Hojiilee guguddoo gabaasa raawwii hojii ji’a ja’aa mana marii Magaalaa Finfinneerratti dhiyaatan

Manni Marii Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Idilee sadaffaa, bara hojii lammaffaa Mana Marii sadaffaa Kibxataafi Roobii darbe taa’een gabaasa raawwii hojii ji’oota ja’an darbanii dhiyeesseera. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee waltajjicharratti karooraafi raawwii hojiilee guguddoo fayyadamummaa jiraattota magaalattii mirkaneessuuf ji’oota ja’an darban keessa raawwataman dhiyeessaniiru. Miseensonni mana marichaas gabaasa dhiyaaterratti marii bal’aa adeemsisuun yeroo hafetti milkaa’ina caalu galmeessisuuf ummata magaalattii waliin kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Aadde Adaanachi gabaasa dhiyeessaniin akka jedhanitti, bulchiinsi magaalaa Finfinnee ji’oota ja’an darban keessa hojiilee fayyadamummaa jiraattota magaalattii mirkaneessan hedduu raawwateera. Keessumaa rakkoolee gama siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi caasaalee hidda gadfageeffatan sadarkaa sadarkaan furuuf qaamolee dhimmichi ilaallatuufi ummata hirmaachisuun hojiilee bu’aaqabeessi hedduun raawwatamaniiru. Hojiilee guguddoo gabaasicharratti dhiyaatan keessaa isaan ijoo akka armaan gadiitti qabxii qabxiidhaan dhiyaataniiru.

Nageenya

Jijjiirraan bara haaraa (bara 2015) nagaafi duudhaa keenya eeggatee akka kabajamu ta’eera. Ayyaanonni ummataafi amantii addababa’itti kabajamanis duudhaalee walkabajuu, amantii, aadaafi Itoophiyaanummaa keenya eeganii akka kabajaman ta’eera. Qaamolee ayyaanota kunneen keessa gugatanii nageenya jiraattota magaalattii jeequuf socho’an hirmaannaa qaamoleen nageenyaafi jiraattonni magaalattii taasisaniin to’achuun danda’ameera.

Gama nageenya magaalattii mirkaneessuutiin hojiilee guguddoon raawwatamaniiru; ummanni gurmaa’ee nageenya naannawaasaa akka eeggatu ta’eera. Nageenya magaalattii mirkaneessuuf jiraattota, raayyaan nageenyaa, humna poolisii magaalattii, caasaa nageenyaafi bulchiinsa magaalota Oromiyaa Finfinnee marsanii jiraniifi Federaalaa waliin hojiilee raawwatamaniin bu’aawwan guguddoon galmaa’aniiru.

Gara fuulduraattis nageenya magaalattii caalaatti mirkaneessuuf hojiileen ummanniifi qaamoleen nageenyaa waliin hojjechaa jiran cimanii kan ittifufan ta’u. Hojiin qaamolee yakka raawwatan seeratti dhiyeessuufi ittigaafatamummaa mirkaneessuus cimee kan ittifufu ta’a.

Tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuu

Waajjiraaleen bulchiinsa magaalattii tajaajila si’ataa, qulqullina qabuufi teknolojiidhaan deeggarame akka kennaniif riifoormii taasisuudhaan dhaabbilee filatamanitti sirna kenna tajaajilaa teknolojiin deeggarame diriirsuun danda’ameera. Humna raawwachiisummaa gaggeessaafi raawwataa cimsuufis hojiilee guguddoon raawwatamaniiru. Kenni tajaajilaa teknolojiin akka deeggaramu, galiin karaa ‘Tele birr’ akka walitti qabamu taasisuun kaffaltoonni gibiraa gibira karaa elektirooniksii akka kaffalan taasiseera. Haaromsi eyyamaas karaa ‘Online’ akka raawwatamu ta’eera.

Hojiin qabiinsa ragaa fayyaa ammayyeessuu Hospitaala ‘Yakaatit 12’, Hospitaala Haadholiifi Daa’immanii Abbabachi Goobanaafi Hospitaala Xirunash Beejiingii keessatti guutummaatti hojiirra kan oole yoo ta’u, Hospitaala Raas Dastaa, Hospitaala Gaandii, Hospitaala Daagimaawwii Minilikiifi buufataalee fayyaa 15 keessattis tajaajilli gartokkee waraqaa malee jalqabameera.

Kutaalee Magaalaa Yakkaafi Lammii Kuraattis ragaan lafaa, ragaan kenniinsa eeyyama ijaarsaa, mallattoo hojjettootaafi dabareen abbootii dhimmaa dijitaalawaa taasisuun danda’ameera. Hojiileen tajaajila teknolojiin deeggarame kennuuf dhaabbilee muraasa keessatti eegalaman, kenniinsa tajaajilaarratti fooyya’iinsa agarsiisaa waan jiruuf dhaabbilee hundi tajaajila teknolojiin deeggarame akka kennan taasisuun hojii cimee kan ittifufuudha.

Olaantummaa seeraa

Magaalattiitti hojiin olaantummaa seeraafi ittigaafatamummaa mirkaneessuufi qabsoo farra malaammaltummaa cimsuu jiraattota magaalattii hirmaachisuun hojiilee gurguddoon raawwatamaniiru. Raawwii hojii ji’oota ja’an darban olaantummaa seeraafi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf raawwatamaniin hoggantoonni, ogeessonniifi daldaalonni 215 ta’an seeraan gaafatamanii dhimmisaanii adeemsa haqaatiin ilaalamaa jira. Hoggantootaafi hojjettoota hanqina naamusaa qaban kuma sadiifi 584 irratti tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamu ta’eera. Hojiin sirna ittigaafatamummaa mirkaneessuu gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’a. Komiiwwaniifi oliyyannoowwan 230 sadarkaasaanii eeggatanii dhiyaatan keessaa 212 deebii akka argatan ta’eera. Hojiin rakkoo bulchiinsa gaarii furuu kun gara fuulduraattis xiyyeeffannaan irratti kan hojjetamu ta’a.

Hojii mirgaafi faayidaa jiraattota magaalattii mirkaneessuuf ji’oota ja’an darban keessa raawwatamaniin galmeewwan kuma shaniifi 388 irratti falmiin kan taasifame yoo ta’u, kana keessaa 995 irratti murtii kennuun qarshii miliyoona 386 faayidaa ummataafi mootummaaf oolchuun danda’ameera. Murteewwan bulchiinsaatiin lafa heektaara 90 baankii lafaatti deebisuun danda’ameera; manneen waliin jireenyaa kuma 25fi 773 seeraan ala furachuurraa baraaruun danda’ameera.

Barnoota

Sagantaa nyaata barattootaa kuma 600 irraa gara kuma 700tti guddisuun danda’ameera. Sagantaan nyaata barattootaa qaala’iinsa jireenyaa mudate ilaalcha keessa galchuudhaan waggaatti qarshii dabalataa miliyoona 540 ramaduudhaan nyaata barattootaa fooyyessuuf hojii bu’a qabeessi raawwatameera. Barattootaaf yunifoormiifi dabtara barsiisotaaf ammoo gaawonii raabsuun danda’ameera. Sirni barnoota afaan sabdaneessaa ammoo semisteera 2ffaa irraa eegalee guutummaatti akka hojiirra ooluuf qophiin taasifamaa jira.

Fayyaa

Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin kenniinsi tajaajila fayyaa fooyya’uusaatiin hospitaalota keessatti du’i namoota dhibeen itti cimee hir’ateera. Dhiyeessi qorichoota bu’uuraas fooyya’aa dhufeera. Abbaan warraafi haati warraa kuma 271,038 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa taasisuun danda’ameera. Miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaarraa qarshii miliyoona 444fi kuma 259 kan walitti qabame yoo ta’u, bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ammoo qarshii miliyoona 227fi kuma 638fi 500 hirpha taasiseera.

Hospitaalli Rifeeraalii Daagimaawwii Minilik wiirtuu wal’aansa ijaa bifa ammayyaa’aafi sadarkaasaa eegeen akka jalqabuuf galteewwan barbaachisan guutamanii hojii akka jalqabu ta’eera. Hospitaalichi namootni dhibee kalee qabaniifi kaffalanii yaalamuu hindandeenyeef qarshii miliyoona 20 ol ramaduudhaan tajaajila kalee dhiquu bilisaan akka argatan taasiseera. Hojiileen dhibeewwan daddarboo hintaane ittisuu, to’achuufi tajaajila fayyaa ammayyeessuu eegalaman dhaabbilee fayyaa hunda keessatti mirkaneessuun gara fuulduraattis hojii xiyyeeffanaa barbaaduudha.

Tuurizimii

Hojii magaalattii wiirtuu turizimii, konveenshiniifi egzibiishinii taasisuuf raawwatameen tuuristoota biyya alaa miliyoona 3.1fi turistoota biyya keessaa 224 simachuun tuuristoota biyya alaarraa qarshii biiliyoona 13.89 argachuun danda’ameera. Hojiin magaalattii wiirtuu turizimii taasisuuf raawwatameen hojiilee jajjabeessoon raawwatamaa jiru.

Carraa hojii

Raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniitiin namoota kuma 284, 998f carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuun danda’ameera. Hojiin gama carraa hojii uumuutiin raawwatame jajjabeessaa ta’us raawwii hojii gama liqii marmaartuu deebisiisuutiin raawwatame fooyyessuun hojii xiyyeeffannoo irratti hojjetamuu qabuudha.

Qaala’ina jireenyaa

Dhiyeessa omishaa mirkaneessuudhaan hojiin qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuuf gabaan Dilbataa 137 kutaalee magaalattii hunda keessatti hundeessuun omisha kallattiidhaan omishtootarraa akka argatanii gatii madaala’aan fayyadamtootaaf akka dhiyeessan ta’eera. Gabaan Dilbataa kun fayyadamtoonni shaqaxoota bu’uuraa gatii madaalawaan dhiyeenyatti akka argatan taasiseera. Fayyadamtoonni shaqaxoota gatii madaalawaan akka argataniif sukkaarri kuntaala kuma 272,777, zayitii liitira miliyoona 10.9fi Daabboo Shaggar miliyoona 194 dhiyeessuun danda’ameera. Qarshii liqii marmaartuu biliyoona 1.7 bulchiinsi magaalaa taasiseen xaafiin kuntaalli kuma 356fi 761 karaa waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasisuudhaan gatii gabaa tasgabbeessuuf hojiilee gurguddoon raawwatamaniiru.

Rakkoo qaala’ina jireenyaafi gatii itti fufiinsaan furuudhaaf seensa magaalattii arfanirratti wiirtuuleen gabaa omisha qonnaa raabsan ijaaramaa jiru. Hojiin qonna magaalaa omishaafi omishtummaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf jalqabameen bu’aa gaariin galmaa’aa jira. Walumaagalatti hojiileen dhiyeessa omishaalee guddisuu, gatii gabaa tasgabbeessuufi sochii daldala seeraan alaa ittisuuf taasifamaa jiru cimanii kan itti fufan ta’u.

Ijaarsa bu’uraalee misoomaa

Ji’oota ja’an darban pirojektoonni 119 ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf akka oolan ta’eera. Ijaarsi pirojektota guguddoos ittifufaniiru. Ijaarsa pirojektota guguddoo keessaa tokko kan ta’e Muuziyemiin Adwaa harka 78 irra gaheera. Ijaarsi pirojektota biroos saffisaan adeemsifamaa jira.

Geejjiba

Bara bajataa kana rakkoo geejjiba jiraattota magaalaa Finfinnee furuudhaaf hojiileen gara garaa raawwatamaniiru. Baasota suphaa barbaadan 200 keessaa 46 suphamanii tajaajila akka kennan ta’eera. Kanneen hafan sababa suphaa baasii guddaa gaafataniif baasonni haaraan 110 bitamanii hojii akka jalqaban ta’eera.

Bittaan baasota Shaggar sadarkaasaanii eeggatan 200 raawwatame keessaa 100 tajaajila kennuu jalqabaniiru. Adeemsa kanaan kiraa baasotaa hambisuun baasii qarshii miliyoona 500 hanga 600 qusachuun danda’ameera.

Lafa

Riifoormii sirna bulchiinsa lafaarratti taasifameen lafa heektaara 445.59 misoomaaf qopheessuun danda’ameera. Jiraattota sababa misoomaatiin qabiyyee lafasaaniirraa ka’aniif beenyaan qarsii biiliyoona 1.67 kan kaffalame yoo ta’u, namoota 233f ammoo lafti bakka bu’iinsaa kennameera. Weerara lafaa seeraan alaa ittisuuf taasifameen lafa heektaara 90 gara baankii lafaatti deebisuun danda’ameera. Kenna tajaajilaa ammayyeessuuf teknolojii ‘integrated land management system’ hojiirra oolchuuf haaldureewwan barbaachisan xumuramaa jiru.

Mana jireenyaa

Ijaarsi manneen waliin jireenyaafi daldalaa 20/80fi 40/60 abbaa carraatiif dabarfaman kuma 139fi 008 harka 91.56 irra gaheera. Namoota mana jireenyaa argachuuf galmaa’an keessaa kuma afuriifi 557f hojiin lafa qopheessuu xumuramee dhiyeenyatti walharkaa fuudhiinsi ni adeemsifama.

Ijaarsi manneen warshaalamanii gamoowwan 10 dhiyeenyatti xumuramanii tajaajilaaf kan oolan yoo ta’u, ijaarsi manneen 26 ammoo si’aayinaan adeemsifamaa jira. Dabalataanis manneen kiraa 800 ol guyyoota 90 keessatti ijaaruudhaan rakkoo mana jireenyaa namoota galii gadaanaa qabanii furuuf hojjetamaa jira.

Rakkoo manneen waliin jireenyaa carraan dabarsuun walqabatanii mul’atan furuuf siistamii haaraa diriirsuudhaan manneen waliin jireenyaa kuma 25fi 773 carraadhaan dabarsuun danda’ameera. Akkasumas manneen daldalaa 20/80 kuma tokkoofi 473 caalbaasiidhaan kan dabarfaman yoo ta’u, manneen daldalaa 40/60 kuma shaniifi 320 ammoo caalbaasiidhaan dabarsuuf adeemsarra jirama. Hojiin dhiyeessa manaa gara fuulduraattis xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjetamu ta’a.

Misooma magariisa

Magaalattiitti iddoowwan misooma magariisaaf oolan adda ba’anii misoomaafi kunuunfamaa jiru. Ganna darbe biqiltuuwwan miliyoona 14.8 dhaabamaniiru. Qulqullinniifi miidhaginni magaalattii yeroo yeroon fooyya’aa jira. Hojiin magariisummaafi miidhaginaas dhaabbilee mootummaa qofaan utuu hintaane hirmaannaa hawaasaa waan gaafatuuf hojiin hubannoo gabbisuu ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’a. Sirni balfa walitti qabuufi dhabamsiisuu magaalattiis yeroo yeroon fooyya’aa kan dhufe ta’us aadaan qulqullina naannawaa ofii hanga raadiyeesii 20 eeguu gabbisuun ammayyuu hojii xiyyeeffannaan kanirratti hojjetamuu qabuudha.

Ji’oota ja’an darban gama hundaan hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun raawwatamaniiru. Haata’u malee yeroo dhiyoo as mootummaa ummanni filate kuffisuudhaan aangoo humnaan qabachuuf godaansa naannolee tokko tokkorraa Finfinneetti taasifamaa jiruun sochiin nageenya booressuu, kenna tajaajilaa gufachiisuu, seeraan alummaafi weerara lafaa mul’achaa jira. Rakkoolee kanneen furuun hojii guddaa waan gaafatuuf hojii guddaa waan gaafatuuf miseensonni mana marichaa hojii irraa eegamu sirnaan bahachuu qabu.

Hojiileen seeraan alummaa to’achuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, nageenyaafi tasgabbii eegsisuu, hojmaata ammayyeessuu, qaala’iinsa jireenyaa furuu, rakkoolee geejjibaa, bishaanii, ibsaa, kiraa manaa, carraa hojii furuuf taasifamaa jiraniifi qabsoo hojmaata badaafi hannarratti taasifamaa jiran daran cimsanii akka ittifufan taasisuun fayyadamummaa ummataa caalaatti mirkaneessuu kan hojjetaman ta’u. Hojiileen magariisummaafi miidhagina magaalattii mirkaneessuufi qonna magaalaa caalaatti milkeessuus ittifufiinsaan kan hojjetaman ta’u.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

15 Comments to “ Hojiilee guguddoo gabaasa raawwii hojii ji’a ja’aa mana marii Magaalaa Finfinneerratti dhiyaatan”

  1. Pingback: steenslagfolie
  2. Pingback: พรมรถ
  3. Pingback: link
  4. Pingback: lazywin888
  5. Pingback: usa89
  6. Pingback: situs toto
  7. Pingback: site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *