Oromoon ummata jijjiiramni amma keessa jirru kun akka dhufuuf barootaaf of kennee qabsaa’e, kanaanis wareegama qaalii kanfaledha. Ta’us keessumaa waggoota afran darbanitti aarsaa hamaa tasumaa ta’uu hinmalle kanfaleera.
Hammeenya murnoota maqaa qabsootiin hidhataniin ummata nagaarratti waggoota eeraman kanneenitti raawwatame tarreessuun tasumaa waan yaalamu miti.
Dhimma kana gadifageenyaan kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaa murnoota hidhatanii bosona jiran (Shaneef) torban darbe waamicha araaraa lammiitti abdii guddaa hore dhiyeesseera.
Waamichi Pirezidaantii naannichaa Obbo Shamallis Abdisaatiin yaa’ii Caffeerratti dhiyaates, “Humni waggoota afran darbaniif Oromiyaa keessa hidhatee socho’aa tureefi ummata Oromoo aarsaa hinmalle kaffalchiisaa ture, garaagarummaa jiru mariidhaan hiikuun araaraaf akka of qopheessu” kan jedhuudha.
Akka lammiileen biyyattii keessumaa ummanni Oromoo kallattiinis ta’e alkallattiin rakkinichaan gidiraa argaa ture, “Waamichi araaraa mootummaan Shaneef dhiyeesse kun yeroosaa kan eeggateefi rakkoo nageenyaa tures hundeerraa furuuf carraa kan banuudha. Mootummaan nageenya hawaasaaf dursa kennuun rakkoo ture karaa nagaatiin furuuf waamichi taasise fudhatama guddaa kan qabu waan ta’eef milkaa’ina waamicai araarichaatiif nitumsina” jechuun abdii nageenyaa haalichaa eegu ibsataa jira.
Kanaaf waldhabdee uumamu akka duudhaa Oromootti ilaafi ilaameedhaan furuun ummata nagaa dheebote, keessumaa kan lixaafi kibbaa waggootaaf rakkoo hamaaf saaxilame afuura baafachiisuun murteessaadha. Waamicha araaraa ummataafi biyyaaf dursa kennuun dhiyaateefi ummanni biyyattii abdiin eegaa jiran kun akka milkaa’uufis qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi qoodasaanii bahachuu qabu.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015
7 Comments to “Waamicha araaraa ummataafi biyyaaf dursa kenne”