“Gufuun jijjiiramuu dhabuu qonna keenyaa sirna barnootaa keenya” – Doktar Addunyaa Waaqjiraa qorataa qonnaa

Qonni biyya keenyaaf lafee dugdaa ta’uun iccitii dhimma ifatti beekamuufii irradeddeebiidhaan ibsameedha. Mootummaanis ammaan tana dhimma kana waan sirriitti hubateef damichaaf yeroo kamuurra xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jira. Keessumaa tattaaffiin qonna ammayyeessuuf taasifamaa jiru kan abdii namatti horuudha.

Hayyuun Gaazexaan Bariisaa dhamma qonnaafi isaan walqabatanirratti dubbise Doktar Addunyaa Waaqjiraa jedhamu. Hayyuu gameessi kun Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa waggoota shaniif daarektara ittaanaa ta’uun hogganan; sanyiilee midhaan quyyisaa naannaawa gammoojjiitti omishaman kanneen akka saliixiifi lawuziifaa qorachaa turan. Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Malkaa Wararittis ittigaafatamummaa waggoota lamaa dabalatee waggoota 10f tajaajilaniiru.

Bara 1985 Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Hoolotaatti jijjiiramuun midhaanota baddaa qilleensa baddaatiif ta’an kanneen akka nuugii, talbaafi raafuufaa qorachaa turan. Keessumaa isaan talbaarrattii xiyyeeffachuun qorataniiru. Walumaagalatti sanyii filatamaa midhaanota gammoojjiis ta’e baddaa 21 miiltoowwasaanii wajjin ta’uun baasaniiru.

Akkasumas qorannaa sanyii filatamaa kanaan sanyichi yeroo akkamii akka facaafamu, dandeettii dhibee dandamachuusaa, kunuunsa akkamii akka barbaadu, omisha akkamii akka kennuufi kkf qorachaa turan; waggaa 38f dursaa garee qorannoorraa eegalee hanga daarektara ittaanaatti gitoota hojii 12 irratti ittigaafatamummaan hojjechaa turaniifi soorama bahanii dhaabbata Kooriyaa Kibbaa tokko gorsuurratti bobba’an wajjin mana jireenyaasaaniitti argamuun dubbiseera.

Mooraan mana jireenyaa hayyuu kanaa akaakuuwwan kuduraafi muduraa akkasumas magarsiisummaa uffateen dhugumatti ogummaa isaan irratti bobba’an kan agarsiisuudha. Biqiltuuwwan mooraasaaniirraa mul’atan qe’ichi kan eenyuu akka ta’e waanuma afaan baasanii dubbatan fakkaatu, fakkaachuu qofa miti mallattoo addaa ta’ees mul’ata. Nutis qe’ichi kan Doktar Addunyaa Waaqjiraa ta’uu alaalumatti kan beekne mallattoodhuma magariisa kanaan waan ta’eef.

Nutis bu’aa dhamaatiisaanii kan ta’an muduraawwan adda addaa kanneen akka avokaadoo mooraasaaniitti misoomaa jirurraa dhandhamachaa isaan wajjin turtii gaarii, hubannoo namaa cimsu taasisneerra.

Hayyuu buleessi kun digriisaanii jalqabaa saayinsii biqiltuutiin, lammaffaafi sadaffaa ammoo waa’ee talbaa qorachuun tajaajilaa turan. Barnootasaanii olaanaa Afrikaa Kibbaafi Kanaadaatti kan hordofan yoo ta’u, turtiisaanii kanaan caalaatti kan hojjetan midhaanota quyyisaarratti.

Gaazexaan Bariisaa seenaa bal’aa hayyuu kanaa maxxansasaa ji’a Caamsaa bara 2011 bal’inaan kan dhiyeesse ta’uu yaadachiisaa; ammaaf ammoo gaaffiilee, “Tattaaffiin Itoophiyaan midhaan nyaataatiin of danda’uuf taasisaa jirtu akkamitti ibsama; bu’aafi faayidaan qonna magaalaa adeemsifamaa jiruu akkamitti madaalama” jedhaniifi kkf irratti dubbiseeraa deebiifi yaadnisaaniis kunoooti.

Bariisaa: Haalli midhaan nyaataatiin of danda’uu keenya akkamitti ibsama mee Doktar? Rakkooleen damee qonnaa keessa jiran hoo haala kamiin ibsamu?

Doktar Addunyaa: Akka hubannoofi mil’annaa kootti rakkooleen damichaa kan turan, bal’aafi walxaxaafi kan walhinfakkaannee, (com¬plex & diversified) jechuudha.

Kanaaf dhiyeessii teknolojiifi beekumsaatiin yeroo gabaabaa keessatti kan furaman miti. rakkooleen kunniin hanqinoota imaammata dinagdee, hawaasummaa, aadaa, bu’uuraalee misoomaa biyyattii wajjin walqabatu.

Dhugaatti teknolojiiwwan hanga ammaatti bahaniif beekumsiwwan baay’inaan, qulqullinaafi yeroodhaan bakkawwa hundatti humna qonnaan bulaan bitachuu danda’uun dhiyaachuu qabuuyyu.

Qonnaafi horsiisee bulaan waa’ee hojmaataafi ittifayyadama teknolojii, maloota qusannaa (qabeenyaafi baay’ina maatii)fi kkf barachuu, hubachuufi hojiirra oolchuu danda’uu qabaayyu. Waantonni kunniin kanneen kan dhufan adeemsa keessa malee haala nuti barbaadnuun altokkotti ta’uu akka hindandeenyes hubachuun gaariidha.

Waliigalaan garuu qonnaan bulaa dabalatee aadaan hojii hunda keenyaa, tooftaan ittifayyadamaafi hojmaataa, malli sadarkaa jireenyaa tokkorraa gara biraatti ce’amuun (business skills) sakatta’amuu qaba.

Kanneen hunda raawwachuuf dameen qonnaa xiyyeeffannaa imaammataa ga’aa, ramaddii bajataa, ogeessa beekumsaafi muuxannoo ga’aa qabu, sirni to’annoofi hordoffii diriirfamuu barbaachisa.

Qonnaan bulaarratti ashuurri humnasaatii ol ta’e buufamuu hinqabu. Oggaa balaan uumamaas ta’e namtolchee isa mudatus haaluma eegalame kanaan beenyaa isa barbaachisa.

Ija kanaatiin seenaa misoomaa mootummaa biyya kanaa darbanii oggaa ilaallu afaaniin faarsuufi fakkeessuurra kan darbe miti. waliigalaan hojiin damicharratti hojjetame ga’aa hinturre jechuudha.

Agarsiistuu qabatamaa ta’uufii kan danda’u ramaddii bajataasaati. Qonni omisha waliigalaaa biyyattii harka 50 ol gumaachaa bajanni isuma deebisanii misoomsuuf ramadamu hanga yeroo dhiyootti dhibbantaa 14 darbee hinbeeku. Kanaafuu, iddoowwaniifi haalota xiyeeffannaa addaan baasuudhaan funcaawwan omishaa hangaa soorannaatti jiran utubuun barbaachisaadha.

Qonni bu’uura dinagdee keenyaa waan ta’eef sirriitti utubuun dirqama. Yaadamniifi ilaalchi boodatti hafaan hundi keenya qonnarratti qabnu jijjiiramuu qaba. haala amma irra jirruun yoo qonna tuffanne ykn hinutubne beelaafi hiyyummaa keessaa bahuu hindandeenyu.

Qonni akkuma dameelee hojii bu’aaqabeessa ta’ee qonnaan bulaa keessumaa daraggoota hawwachuu qaba. Akka kun tiraaktaroota, maashinii ittiin haamamuufi dha’ufaan bittaadhaanis ta’e kiraadhaan yoo argameedha.

Kanaafuu, qonnaan bulaa gurmeessuudhaan tajaajila akkanaatiif haala mijeessuun dirqama. Akka waggaa guutuu qotuufi sassaabuu dadnda’aniif tajaajilli jallisii murteessaadha. Sanyii filatamaan, xaa’oon, farri ilbiisaa/dhibee, qonnaan bultoota galteewwan bitachuu hindandeenyeef tajaajila liqiifi hirpha addaa barbaachisa.

Tooftaalee omshaa qofa otoo hintaane haala gabaa, bu’aaqabeessummaa, aadaa qusannaafi ittifayyadamaa barnootaafi mariidhaan gabbachuu qaba. Waliigalaan nyaataan of danda’uufi guddinawwan ittaananiif qonni imaammataan, teknolojiidhaan, barnootaan, beekumsaafi galteewwan muuxannootiin cimsuu barbaachisa.

Imaammata lafaa falmisiisaa dabalatee dhimmoonni qonnaaf galtee ta’uu danda’an kanneen akka gabaa, geejibaa, industirii, anniisaafi kkf sakatta’amanii sirreessuu barbaachisa. Waliigalaan karoorriifi raawwiin hundaa dhiyeenyaan ilaalamaa hordoffiifi deeggaruun ni barbaachisa.

Bariisaa: Dhaabbileen qorannoo qonnaa gumaacha irraa eegamu bahachuuf hammam tattaafataniiru? Nyaataan of danda’uurra dabarree abdii gama qamadiitiin jiru akkamiin ibsitu?

Doktar Addunyaa: Akkuman irranatti ibsuuf yaale dhaabbileen qorannoo qonnaa imaammata, sirna, gurmaa’ina, hojmaata, hoggansaafi beekumsa mootummootaa turan keessa ta’anii teknolojiiwwan kuma sadiifi beekumsawwan dhiyeessuudhaan; sanyiiwwan ka’umsa teknolojii baay’isuufi raabsuudhaan hojii guddaa hojjetaniiru.

Wiirtuuwwan hojjetanii agarsiisuutti hojiilee raabsa duraa raawwachuudhaanis tattaaffii gamasaanii taasianiiru. Dhaabbilee walfakkaatoo biroo wajjin ta’uunis kan gamasaanii yaalaniiru. Kanaafuu, baay’inni ummata Itoophiyaa oggaa dhaabbanni qorannoo qonnaa hundaa’u miliyoona 25 ture amma miliyoona 110 xiqqaatus nyaachisuuf yaalameera. Ta’us kun ga’aa akka hintaane hund keenya ni amanna.

Omishtummaa midhaanota baay’ee kanneen akka qamadii, garbuu, boqqolloo, misingaafi kkf hanga dachaa shaniitti guddateera. Fakkeenyaaf omishummaan qamadii kan waggaa 50 har’aafi isa duraarra adda addummaa guddaa qaba.

Kan qonnaan bultoota moodeelaafi jallisiidhaan omishamu lakkoofsisaa olaanaa ta’uun waanuma ifatti beekamuudha. Kanaafuu, tibba gannaafi bona ammoo jallisiidhaan akka omishamuuf galteewwan barbaachisoon keessumaa sanyii filatamaan, xaa’oofi farri aramaa gatii madaalawaa qonnaan bulaan bituu danda’uun yeroodhaan yoo dhiyaateef qamadiidhaan of danda’uun ni danda’ama jedheen amana.

Yoo gargaaramaniifi bu’aaqabeessa ta’an nyaataan of danda’uu bira dabarree alatti gurguruun ni danda’ama amantaa jedhuun qaba. Waliigalaan qonni akkuma dameelee daldalaafi kaanii bu’aaqabeessa akka ta’u yoo barbaadne hundi keenya deeggarsa barbaachisu gochuufii qabna.

Bariisaa: Dhiibbaan haalli nageenyaa hojiilee qorannoorratti uume akkamiti ibsama? Akka qorataa buleessaatti gorsa akkamiis qabdu?

Doktar Addunyaa: Eeyyee, akkuma hundi keenya beeknu hojiin misoomaa bu’aaqabeessaafi milkaa’aa ta’uu kan danda’u yoo sochiileen taasifaman hundi nagaqabeessa ta’aniidha.

Nageenyiifi tasgabbiin jiraachuun; olaantummaan seeraafi haqni dhugoomuun; dimokraasiifi walqixxummaan jiraachuun; waliigalaan biyyiifi bakkiwwan hojii nagaa ta’uun hunda caalaa gumaacha qaba.

Kanaafuu, dhimmi nageenyaa dhimma waa hundarra xiyyeeffannoo argachuu qabuudha. Dhaabbileen barnootaafi qorannoofaan miira tasgabbaa’ina qabuun adeemsifamuun irraa jiraatuudha.

Kanaafuu, nageenyiifi wabii qorattootaafi hojjettoota misoomaa; wiirtuulee qorannoo, laabiraatooriiwwanii, qabeenyaa, oyiruuwwaniifi meeshaalee hojii, walumaagalatti nageenyi namaafi naannawaa mirkanaa’uun hojichaaf daran murteessaadha.

Keessumaa dhaabbanni keenya naannoleerraa wiirtuulee qaba. Kanaaf oggaa oyiruu qonnaan bulaarratti hojii qorannoofi misoomaa hojjennu yoo of eeggannaafi eegumsi hongodhamneef qabeenyonni daran qaaliin waggoota dheeraafi lakkoofsisaniif qarshii miliyoonota danuudhaan ijaarre salphumatti akka hinbadneef eegamuu qabu.

Ittigaafatamtoonni dhimmi ilaallatuufi warri kaan kunuunsaafi eegicha addaa gochuufii qabu. Gabaabumatti barnootaafi qorannoo cimaa malee biyyi guddateefi jijjiirame addunyaarra hinjiru. Keessumaa bara beekumsaa kanatti isaan malee dorgomaafi ga’ummaa qabatanii ittifufuus ta’e jiraachuun waan hindanda’amneef akka qaroo ija keenyaatti eeguufi kunuunsuu qabna gorsa jedhun dabarsuu barbaada.

Bariisaa: Faayida qonna magaalaa akkamitti ibsitu mee?

Doktar Addunyaa: Qonnaan walqabatee keessumaa xiyyeeffannaan misooma qamadiitiif kennamne daran namatti tola. Qonni magaalaas waan namoonni tokko tokko ijaa gaariidhaan hinilaalleef malee faayidaa olaanaa qaba.

Hojicha gandootaafi bulchiinotatti akka hojjetamu jajjabeeffamuunis waanuma gaariidha. Fakkeenyaaf muduraawwan ani mooraa kootii qabu keessaa tokko goraadha. Goraan qoricha. Kaansariin ittisuudhaan caalatti eerama.

Kanaafuu, omsihaalee baasuu olaanaa ittihinbaasne garuu ammoo kanneen faayidaa olaanaa qaban mooraa keenyatti yoo misoomsine faayidaansaa olaanaadha. Hundarra ammoo sirna nyaataa fayyaqabeessa akka qabaannu waan taasisuuf idduma xiqqoo qabnu hundatti fayyadamuun dhiibbaa mootummaa eeguurra ofuma keenyaan hojjennee otoo fayyadamnee gaariidha.

Fakkeenyaaf, otoo biqiltuu avokaadoo tokko qabaannee waan ija baay’ee godhatuuf omishasaa alaa bituu hin yaadnu. Yoo kun ta’e qonni magaalaa tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu maddiitti gama haala qilleensaa magaalaa gaarii gochuutiinis gita hinqabu.

Kana malees, bakka xiqqoo qabnutti hojjennee oggaa bu’aa buusuu eegallu ijoolleen keenya nu duukaa bu’anii hojjetu. Achumaanis aadaa hojii dhaalchisnaan. Hojjechuuf socho’uunis gama fayyina eegsisuutiin filatamaa waan ta’eef faayidaa hedduu qaba jechuun ni danda’ama.

Kan biraa hafee guyyoota dhuma torbaniitti qophee baafatanii dhoqqee lafa jiru keessa miila duwwaa deemuun humna elektirikii qaama keenya keessatti kuufamee akka dhukkuba nutti ta’u dhabamsiisuufis kan gargaruudha.

Qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee fayyaaleyyii kan nu taasisu waan ta’eef eebbuma guddaadha. Kana maddiitti ammoo gurgurannee ittifayyadamuufis nu gargaara. Qonni magaalaa kun xiyyeeffannaa mootummaa yoo ta’u, namnis yoo jabaatee hojjete fayyadamaa ta’a. Hunduu yoo nyaatasaa qe’umsaarraa argachuu danda’e gaariidha.

Qonna magaalaarratti socho’aa kan jiru nu qofa otoo hintaane Kooriyaan Kibbaa, Chaayinaan akkasumas biyyoonni kuunis ittifayyadamaa jiru. Ammaan tana dhiphinni lafaafi baay’inni ummataa waan jiruuf qonna magaalaa lafarratti qofa otoo hintaane qinaaxxiirrattillee hojjetaa jiru.

Kanumarraa kan ka’e qinaaxxiin marti nyaata omsihaa jira jechuun ni danda’ama. Kanumaan walqabatee galtee qonna magaalaa dhiyeessuun mataansaa carraa hojii ta’uu danda’a.

Qonni magaalaa beekumsaan adeemsifamuu qaba. Sanyiirraa kaasee hojii kunuunsa barbaaduudha. Kanaan walqabatee buufataaleen qorannoo sanyii ka’umsaa yoo dhiyeessaniifi qaamni sanyicha baay’isu yoo jiraate hojichi caalaatti bu’aaqabeessa ta’uu danda’a.

Bariisaa: Xiyyeeffatanii kan hojjettan talbaa qorachuurratti waan ta’eef kanarratti akka biyyaatti hammam bu’aaqabeessa ittitaaneerra?

Doktar Addunyaa: Kanaadaarraa sanyiilee talbaa 10 fidee waan haala qilleensaa keenyaaf mijatoo ta’aniif bahanii qonnaan bulaaf raabsamaniiru. Sanyiileen kunniin kan sakatta’aman Wiirtuulee Qorannoo Adeet, Holotaafi Sinaanaatti.

Bariisaa: Ammaan tana qonni keenya hojmaataanis ta’e bu’aadhaan jijjiirameera jechuu dandeenyaa?

Doktar Addunyaa: Jijjiiramaa dhufeera jedhamullee hanga barbaadamuuudha jechuun hindandanda’amu. Rakkooleen adda addaa jiru. Rakkooleen kunniin ammoo kan bulchiinsaafi hoggansaa turan. Ammas akka itti hinfufneef dhimmamtoonni yoomirrayyuu xiyyeeffannaan hojjechuu qabu. Qonna haala barbaadamuun jijjiiruun yoo barbaachise gatii barbaachisu kafaluun dirqama.

Ani qonni keenya akka hinjijjiiramneef akka gufuutti kanin ilaalu sirna barnootaa keenya. Dhugaa dubbachuuf sirni barnootaa keenya rakkoo qaba. Namni barate fooyya’aa yoo uffatuufi mindaa gaarii yoo argatu darbees oggaa jireenya gaarii jiraatu agarree nutis ittigalle malee sirni barnootaa keenya mandhalee otoo hintaane iddoo biraatii fidnee kanitti fayyadamneedha jechuun ni danda’ama.

Kunis Awurooppaafi Ameerikaarraa jechuudha. Nuti kan bocamne sirna barnootaafi fedhiisaaniitiini. Fakkeenyaaf Ingiliffaan akka barannu dirqamna. Achii erga Ingiliffichaan barannee booda kan tajaajillu eenyu, kan jedhuudha gaaffiiin.

Ummata keenya yoo ta’e akka biyyoota biroo waan gita bittaadhaan hinbulfamneef Ingiliffa hinbeeku. Kan bira hafee afaanichaan sirriitti of ibsuufii ni rakkanna. Garuu tokko tokkoon keenya waan hubannoo wayiituu hinqabneef haasaa keenyatti Ingiliffa makna. Garuu kun dogoggora.

Kan nu barbaachisu barnoota mandhalee akkasumas bulchiinsa aadaa mandhaleedha. Sababiinsaas inni barate otoo tajaajiluu kan mul’atu Faranjiidha. Faranjii tajaajiluuf barnoonni madhalee nu rakkisuu danda’a. Lammiiee keenya gargaaruuf garuu ni fayyada.

Dhugaadha Ingiliffa beekuun gaarii ta’us kan ofii ittuma dhiisanii ta’uu hinqabu yaada jedhun qaba. fakkeenyaaf, Chaayinaan, Jaappaan, Kooriyaan kibbaa, Singaapoor ijoolleesaanii kan barsiisan aaanumasaaniiti.

Namni afaan idiladdunyaa barbaade barsiisuu barbaadnaan manneen barnootaa Ingiliffaa waan jiraniif carraansaa guutummaatti waan jalaa hincufamneef mirgi barsiisuusaa akka eegamuuf taasisu. Garuu dhimm ijoofi hinhafne dhimma afaan ofiitiin barbachuuti.

Kanaafuu, nuti lammiileen Itoophiyaan hanga gara banroota mandhaleetti deebinutti rakkoon kun gadi nu hinlakkisu. Sababiinsaas, qophiin barnootaa keenya baay’een kan agarsiisu akkamitti isa kaan tajaajiluu akka nu dandeessisuudha malee ummata keenya waan hintaaneef. Guddachuuf qonnaafi hojmaata keenyaaf beekamtii kennanii ka’uu barbaachisa.

Hanga sirni barnootaa mandhale ta’ee hindhufnetti ammas tajaajiluu kan dandeenyu biyya keenya otoo hintaane biyyootuma guddataniidha jechuun danda’a.

arachuun keenya garuu ummata keenya tajaajiluufi jireenyasaa fooyyessuu qaba.

Akkas ta’ee sirni barnootaa alaa dhibbaa dhibbatti hinbarbaachisu jechuu miti. Herregaanis ta’e saayinsiidhaan kan nuu malu fudhachuu dandanyeedha. Beekumsa arganne sana garuu akka nuu mijatutti taasisnee goonee biyya keenya fayyadamtuu gochuun garuu murteessaadha yaada jedhun qaba. Ingiliffa, Arabiffaafi Faransaayiffafaa dabalatee afaan kamuu beekuun gaariidha.

Fakkeenyaaf, muuxannoo koo eeruuf akkuman eebbifamee qorataa jalqabaa ta’ee Malkaa Wararitti (Naannoo Affaar) ramadamu aadaa sabichaa beekuu dhabuu kootiin keessummaa ta’ee tureera.

Oggaan waggoota 10f naannawicha turetti iccitiin keessumaa ta’ee turuu koo aadaa mandhalee wallaaluu kooti. Yeroo sanatti dhaabbata barnoota olaanaarraan eebbifamee bahe malee dhimmicharratti namni hubannoo naa kenne hinjiru.

Ummanni Affaar yeroo sanatti baay’inaan kan horsiisee bulu waan tureef waanti dursa hojjetamuuf ykn qorannoodhaan argamuufii qabu faallaa nuti nuti karooraan qabannee ture.

Kanaafi, beekumsa mandhaleef dursa kennuun barbaachisaadha kanin jedheef. Oggaa nuti waa’ee saliixiifi nuugii dubbannu dhimmi hawaasichi dursa kennuufirratti waan hinxiyyeeffanneef nu hubachuu hindandeenye.

Kanaafuu, beekumsa mandhaleetiin ala bu’aaqabeessa ta’uun hindanda’amu. Kallattiin misoomaas waan ummanni barbaadu wajjin walsimachuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ “Gufuun jijjiiramuu dhabuu qonna keenyaa sirna barnootaa keenya” – Doktar Addunyaa Waaqjiraa qorataa qonnaa

  1. Pingback: 789bet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *