Finfinnee: Dogoggora seenessiifi galmeessi seenaa uume soroorsuun fuulduratti tarkaanfachuun barbaachisaa ta’uu Yunivarsiitii Finfinneetti Qorataan Aadaafi Seenaa Doktar Dachaasaa Abbabaa ibsan.
Ibsa qorataan kun addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ijaarsa Itoophiyaa keessatti saboonni hundi qooda qabaachuun haqa seenaan ibsuudha. Keessattuu, injifannoon lola Adwaa qoodaafi gumaata sabootaafi sablammoota biyyattii ifatti mul’iseera. Haalli seeneffamaafi galmeessi taateewwanii dogoggora qabaatus injifannoon kun injifannoo walooti.
Ta’us galtee siyaasaatiif yookaan olaantummaa seenaa gonfachuuf seenaan lola Adwaa seeneffamaan jallachaa jiraachuun akka sabaatti gocha qaaneffachiisaa ta’uu eeranii, injifannichi hoggansa mootii Minilikiifi Xaayituu, gootummaa dajjaazmaachotaafi giraazmaachota akka Baalchaa Abbaa Nafsoofaa malee kan yaadamu waan hinturreef seenessi isa tokko gadibuusaa isa kaan olkaasu dogoggora hamaa ta’uu hubachiisaniiru.
Seenaan biyya kamuu taatee hunda hinqabatu kan jedhan Doktar Dachaasaan, ta’us haalli galmeessaafi seenessa seenaa Itoophiyaa moototaafi maatii mootota darbanii qofarratti xiyyeeffachuun bifa adda ta’een waldhabbii har’aatiif ka’umsa ta’uus ibsaniiru.
Seenaadhuma Itoophiyaa keessatti moototni dhufaa darbaan biyya bulchan kamuu waa’ee mootota taayitaa irraa dhaalanii olkaafamee akka dubbatamu akka hinbarbaanne kaasanii, seenaa dhugaarra seenaa masaka siyaasaa qabuufi harbeeffamtu dhageettiifi fudhatama argata jedhaniiru.
Akka ibsasaaniitti, akka waan guddummaasaanii xiqqeessutti waan ilaalamuuf bara mootii Hayilasillaassee waa’een mootii Minilik, akkasumas bara mootii Minilik waa’een mootii Tewodiroos akka olkaafamee dubbatamu hineeyyamamu ture. Injifannoo lola Adwaarrattis waa’een hoggantoota waraanaa baay’ee kan hindubbatamneef kanumaafi.
Haa ta’u malee, seenaan mootota qofarratti barootaaf rarra’ee ture kufaatii sirna mootii gonfoo booda burkutaa’ee abbaan seenaa saba bal’aa ta’uun ifatti labsamuu yaadachiisaniiru. Seenaan saba tokko gammachiisuuf jecha lafumaa ka’amee kootaan kan barreeffamu osoo hintaane taatee dhugaa sabni sun dalage ta’uu himanii, seenaa barreessuunis dhugaa, dogoggoraafi muuxannoo kaleessaarraa barachuun biyya guddisuuf malee walfalmiifi qoccolloof akka hintaanes ibsaniiru.
Akka Doktar Dachaasaan jedhanitti, seenaan daawwitii dhalootni waan kaleessarra dhaabbatee egeree biyyaa ittiin laaluudha. Sirna waliin qooda sabbootni qaban olka’uufi gadibu’uu danda’a. Kun ammoo seenaadhuma biyya kamuu keessatti kan calaqqisuudha. Biyyootni biroo dogoggora seenessa sirna waliin mudatu kana sirreessaa egereesaanii tolfataniiru. Itoophiyaarraas kan eegamu kanuma.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015
3 Comments to “ “Dogoggora seenessaafi galmeessa seenaa soroorsuun fuulduratti tarkaanfachuun barbaachisaadha” – Doktar Dachaasaa Abbabaa”