Qaala’inni jireenyaafi gatii akkuma biyyaattuu cimee kan mul’atu ta’ullee keessumaa Finfinneetti daran ol ka’uun dhimma ifatti mul’atuudha. Keessumaa ji’oota lamaan darbanitti gatiin xaafiifi midhaanota kaanii haala kanaan dura mudatee hinbeekneen daran qaala’eera. Kanaanis jiraattonni daran qoramaa turaniiru.
Rakkoo kana mootummaanis quba qaba. Qaala’inni jireenyaafi gatii daran ulfaataa ta’uus ni hubata. Kanaan walqabatee haalli jireenyaa tokko tokkoo namaa yoo mil’atame dubbichi yaachisaa ta’eeti kan mul’atu.
Rakkoo qaala’ina gatii kana furuuf keessumaa waggoota lamaan darbanitti karaa waldaalee hojii gamtaafaa omishni mankuusatti akka galuuf fandii marmaartuun ramadamee omishni hanga tokko akka dhiyaatu taasifamaa tureera.
Omishoonni haala kanaan dhiyaachaa turanis kan qananii otoo hintaane kan akka bu’uuraatti hawaasni barbaaduufi hanguma humnasaa bitachuu danda’uudha. Kanaanis akaakuuwwan midhaanii akka qamadii, xaafii diimaafi burbucoo fa’iif dursi kennamee akka dhiyaatan taasifamaati kan ture.
Warshaalee daabbootiifis mi’a dheedhii ga’aa dhiyeessuudhaan daabboo gatii madaalawaadhaan hawaasaaf dhiyeessuun rakkinicha furuuf gareen hojicha hordofu gurmaa’ee hojjetamaa tureera.
Ta’us rakkoon qaala’inaa yeroo dhiyoo as mudate adda akka ta’eedha kantiibaa ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbaay kan ibsan. Kana dandamachuufis yuniyenonni midhaan bitanii akka kuusan gochuun yaalamuus eeran.
Egaa, akka biyyaatti otoo callaa ga’aan jiruu hir’ina omishaa namtolchee kanaaf sababoonni hedduun jiraatanis akka ijootti kan eeraman akka omishni gara magaalattii hinseenne danquun bakkawwan tokko tokkoo ammoo omishni akka hinbaane ittisuun muudachuufaan ni eeramu.
Kana malees omisha keessumaa gara magaalattii dhufeefi mankuusawwan magaalattiin ala jiran akkasumas manneen baaburaa egere ni dabala jechuun xiqqoo dhiyeessuufi kanaanis burjaajiin akka uumamu fedhiin tureera.
Qaala’ina gatiifi jireenyaa kana haala siyaasaa biyyattii wajjin walqabsiisuun sochiiwwan ummata kakaasuuf yaaluus akka ture kan haalamu miti. Kanumarraa ka’uuni hoggantoonni waldaalee hojii gamtaafi kaan siyaasessitoonni daldala keessaa harkasaanii akka baafatan kan gorsaniif.
Kun otoo kanaan jiruu egaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin ta’uun xaafii kiiloo tokko seeraan ala hanga qarshii 100tti gurguramaa ture hamma qarshii 68tti dhiyeessuu dabalatee omishoota midhaanii kuun gatii madaalawaadhaan hawaasaaf dhiyeessaa jiru.
Tarkaanfii bulchiinsonni lamaan fudhataa jiran kun dhiibbaa keessumaa hojjettoota mootummaarra ture salphisuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf tattaaffichi cimee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015
9 Comments to “ Tattaaffiin dhiyeessii midhaanii sirreessuuf taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba”