“Milkaa’inoota lakkaa’uurra hanqinoota furuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna” –Aadde Jamiilaa Simbiruu

Finfinnee: Mariin Gumii Balal marsaa 30ffaa kaleessa mata duree “Kalaqaafi Teknolojii Walqixxummaa Koorniyaaf” jedhuun galma Waajjira Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaleessa adeemsifameera. Marichi Guyyaa Dubartoota Addunyaa ‘March 8’ akka addunyaatti yeroo 112ffaaf akka biyyaatti ammoo yeroo 47ffaaf kabajamu ilaachisuun kan qophaa’edha.

Yunivarsitii Madda Walaabuutti, Ittigaafatamtuun Dhimmoota Koorniyaa kan ta’an Aadde Liidiyaa Tikkuu waltajjicharratti barreeffama yaada ka’umsaa dhiyeessaniin akka jedhanitti, hojiilee fayyadamummaa, walqixxummaa koorniyaafi mirgoota dubartootaa gama maraan mirkaneessuufi eegsisuuf raawwatamaa jiraniin bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aa jiru. Ta’us imaammatawwan, tarsiimoowwaniifi seeronni hirmaannaa, fayyadamummaa, mirgoota dubartootaafi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf ba’an gama hojiirra oolchuutiin ammayyuu hanqinni ni mul’ata. Hirmaannaan dubartootaa gara aangoo murteessummaatti dhufanii waggaa waggaan fooyya’aa jiraatus ammayyuu xiqqaadha. Fayyadamummaan dubartootaa gama dinagdeetiin jirus sadarkaa barbaadamurra hingeenye.

Mootummaan naannichaa dubartoota baay’inaan gara aangoofi murtii kennuutti fiduuf kutannoo siyaasaatiin hojjechaa jiraachuu himanii, hirmaannaa dubartootaa seektaroota mootummaa hunda keessatti guddisuun, gochoota walqixxummaa koorniyaa faallessan qo’annoofi qorannoon adda baasanii furmaata itti kennuun barbaachisaa ta’uu eeru. Koorniyaa idileessuufi muuxannoo dubartoota ciccimoo babal’isuunis hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu kaasu.

Dubartoonnis carraa gara aangootti dhufuu yeroo argatan duubatti jechuu akka hinqabne kan yaadachiisan Aadde Liidiyaan, hojii kamiifiyyuu barumsaafi leenjiidhaan of qopheessuufi of ga’oomsaa deemuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Afayaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan akka jedhanitti, dubartoonni hundinuu mirgaafi dirqamasaanii beekanii fayyadamummaasaanii mirkaneeffachuufi mirgasaanii kabachiisuurratti hanqina hubannoo waan qabaniif keessumaa hubannoo dubartoota baadiyyaa gabbisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Walqixxummaa koorniyaa, fayyadamummaafi hirmaannaa dubartootaafi mirga dubartootaa mirkaneessuuf hundumtuu gahee isarraa eegamu bahachuu qaba. Dubartoota muuxannoofi kennaa waa kalaquu qabaniifis beekamtii kennuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu gamasaaniin, rakkoon dubartootaa naannoofi biyya keenyatti qofa utuu hintaane rakkoo sadarkaa addunyaattuu mul’atu ta’uu himanii, rakkoo dubartootaa furuun dhimma rakkoo biyyaa furuufi ijaarsa biyyaa dhugoomsu ta’uu ibsu. Milkaa’inoonni gama fayyadamummaafi hirmaannaa dubartootaatiin mul’atan hedduu ta’uufi isa lakkaa’uurra hanqinoota mul’atan guutuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba jedhu.

Dubartoonni baay’een dhiibbaawwan adda addaa keessa darbanii maatiifi ittigaafatamummaa hojii sektaroota adda addaa keessatti itti kenname fiixaan baasuuf hojjechaa jiraachuu kan himan ammoo Ministir Deetaan Ministeera Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanooti. Akkasaan jedhanitti, hirmaannaan dubartootaa sektaroota mootummaa keessatti yeroo gara yerootti dabalaa jira. Dubartoonni sadarkaa hoggansaafi murtii kennuurra jiran dubartoota isaan booda jiraniif fakkeenya gaarii ta’uu qabu. Muuxannoo dubartoota ciccimoo ammoo waliif qooduufi irraa barachaa deemuun barbaachisaadha.

Miseensa Gumii Haadholii Siinqee kan ta’an Aadde Saaraa Duubee, Sirna Gadaa keessatti Oromoon dubartiif kabajaa guddaa akka kennuufi “Dubartiifi dacheen ulfoodha” akka jedhu himu. Oromoon dubartoonni qaamaafi sammuudhaan guddatanii booda maatiisaanii sirriitti akka gaggeessaniif ijjoollummaarraa kaasee gorsee guddifata; Isa intalasaa fuudhuttillee amaanaa kenna. Dubartoonni dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti akka hirmaatanis barsiisee guddisa jedhu.

Fayyadamummaa, hirmaannaafi mirga dubartootaa mirkaneessuuf duudhaa, aadaafi safuu Oromoo ganamaa saayinsii ammayyaa waliin walsimsiisanii tarkaanfachaa deemuu akka barbaachisu kaasanii, heeraafi seerota hirmaannaa, fayyadamummaa, mirgoota dubartootaafi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf ba’an sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu himu. Ijoolleen boodarra dhufanis aadaa, duudhaafi safuu Oromoo ganamaa eeganii akka guddatan barsiisuufi kitaabolee kanaaf isaan fayyadan dhiyeessuufiin barbaachisaa ta’uu eeru.

Hirmaattonni marichaa akka jedhanitti, dubartoonni maatii guddisuurraa eegalee misoomaafi guddina biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu. Kanaafuu dhimmi fayyadamummaafi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuu gahee hundaa ta’uu qaba. Rakkoon nageenyaa, dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa qaqqabuun hunda dura kan saaxilamu dubartoota waan ta’aniif dhimmi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuufi rakkoolee isaan mudatan furuun xiyyeeffannaa duraa argachuu akka qabus eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

10 Comments to “ “Milkaa’inoota lakkaa’uurra hanqinoota furuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna” –Aadde Jamiilaa Simbiruu

  1. Pingback: autoplay168
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: w69
  4. Pingback: cat888
  5. Pingback: bad links
  6. Pingback: som777

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *