barataan damee Falaasamaa, Burak Arik, jedhamu, “Maddi falaasamaafi beekumsa tokkoo kitaabota dubbiffamaniin caalaa muuxannoo qabatamaa dhalootaarraa yoo finiine, falaasamichi dhaloota sababaan amanu uumuuf gumaachisaa olaanaadha” jedha.

Kanaaf, yaadamni Ida’amuu dhaloota keessa jiruuf tokkummaa waaraa utubuun jijjiirama ad-hawaasummaa, siyaas-dinagdeefi qaroom-teknolojii fiduuf kallattii agarsiiseera.

Kitaabni DHALOOTA IDA’AMUU dhaloota darberraa barachuu, dhaloota ammaa qajeelchuufi dhaloota dhufuuf hojjechuun akka barbaachisu hubannoo kan kennuudha.

 “Milkaa’inni hubannoo baraafi dhalootaa maddi isaa sansaka namootni dubbisuun argataniidha” jedha ‘Loiuse Rosenbalt’.

Kitaabicha dubbisuun booda, amalaafi maalummaa dhalootaa hubachuuf yaadrimee, Fuulduratti darbatamuuf, duubatti aggaammachuun dirqama jedhu waliin kan walmasakuudha.

Barreesssichi jechoota lubbuu horataniin, dhalootni Itoophiyaa ammaa kan isa darbee olkaasee arbeessuu ykn gadibuusee xiqqeessuu osoo hinta’in kufaatiifi milkaa’inasaanii darberraa barachuun, Itoophiyaa ammayyeessuufi guddisuu keessatti gahee mataasaa taphachuu akka qabu agarsiisa.

Barreessichi calaqqee amalootaafi sosochi

siyaasaa biyya keenya bu’uura godhachuun dhaloota darbee hanga ammaa latiinsa afuritti qoodeera:

  1. Dhaloota Cichaa– Dhaloota sona qabu; roorroo diinaa cichee ofirraa ittiseefi Itoophiyaa ammayyoofte ilaaluuf hedduu dhama’eedha; haata’u malee, haalli siyaas-dinagdee yerowwaan abboonni lafaa, lafa qotee bulaa dhuunfachuun qotee bulaa ciisanyaatti hambise kan tureedha.
  2. Dhaloota Dharra’aa– Dhaloota, bara 1960mootaa, dararama hedduu dabarsuun carraa miidhagduu ofjalaa gubuun, “dhaloota san” jedhamuun qubni kan itti qabameedha. Dhaloota isa durse irratti, “Lafti Qonnaan Bulaaf” jedhee qabsaa’eedha. Dhaloota malaaf-beekumsa xabboo ofii dagatee, furguggee falaasama (Soshaalizimii) biyya adiitiin booji’ameedha.
  3. Dhaloota Burjaajjii– Dhaloota ga’eessa kufaatii mootummaa Dargiitti aanee; jalqaba Sirna ADWUIti. Dhaloota ilaalcha keessoo SoshaalizimiItti qabsaa’ee, yeroo injifannootti sirni kappitaalizimii bilchaate isa eegeedha- (Kan sirbinuuf farsoo, farsoonuu dhangala’eera akkuma jedhamu). kanarraa ka’uun toora siyaasa biyya ceesisu walitti jalaa bu’uun, yeroo walitti bu’iinsi sabaafi amantaan itti dagaage- dimookraasiin itti dagatame ture.
  4. Dhaloota Keessummaa– Dhaloota barii barkumeeti. Siyaasa garaagarummaan kan guddate. Miidiyaa hawaasaatiin kan booji’ame, aadaa, safuufi kabaja hawaasummaa kan jalaa dimimmisaa’e.

Dhaloota carraa hedduu uumuu danda’u garuu, miira nuffii, abdii kutannoofi eeggattummaan isa miidheedha. Dhaloota addunyaan argaa yaadaa isaa, qabatama biyya isaa waliin walitti hinaraaramneefiidha.

Dhaloota seenessama tokkummaafi jaalalaa osoo hin ta’in, kan garaagarummaafi jibba firii itti buuseedha. Biyyi koo maal naaf gootee malee, biyya koof maalan hojjadhaa hedduu kan dagateedha. Haalli addunyaa dimokiraasii shaakaluuf carraa kan kennuuf ta’uus, gahee isaa bahachuuf hedduu kan irraa eegamuudha.

Goolaba xiinxalaa

Barreessichi muuxannoofi beekumsa ofirraa ka’uun dhaloota qalama isaatiin jajuu ykn kobbee isaatin ciguu osoo hin ta’in, ija-madaalawaan calaqqee dhugaa dhalootaa haala irraa baratamuu danda’uun kaasuuf daran yaaleera.

Jiijiramni, guddinniifi qaroominni hawaasaa ykn biyya tokkoo kan dhufuu danda’u abjuufi fedhii qofaan osoo hin ta’in, shoora ofii haalaan taphachuun ykn dirqama ofii rogatti bahuu qofaan ta’uu ibseera.

Dhalootni ida’amuu rakkoowwan wantootaa qeenxee ta’an osoo hin ta’in hiikkoo qindiiminaa walootiif hojjachuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisa. Aristootilis, yaada bu’uuraa kana kaaseera- Waloon ida’ama garee wantoota qeenxeewwanirra filatamaadha (“The whole is greater than the sum of its parts”) yaada jedhu deeggara.

Rakkoowwaniifi qoraattii dhalootaa gam-hundee hiikuuf akkamitti itti dhiyyachuun barbaachisa? jedhuuf,“Tokkummaa sabdaneessuummaafi gamtooma walqixxummaatiin…,” falaasamaafi yaadama keessoo ykn Afrikaa ta’een Hasaasa Hawaasatti (Public Discourse)tti fiduun mariidhaan firii kitaabichaa bu’a qabeessa gochuun barbaachisaadha.

Yaada Xiinxalaa

Dhalootni Ida’amuu: Safuu bade kan deebi’su, kabaja kufe kan kaasu, hamilee cabe kan fayyisu ta’uu akka qabu akeeka barreessichaarraa hubachuun danda’ameeras!!!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Safuu bade deebisuu, kabaja kufe kaasuufi hamilee cabe fayyisuu akeeka kitaaba DHALOOTA IDA’AMUU”

  1. Pingback: dee88
  2. Pingback: fuck girl
  3. Pingback: ufazeed
  4. Pingback: aroundtravel
  5. Pingback: best models

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *