Lubbuu dhala namaa baraaruun, dhalli namaa sabababoota dhibee garaa garaatiin akka hin hubamneefi sababa kanaan immoo jiruufi jireenyi hawaasummaasaa akka hin boorofneef, waaqaa gaditti nama olitti hiree lubbuun jiraachuu dhala namaa kan murteessan ogeeyyota fayyaati.
Namni hundi yemmuu ijoollummaasaatti, “Gaafa guddatte maal ta’uu barbaadda”? jedhamee gaafatamu doktora fayyaa, paayiletii, barsiisaa, injinaraafi ogummaalee guguddoo kanneen keessaa isa tokko deebisa.
Caalaatti garuu hawwiifi fedhiin daa’imman hedduu ogummaa hunda keessaa doktora fayyaa ta’uurratti kan xiyyeeffateedha. Kun immoo kan ta’e sababa malee miti. Jireenya namaa keessatti hojiin akka lubbuu namaa baraaruutti ulfinaafi gammachuu keessaa akkasumas boqonnaa sammuu namaa kennu waan hinjirreefi.
Yeroo weerarri dhibee tokko biyya tokko keessatti ka’uufi hawaasni hedduun weerarichaan qabamutti qaamni dursee weeraricha dhibee sana dura dhaabatu ogeeyyotuma fayyaati. Lubbuu namaa weerara dhibeerraa baraaruuf jecha kan lubbuu ofii dhabus jaruma Waaqaa gaditti abdii lubbuu dhala namaa ta’an kanneeni.
Weerara dhibee koviidii waggoota muraasa dura akka biyyaattis ta’e addunyaatti lubbuu ummata hedduu galaafate keessattis ogeeyyotni fayyaa hedduun lubbuu namaa baraaruuf jecha kansaanii takkaatti dhabuuf dirqamaniiru.
Kanarraa kan hubatamu immoo hojiifi ga’een ogeeyyota fayyaa akkuma gaheefi hojii ogummaawwan kaanii haala mijataa qofa keessatti osoo hintaane, irra jireessaanuu iddoowwan mijatoo hintaaneefi haala lubbuusaanii dhabsiisu keessatti akka hojjataniidha.
Jarri ogummaa hangana gahuun haala mijataa hinta’in keessatti fayyaa dhala namaa mirkaneessuuf jecha halkanii guyyaa dhama’an kunniin garuu hanga dadhabbiisaanii qabatamaa sanatti waantoota hojjachaa jiran hunda sirnaan ibsachuurratti rakkoo akka qabantu himama.
Biyyoota du’aatii haadholeefi daa’immanii waqtii da’umsaa xiqqeessuudhaan karoora barkumee Dhaabbata Mootummoota Walta’anii dursanii milkeessan keessaa Itoophiyaan ishee tokko yemmuu taatu, kunis kutannoofi of kennanii hojjachuu ogeeyyota fayyaatiin kan galmaa’eedha.
Imaammata fayyaa dhibee dursanii ittisuurratti xiyyeeffate hojiirra oolchaa kan jirtu Itoophiyaan, kana keessattis hojiin hubannoo uumuufi kominikeeshiinii fayyaa shoora olaanaa akka qabaatu isa dirqisiisa.
Lubbuun namaa sababa dhibeetiin akka hindabarre taasisuusiifi nama dhukkubsatee sireerra jiru gargaaruun gahee hojii ogeeyyota fayyaa isa guddaa ta’us, waan hojjachaa jiraniifi hojjatamuu qaba jedhanii yaadanirratti kominikeetara ciccimoo ta’uun kan isaanirraa eegamu ta’uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa ni dubbatu.
Qorannaa hojii ji’oota jahaa damee kominikeeshiinii biirichaa dhiheenya torbee darbe Adaamaatti adeemsifamerratti haasaa kan taasisan hoggantichi, qaama hawaasaa hunda fuulaa fuulatti qaqqabanii tajaajila fayyaarratti hubannoo kennuun ulfaataa waan ta’eef hojii kominikeeshiinii fayyaarratti cimanii hojjachuun murteessaa ta’uu dubbatu.
Hawaasa kenna tajaajila fayyaa argatu fuulaa fuulatti argatee hojii hubannoo uumuu kan danda’u ekisteenshiinota fayyaa qofaa ta’uus eeranii, caasaan sanaa ol jiru garuu maloota kominikeeshiinii garaa garaatti fayyadamuudhaan waan hojjachaa jiruufi hojjatamuu malurratti hawaasaaf hubannoo uumuu akka qabu ibsaniiru.
Kun immoo barbaachisummaa kominikeeshiiniin damee fayyaa keessatti qabu agarsiisuu bira darbee, bakka hojiin qunnamtiifi kominikeeshiinii cimaa ta’e hin diriirretti imaammata fayyaa dhibee dursanii ittisuu biyyattiin hordofaa jirtu milkeessuunis ulfaataa ta’a.
Walumaagalatti; ittigaafatamummaa lubbuu dhala namaa waaqaa gaditti tiksuuf waadaa galanii kan hojjachaa jiran ogeeyyotni fayyaa, hojii tajaajila fayyaa hawaasichaaf kennan maddiitti, kominikeetaroota waan hojjachaa jiran maloota garaa garaatti fayyadamanii ummataaf sirriitti ibsuu danda’an ta’uutu isaanirraa eegama.
Hojmaatni kominikeeshiinii fayyaa ‘Health Communication’ jedhamu kun immoo akkuma addunyaattuu bal’inaan hojiirra oolaa kan jiru ta’uutu himama.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015
7 Comments to “ Kominikeeshiinii fayyaa”